04/07/2025
Biyyaa fi Biyyoo Abbaatu Eeggata!
Gaara Dayya’aa Guurii, Gaara Ashaaraa Magariisaan Daara ba'e!
Addunyaan jijjiirama qilleensaan qoramaa jirti. Ho'i garmaleen, roobni Yandoo lolaa hamaa uumu, hobomboleettiin hamaafi dhiqamni biyyee biyyoota hedduu keessatti mudatu, Sababa Jijjiirama qilleensaafi ciramuu bosonaatiini.
Akka Hoggansa Jijjiiramaatti, biyyaafi biyyee abbaatu eeggata waan ta'eef, biyya magariituu dhaloota dhaalchisuuf, sagantaa ashaaraa Magariisaa labsinee hojiitti galleen, bu'aa hedduu arganne.
Gaarri Dayya'aa Guurii, Godina Arsii Aanaa Heexosaatti argama. Gaarri kun kanaan dura tuttuqaa namaafi horii irraa bilisa waan hin taaneef, namni ciraa, beellannis dheedee, bosonni irraa manca'ee qullaatti hafe.
Barii Jijjiiramaa, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegaleen, gaarri Kun xiyyeeffannoo argatee, bona daagaan bishaan cimmisu irratti hojjetamee, ganna bara 2011 irraa eegalee ammoo, sagantaa ashaaraa magariisaa waggaa waggaan gaggeeffamuun itti fufinsaan niqiltuun irra dhaabateera.
Gaara kana tuttuqaa namaafi loonii irraa eegaa akka irraa fayyadamaniifis, Waldaan IMX Indaalaa,Tum'aafi hiriyyoota isaa miseensa nama 60 qabu bara 2011 irratti gurmaa'anii hojjechaa jiru.
Yeroo ammaa kana gaara Dayya'aa Guurii keessatti biqiloonni uumamaa quucaranii turan bayyanatanii, lalisaniiru.
Biqiltuuwwan Sagantaa ashaaraa Magariisaan dhaabamanis lafa qabatanii lalisanii, bosonaa ta'aniiru.
Waldaan IMX Indaalaa, Tum'aafi hiriyyoota isaas gaara bosona uffate kana keessaa marga gurgurachaa, yeroo ammaa kana ammoo gaagura ammayyaa 26 galchatanii Itti fayyadamaa jiru.
Itti fufinsaan Hojii ashaaraa Magariisaa hanga ammaatti gaara Dayya'aa Guurii irratti hojjetameen lafti gaaricharratti argamu heektaarri 830 sagantaa ashaaraa Magariisaan misoomeera.
Biyyaafi Biyyoo Abbaatu Eeggata.
Har'as boris dhaabuun haa bayyanan