Kumaa oromoo

Kumaa oromoo Aadaa fi afaan oromoo guddisuudha kaayyoon

Eid mubarak for all ☪️!!
16/06/2024

Eid mubarak for all ☪️!!

18/05/2024

Nu hordofaan afeerraa Kenya ammallee.

18/05/2024

WAA'EE QORICHAA ALBENDAZOLE
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1. Qorichi Albendazole maali?
♦️Albendazole_jechuun qoricha farra raammoo(anthelmintic) ta'ee, raammoon qaama keessati akka hin guddannee fi wal-horanii akka hin baay'annee ittisuuf gargaarudha.

2. Albendazole maalif fayyadamna?
♦️dhukkuboota sababa raammoolee adda addaa kan akka raammoo booyyee(pork tapeworm) fi raammoo saree(dog tapeworm) jedhamuun dhufan wal'aanuuf gargaara.

3. Qoricha Albendazole fudhachuun durati maali godhuu qabnaa?
♦️Namoonni alarjii Albendazole qabu qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
♦️Namoonni Rakkoo ijaa(especially problem with retina) , dhibee tiruu fi kkf qabuu ogeessa fayyaa beeysisuu malee fayyadamuu hin qabu.
♦️Dubartiin ulfaa qorichaa kana fayyadamuu hin qabduu daa'imaa ishii miidhuu danda'aa wan ta'eef.
♦️Haati hoosistuu qorichaa kana fayyadamuu hin qabduu ogeessa fayyaa gaafatu malee.
♦️Ijjoolee waggaa 2 gadii qorichaa kana fayyadamuu hin qabduu.

4. Qorichaa Albendazole akkamiti fudhachuu qabna?
♦️Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
♦️Nyaata waliin fudhachuu qabnaa.
♦️ilkaaniin caccabsinee ykn alanfannee bishaan burcuqoo 1 guutuu walin fudhachuu qabna.
♦️Qorichaa kana ulfaatina qaamaa bu'uureyfannee hamma doosii isaa herregnee fayyadamuu qabna.
♦️Qorichaa kana erga jalqabnee booda yeroo hamma ajajamee hanga xumurruu jidduun dhaabuu hin qabnuu dhukkubbiichii cimuu wan Danda'uuf.
♦️Qorichi kun rakkoo dhiiguu fiduu wan maluuf mana yaalaa deddeebinee of laaluu qabna.
♦️Tiruun kenya akka sirriti hojjachaa jiruu torbee lama lamaan gara mana yaalaa deddeebinee of ilaalchisuu qabna.
♦️Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa ta'e irraa fageysinee kuusuu qabna.

5. Qorichii Albendazole miidhaalee akkamii fiduu danda'aa(side effect)?

♦️Sababaa miidhaa(side effect) qoricha kanaatiin mallatooleen kuniin qaama kenya irrati mul'achuu ni danda'aa......
_Dhukkubbii mataa(headache).
_Hoo'iinnii qaamaa dabaluu(fever).
_Hoollachuu.
_Ijaan sirriti arguu dadhabuu(vision problem).
_Gaggabuu (seizure).
_Haqqisuu fi lolloocuu(vomiting/nasea).
_Dhukkubbii garaachaa(stomach upset).
_Darbee darbee rifeensaa balleessuu (hair loss) fiduu danda'aa.
_Tiruun kenya akka sirriti hin hoojjanne danquu danda'aa.

https://www.facebook.com/profile.php?id=100090134042263&mibextid=ZbWKwL

^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
C.pharmacist. Rayid jibril.

27/03/2024
27/03/2024

Dorgommii ajaahibaa abiy ahmed jawar mohamed fi lammaa magarsaa

26/03/2024

Abiy ahmed jawar mohamed fi lammaa magarsaa dorgommii ajaahibaati

26/03/2024

Dorgommii abiy ahmed jawar mohamed fi lammaa magarsaa waan ajaahibaati

26/03/2024

WAA'EE QORICHA GRISEOFULVIN
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1️⃣. Qorichi Griseofulvin maali?
✍Griseofulvin~jechuun qoricha farra-fangasii ta'ee kan inifeekshinii baay'ee sababa fangasii qofaan dhufan wal'aanuuf gargaaruudha.

2️⃣.Qoricha Griseofulvin maalif fayyadamna?
✍Inifeekshinii sababa fangasiitiin kutaalee qaama keenyaa miidhan kan akka.....
* Inifeekshinii fangasii gogaa(ringworm).
* Inifeekshinii fangasii gogaa miilaa(athlete's foot).
* Inifeekshinii fangasii gogaa mataa keessaa(fungal infection of scalp).
* Inifeekshinii fangasii qeensa qubbeeni harkaa.
* Inifeekshinii fangasii qeensa qubbeeni miilaa fi kkf wal'aanuuf gargaara.

3️⃣.Qoricha Griseofulvin fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍Yeroo qoricha kana fayyadamnu alcoolii irraa fagaachuu qabna.
✍Namoonnii alarjii qoricha griseofulvin qabu qoricha kana yoomiyyuu fayyadamuu hin qabu.
✍Yeroo qoricha kana fudhannee uffata aduu sirriti ittisu uffannu malee ifa aduu keessati mul'achuu hin qabnu qorichi kun aduun caalaati akka nama gubu godhuu danda'aa wan ta'eef.
✍Namoonni rakkoo tiruu qabu qoricha griseofulvin fayyadamuu hin qabu.
✍Yeroo qoricha kana fayyadamaa jirru gogaa infeekshinii fangasiitiin miidhame akka qilleensi gahaan bira gahu godhuu qabna. fkn infeekshinii fangasii miilaa yoo qabaanne shurraaba qulqulluu fi kophee banaa uffannee qilleensi akka sirriti bira gahu godhuu qabna.
✍Dubartiin ulfaa fi haati hoosiftu qoricha kana fayyadamuu hin qaban.
✍Ijoolleen waggaa 2 gadii qoricha kana fayyadamuu hin qaban.
✍Qoricha kana iddoo hoo'aa, ifa aduu fi jiidhaa ta'ee irraa fageeysinee kuusuu qabna.

4️⃣.Qoricha Griseofulvin akkamiti fudhachuu qabnaa?
✍Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
✍Qorichi kun bifa dhangala'ootiin yoo jiraate sirriti raafnee safarree fudhachuu qabna.
✍Qoricha kana kiiniinii guutuu isaa liqimsuu yoo dadhabnee caccabsinee bishaan xiqqo waliin bulbullee yeruma sanif fudhachuu ni dandeenya.
✍Qoricha kana ergaa jalqabnee booda yeroo hanga fudhatamuu qabu hanga xumurruu mallatoo dhibichaa fooyya'insa ofirrati arginani jidduun dhaabuu hin qabnuu dhukkubichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda'uuf.
✍Qoricha kana torbee hedduuf fudhachuu qabna fkn infeekshinii fangasii qeensaa guutumati wal'aanuuf ji'oota baay'ee fudhachuu qabna.
✍Qoricha griseofulvin yeroo dheeraaf yoo fayyadamnee gara mana yaalaa deebinee ofi ilaaluu qabna.

5️⃣.Qoricha Griseofulvin miidhaalee akkamii fiduu danda'aa?
✍Sababaa qoricha kanaatiin miidhaaleen adda addaa kan akka......
* Dhukkubbii mataa.
* Rakkoolee gogaa.
* Dadhabuu.
* Haqqisuu fi lolloocuu.
* Gubaa garaachaa.
* Hirriiba dhabuu.
* Jaanjahuu.
* Hoo'ii qaamaa dabaluu.
* Afaan fi laagaa keessaan a'addaachuu.
* Harkaa fi miilli dhukkubuun balbaluu.
* Mallatooleen dhiiguu garaachaa mul'isu kan akka boba'aa dhiiga of keessaa qabu ba'uu, dhiiga qufa'uu ykn haqqisuu fi kkf mul'achuu.
* Rakkoo kalee kan akka fincaan xiqquma finca'uu ykn dhabuu,miilli dhiita'uu,harganuuf rakkachuu fi kkf saaxilamuu.
* Rakkoo tiruu kan akka fedhii nyaataa dhabuu, dhukkubbii garaachaa,fincaan gurraacha'uu, halluun gogaa ykn ijaa keelloo ta'uu fi kkf saaxilamuu.
* Mallattoon dhukkuba sirna narvii, cabsannaalee qaama, gogaa fi kkf miidhaan mul'achuu fa'aadha.

👂kanaafuu yeroo mallatoolee kanneen ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fayyadamuu dhaabnee gara mana yaalaa deemuu qabna.

https://www.facebook.com/profile.php?id=100090134042263&mibextid=ZbWKwL
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.

25/03/2024

Attention

OFEEGGANNOOf!!!
Yeroo Ammaa kana viidiyoon jibbisiisaan safuu cabse (pornographic videos) beekamtii abbaa fb page malee maxxansamaa jira. Maxxansa kana abbaan FB ofii hin argu garuu namni biraan ni arga. Kanaaf waan akkasii yoo profile Koo irratti dhoobameera ta'e beekumsa Kootii ala ta'uu isaa Akka naaf beektan isiin jechuun barbaada. Isinis ergaa kana copy godhaatii page keessanirratti dhoobuudhaan gochaan Kun Akka kan keessan hin taane hiriyyoota FB keessanitti beeksifadhaa. GALATOOMAA!

ATTENTION!!
It has been noticed of late that invisible pornographic videos are published in people's profiles, without their knowledge. The owner of the page doesn't see them, but the others do, as if it were an authentic publication that you had made! They post their comments as if they were you... Please, if something as such happens on my page, notify me immediately. Out of respect for EVERYONE, as well as my own integrity, I distance myself from such publications. Copy and paste on your page. It is time for this phenomenon to stop.
THANKS.

🌙Ramadaana Mubaarak!🇸🇦Hawaasa Muslimaa hundaaf, baga nagaan dhaqabdanii! Baatiin Ramadaanaavqulqulluun, kan araaraa fi j...
11/03/2024

🌙Ramadaana Mubaarak!🇸🇦
Hawaasa Muslimaa hundaaf, baga nagaan dhaqabdanii! Baatiin Ramadaanaavqulqulluun, kan araaraa fi jaalalaan guutame, seenee jira. Ji'a Ramadaanaa arguun, gammachuu guddaa dha.Jalqaba Ramadaanaa:Boru, Guraandhala 11, 2024.Salaata Taraweeh: Har'a galgala Salaata Ishaa booda eegala.
Baatiin kun hundi keenyaaf akkaataa itti dhiifama argannu, wal jaalannu, fi hafuuraan guddinuuf carraa nuuf kenna. Soomni keenya qeebalamuu, du'aayiin keenya deebii argachuu, fi lubbuun keenya rahamata Rabbii argachuu fi warraa irraa fayyadamuu Rabbii nu ha taasisu.
Ramadaana Mubaarak!🌙❤️

Address

High Street
Harar

Opening Hours

09:00 - 17:00

Telephone

+251954406792

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kumaa oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share