12/02/2025
Jechaa dhugatii walyii
Si Hin Dhiisan…
“ Samiin maaf akkanatti bareeddi “ jennaan ;” Ilma namaatu irra hin jiraanne “ jedhan…
Ilma namaa moo!?
🌴 Imaamu Ahmadiin akkana jedhanii gaafatan;” Ilma namaa irraa akkamitti nagaya bahuun danda’ama !?” Jennaan, ;” Kennuufi malee irraa fudhatuu irraa fagaadhu…Yoo jarri si rakkisan deebiftee rakkisuu irraa baqadhu… dhimma isaanii baasiif malee akka dhimma kee siif baasan irra hin eegin… “ jennaan “ Yaa Imaama! Akki kuni ni ulfaata “ jennaan “ Akkasittuu mee nagaya bahi “ jedhaniin…
Ilmi namaa hedduun jireenya ofii caala,jiruu namaa keessa jiraata,akka sar**ee raqa hundarraa duta,akka tiitichaa xurii fi madaa hundarra taa’a.
Homa feete taatu sin dhiisan…
Yoo ati masjida deemuu heddummeessite… kuni muxawwaa dha jedhu.
Yoo ati Hoteela deemtes,kuni durriyyee dha jedhu.
Yoo ati haadha warraa keetiin mari’atte,kuni jaartiin hoogganama jedhan.
Yoo ati isiin mari’atuu dhiifte,kuni jaartii isaa tuffata jedhu.
Yoo ati gabbatte hin yaadu jedhu.
Yoo ati qal’atte dhibee qaba jedhu.
Yoo ati hiyyoomatte hojii hin beeku jedhu.
Yoo ati duroomte waa qaba jedhu.
Yoo ati arjoomte qabeenya qabatuu hin beeku jedhu.
Yoo ati qusatte kan harka goggogaa (Donya,bakhiila) jedhu.
Yoo ati nama gaarii taates sin dhiisan
Yoo ati badaa namaa taates sin dhiisan!
Yoo hanqinaa fi dogoggora ittiin si xureessan dhaban; ofumaaf uumanii sitti laaqu!
Kanaaf wanti nama hedduu Ibidda Jahannamitti gangalchu “ ARRABA 👅 tahe”
“ Namni obboleessa isaa waan inni hin qabneen tuqe; RABBIIN dhoqqee (dhangala’aa warra jahannamirra bahu) keessa isa galcha,hanga inni waan jedhe irraa qulqullaa’utti “ jedhan Nabi Muhammad
صلى الله عليه وسلم
Sammuu dhimma namaa qofaan duute,tan dhii**ga ilma namaa dhugaa ooltu RABBIIN nun taasisin.