16/08/2025
Rakkoo wal simachuu dhabuu Aantijinii gartuu dhiigaa Yeroo Ulfaa!
(RH incompatability)
Gartuun dhiigakee maali?. Akkuma beekamu gartuuleen dhiigaa ABO jedhaman 4 yoo tahan .isaanis A,B AB fi O dha. Gartuuleen dhiigaa kunniin ofirraa RH antigen kan qabu yoo tahu, gartuun dhiigaa RH antigen D ofirraa qabu + yoo jennu (A+, B+, AB+, O+) kan RH antigen D jedhamu ofirraa hin qabne – jenna( A-, B-, AB-, O-) l. Dhiirri tokkoof dhalaan tokko gaa'ela dhaabbachuun dura ykn erga dhaabbatanii booda gartuu dhiiga isaanii qorachiisuun baayyee barbaachisaadha
Fakkeenyaaf Haati tokko gartuun dhiigashee negative (A-, B-, AB-, O-) yoo taheef abbaan gartuun dhiiga isaa positive((A+, B+, AB+, O+) yoo tahe rakkoon kun baay’inaan mudata. Kanaaf Haati negative, abbaan positive akkasumas daa'imni yoo positive tahe mul'ata.
Yeroo ulfaa dhiigni daa'imaaf haadhaa wal keessa waan deemuuf RH antigen gartuu dhiiga haadhaa( positive or negative) fi kan daa’imaa wal simachuu dhabuurran kan kahe Haati gartuu dhiiga mucaa sana akka farra alagaatti waan ilaaluuf qaamota farra qaama alagaa lolaan(antibody) kan jedhamu oomishti. Qaamni farra alagaa gartuu dhiiga mucaa sanaaf qophaa'e gara dhiiga daa'imaatti makamuun seelota dhiiga diimaa daa’ima sanaa balleessuun daa'imni sun hir'ina dhiigaan qabamuun akka miidhamu godha. Sababa kanaarraa kan ka'ees qaamni daa'ima sanaa dhiita’uun hanga sadarkaa du'aattillee geessisuu nii danda’a.
Hub: 1. qaamni farra alagaa Haati qopheessitu sun ulfa jalqabaarratti gara daa’imaa deemuu hin danda'u. Ulfa lammaffaarraa kan jalqabui taha
2. Haati manaa gartuun dhiigashee negative taheef abbaan manaa positive tahe yeroo ulfaa mana yaalaatti hordoffii gochuu qabu. Lilmeen farra qaama alagaa Haati qopheessite sana balleessuuf kennamu waan jiruuf yaadda'uu hin qabdan
3. Gartuu dhiiga abbaa manaaf Haadha manaarra RH antigen jiru wal fakkaataa yoo tahe ykn gartuun dhiiga haadhaa + tahee kan abbaa – yoo tahe rakkoowwan akkasii hin mudatan. Kanaaf sababa kanaarraan kan kahe namoonni baayyeen mana yaalaa osoo hin deemiin daa'ima isaanii garaa keessatti dhabaa waan jiraniif qoratamuunif hordoffii yeroo ulfaa gochuun baayyee barbaachisaadha.
Daa’imni kamillee sababa kanaan du'uu hin qabdu!
Gartuu dhiiga keessanii qoratamaa ilaalamaa.
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu!