10/04/2023
SIIF JEDHEEN OF DHIISE!
Haadha tokkotu ilma tokko qabdu wajjin jiraatu turan. Haati kun rakkina ulfaata keessatti mucaa ishee guddisti turte. Gargaarsa kan biraa xiqqoo illee hoomaa hin qabdu turte, nyaata xiqqoo yommuu argattu mucaa isheetiif laattii, yoo irra hafees kun boodaaf siif ta'a jette keessi inni immoo deebisee, Atihoo? Jedhee yommuu gaafatu, "Siif jedheen of dhisee"jetti. Mucaa isheef waan argatteen Uffata isaa yoo jijjiirtuuf inni immoo deebisee Atihoo? jedhee Isheenis deebifte, Siif jedheen of dhisee jette deebistiif.
Haala kanaan mucaa ishee mana barumsaa galchite, innis guddate yaaduu eegale, jireenyi haadhaa isaa waan itti dhaga'amuuf waan tokko murteeffate, barnoota isaa dhisee hojii humna eegale. Haati isaa maaliif yaa ilma koo anoo barattee bakka gaarii ga'uu keen hawwa maaliif maal taatee jetteen. Innis deebisee ati naaf jette of dhiiste, ani immoo dabaree koo siif jedheen of dhisee jedhe deebiseef.
Hojii humna hojjete osoo haadhaa isaa jiraachiisu jiruu, haati isaa dhukkubsate mana yaala galchee, Yaala isheef qarshii guddaa gafatamee, wanti inni argattu nyaata isaanii irra darbee hoomattu gochuu hin danda'u. Innis Dokteeridhaan haati koo asuma haa ciiftu, ani waanan argadhuu wallitti qabe nan yaalchiisa jedhe. Haadha isaa mana yaalatti gattee ofiif hojiidhaaf oliif gadii fiige hojjete galgala yommuu inni deebi'uu haati isaa dadhabdeetti.
Dhufee gurra isheetti jedhe harmee koo; anis siif jedheen of dhiise harmee koo, atis naaf jedhi dhisii kaa jedhe hirqinfatee bo'ee, ol jedhe gara Waaqa ilaalle haati koo naaf jette of dhiiste, anis haadha koof jedheen of dhisee, ati immoo anaaf jedhi dhisii kaa jedhe kadhate. Giddutti Dokteeriin tokko dhufee ol seenee, mucaa ilaalle dhaabbachuu dadhabee; hin bo'in baasii hundumaa danda'e haadha kee siifan yaala ittin jedhe harmee isaa du'a irra hambiseef jedhama.