31/01/2026
Waggaa 25 erga ogeessi yaala "baqaqsanii yaaluu onnee/cardiac surgeon" lubbuu Mesfin baraaree booda, lammanuu wal qunnaman. Amma waliin lubbuu hedduu baraaraa jiru.
Mesfin Doolaar baadiyyaa xiqqoo itoophiyaatti kan guddate yoo tahu, yeroo umriin isaa 11 mucaa gar-malee dhukkubsatu ture.
Doktoroonni naannoo isaa gargaaruu waan hin dandahiniif, gara handhuura biyyaa finfinneeti ol erga. Achittis warri tola ooltummaa sagantaa isaaf mijeessun America(USA) tti yaalii onneetiif ergan.
Gaafa umriin isaa 15 gahu Atlanta, USA dhaquun Surgery/Operation onnee si'a lama harka Dr "Jim kauten" tti tahe.
Mesfin " du'ufan deeman se'e" jedha. "Garuu Dr Jim kauten na baraaruu dandaheera" jedha.
Dr Jim maqaan masoo isaa ogeessa lubbuu baraaru jedhamee waamama.
"Ani nama rabbiin onnee baqaqsii, lubbuu baraarii,nama gargaari jedhee lafa kanarra na fidedha jedheen amana" jedha Dr Jim.
Mesfin achumaan USA keessatti hafe. Gaafa guddatu ogeessa meeshaa onnee "Cardiac perfusionist" tahuuf murteesse. Kanaanis maashiinii akka onnee tahuun yeroo onneen baqaqfamu dhiiga tamsaasu, irra hojjata, lubbuu nama baayyees gargaara.
"Siree Opereeshinii irra ciisee waanan tureef dhukkubsataa tahuun maal akka tahe beeka, sodaan gaafasii sana hunda ammayyuu nan yaadadha," jedha masfin. "Yerichadha kanan akka ogeessa onnee tahee nama tajaajiluu qabu murteesse".
Mesfin kaayyoo isaa guutummaatti hordofe milkeeffate. Tola-ooltummmaa onnee itoophiyaa kan "Heart attack ethiopia" jedhullee hirmaate.mesfin Dr Jim illee dhaabbata kana keessa akka galuuf murteesse hin beeku ture.
"Lamman keenyayyuu gaafa deebinee wal-arginu miira addaatu nutti dhagahame. Kun marsaa jireenyaa addaati. Dafnee akka kana wal argina hin seene" jedha mesfin.
Dr Jiim ammallee yeroo sana ni yaadata.
Amma lammaan isaanii kaayyoo tokkorra jiru.
"Bakka itti adda baaneerra deebinee walqunnamuu dandeenye. Duraan dhukkubsataa isaan ture, amma garuu waliin taanee lubbuu nama hedduu baraarra" jedha Mesfin.
Waliin tahuun tola-ooltummaa ergama walii galaa afur xumuruun, Lubbuu 400 ol baraaruu dandahaniiru. Ogeessota onnee biyya keenyaallee leenjisaniiru.
Dr Jim, masfinin baayyeen boona jedha. Jireenya isaa sana fakkaturraa ka'ee biyya isaaf bu'aa hamma kana buusuun isaa na dinqa jedha.
Mesfinif Dr Jim wajjiin hojjachuun abjuu isaa isa guddaa ture.
"Abjuu kootu dhugoome, ogeessa yeroo tahe baqaqsee na yaale waliin amma lubbuu baayyee baraaraa jirta. Anaaf waan guddadha" Jedha Mesfin.
🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰
Twenty-five years after a heart surgeon saved Mesfin's life, the two met again - now they're saving lives together...
Mesfin Dollar grew up in a small village in Ethiopia, and by the time he was 11, he was a very ill little boy.
Local doctors couldn't help, so he travelled to the capital, Addis Ababa, where a charity arranged for him to have heart surgery in the US.
So at the age of 15 Mesfin flew to Atlanta, US, and had two life-saving heart surgeries at the hands of Dr Jim Kauten.
"I thought I was going to die," says Mesfin. "And Jim Kauten, Dr Jim Kauten, he was able to save me."
As for Jim - saving lives is his calling.
"You know, about midway into my career, I kind of realised I was put on this earth to do heart surgery and to help people," he says.
Mesfin remained in the US, and when he grew up he decided to become a cardiac perfusionist, operating the life support machines used during surgical procedures like the one he'd had as a child.
"I've been on that operating table and I know what it's like to be a patient - the fear, all the flashbacks," he says. "I decided at that moment to be a cardiac perfusionist and be able to help others."
Mesfin followed his aims full-circle. He decided to volunteer for Heart Attack Ethiopia - without realising that Jim had decided to do the same.
"We were both a bit surprised when we saw each other. This is like an incredible life circle moment. We re-bonded so quickly," says Mesfin
Jim still remembered Mesfin from all those years ago. "He was a very determined, charming child. He was easy to like," he says.
But this time, the two men were on a mission together.
"We were able to pick up where we left off, but before I was his patient, and now we are going to save another life," says Mesfin.
They've since completed four missions and saved over 400 lives together. They're also training local heart surgery teams to save lives on the ground.
Jim says he's so proud of Mesfin:
"I applaud Mesfin for taking time out of his busy life and career and going back home and paying back. I'm very proud of him for what he's done."
For Mesfin, working with Jim is everything he's ever dreamed of.
"It's a dream come true. Just working along with a surgeon who operated on me once, and now we're operating together, helping others, it’s such a wonderful meaning," he says.
Now, their relationship goes deeper than former doctor and patient. "He claims me as his fourth father,” says Jim. “So that's an honour in and by itself.”
"It's such an amazing privilege that we have," says Mesfin. "To be together and to serve together, I am just so beyond thankful."
Dr Gado
https://www.youtube.com/