Taju bilisaa

Taju bilisaa Dirree xiinsammu
Jechootaa hayyoota.

28/09/2025

Abdii kutuun Diina milkaa’inaati

"Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture."

■ Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.

■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

26/09/2025

Amala namoota
bilchaata qabanii Kunooti

(1,) Yeroo hundumaa sochii irratti argamu. Maaliyyuu yoo isaan mudate sochii isaani hin dhaaban. Yeroo isaani gubuu hin fedhan.

(2,)Jijjirama "baga nagaan dhufte jechuun" ni simatu. Mudannoo jijjiiramicha irratti jijjiramicha fiduu irratti isaan mudatus akkasuma ni fudhatu.

(3,)Gammachuu dhaabbataa ta'e qabu. Kufaatin iyyuu yoo isaan mudate akka carraa gaariitti waan fayyadamaniif gammachuun isaani hin hir'atu.

(4,)Namoonni akkasii kun Gaariidha, haqa qofa jaallatu. Waan itti dhaga'amee haasa'uufis eeyyama namaa utuu hin eegin dubbatu.

(5,)Milka'ina namoonni biroon goonfatanitti ni gammadu. Hinaaffa wanti jedhame jireenya isaani keessatti hin mul'atu.

(6,)Mudannoo milka'ina dursee dhufu fudhachuuf fedhii guutuu qabu.
Ati kamiin keessa akka jirtu of ilaali. Yoo hanqina qabaatte sirreeffachaa adeemi.

Namoota bilchaatoo jedhaman kanatti makamuuf ammuma irraa jalqabii sammuu kee irrattii hojjechuu eegali.

Address

Babile

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Taju bilisaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share