Adinan Taju Mahamed

Adinan Taju Mahamed ๐˜๐š๐š๐ฅ๐ข๐ข ๐๐š๐๐ก๐š๐›๐ข ๐ฆ๐š๐ฅ๐ž๐ž,
๐˜๐š๐š๐ฅ๐ฎ๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐๐š๐๐ก๐š๐›๐ข๐ง!! Adinaan Taajuu Mahammad
(2)

Tan bara khanaa  nu dabartuu, hajjii bara dhufuu maatii tee waliin godhuu rabbi siif haa laaffisu.๐Ÿคฒ๐Ÿ•‹
27/05/2026

Tan bara khanaa nu dabartuu, hajjii bara dhufuu maatii tee waliin godhuu rabbi siif haa laaffisu.๐Ÿคฒ๐Ÿ•‹

27/05/2026

Ed MUBAARAK
Baga Rabbiin guyyaa har'aa kanaan nugahe๐Ÿ’ซ๐Ÿ’š๐Ÿ’™๐Ÿ’Ž

09/05/2026

Ol-qbaa fi Gad-qabaan
Wal-dhaba, Akka dhabaa fi
Of dhaba, Fayya dhaba
nurraa haa qabu.๐Ÿ’ซAammiin ๐Ÿคฒ

๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ
07/05/2026

๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ

05/05/2026

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaah ๐Ÿ’ซ

17/04/2026

Si rakkisee fuula namaa
Dura Rabbiin sin dhaabin.๐Ÿคฒ

17/04/2026

Yaa rabbi nuuf kennitee nurraa hin fudhatin ๐Ÿคฒ
Nurraa fudhattees nun mokkarin ๐Ÿคฒ

Rizqiin tee haa baldhattuWanti waan 4n kana caala Rizqii namaa dabalu inuma hin jirre. isaanis:1) Rahima/aanaa kankee ja...
10/04/2026

Rizqiin tee haa baldhattu

Wanti waan 4n kana caala Rizqii namaa dabalu inuma hin jirre. isaanis:

1) Rahima/aanaa kankee jabeeffachuu,
2) Haadhaa fi abbaa kankeetitti tola ooluu,
3) Xiqqaattus hammuma qabdu irraa waa kennachuu/sadaqachuu,
4) Haqa namaa galchuu fi haqa bakka isiin madaaltu kaayuudha jedhan hayyoonni Islaamaa.

Namni Sadii Lammata Siif Hin Dhalatuu Jabeeyfadhuโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข1: Haadha Tee 2: A...
30/03/2026

Namni Sadii Lammata Siif Hin Dhalatuu Jabeeyfadhu
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

1: Haadha Tee
2: Abbaa Kee
3: Obboleyyan Kee

โ€ข Waa Sadi Waa Sadiin Tola !!

1: Beekkumsi Barsiisuun
2: Qabeenyi Kennachuun
3: Jiruun Ibaadaan

โ€ข Waa Sadi Nama Sadiirraa Haa Tolti !!

1: Ibaadaan Dardararraa
2: Kennachuun Miskiinarraa
3: Qaanfiin Dubartiirraa

โ€ข Waa Sadi Nama Sadiirraa Haalaan Fokkotti !!

1: Ibaadaan Dhiisuun Manguddoorraa
2: Boonuun Miskiinarraa
3: Qaanfachuu Dhabuun Dubartiirraa

โ€ข Ya Rabbi Kheeyrii Addunyaa fii Aakhiraa Hunda Walitti Nuuf Qabi

Barreeffama Kana Dubbisaatii Godhaa Waliif Raabsaa.

Dhaamsa Ogeessichaa: Istiiv Jobsin beektuu ?Sooressicha addunyaa kaampaanii "Apple" jedhamu nama hundeesse ture. Istiiv ...
23/03/2026

Dhaamsa Ogeessichaa:

Istiiv Jobsin beektuu ?
Sooressicha addunyaa kaampaanii "Apple" jedhamu nama hundeesse ture.

Istiiv Jobsi qabeenya maallaqaatiin nama Biil Geetiin dorgomu ture. Namni kun umurii isaa waggaa shantamii jahatti dhukkuba tiruutiin du'e.

Istiiv Jobsi tibba du'uf jedhu sanatti siree hospiitaalaa irra ciisee akka jedhe:

"Ani qabeenyaadhaan nama bantii irra jiruun ture.
Ija namoota birootti ani biyya lafaa irratti nama milkaa'aafi gammadaan ture. ...Dhugaa dubbachuuf garuu ani nama hagasmara gammachuu qabu hin turre.

Siree hospiitaala irra ciisee amma jireenyan dabarse wayitan xiinxalu keessa kiyyaatu quuqama.

Kabajaa, beekamtiifi qabeenyaan ani walitti hare fuula du'aatti surraan isaanii golgolaa'aadha.

> Namni tokko makiinaa kee akka siif oofu mindeeffachuu nidandeessa....Dhimma faayinaansii kee akka siif hordofuf immoo nama biraa bakka buufachuu nimalta.

> Gama biraatiin garuu namni dhukkuba kee siif dhukkubsatee gidiraakee akka siif fudhatu, akkasuma akka siif du'u gochuu tasayyuu hin dandeessu.

โ— Qabeenyaan yoo sijalaa bade deebitee argachuu nidandeessa. Erga dhabamee booda wanti ati deebistee argachuu hin dandeenye tokko jira: Innis Lubbuukeeti.

โ— Sadarkaa jireenyaatiin bakka barbaadde irra tahi. Biyya feetes jiraadhu. Jireenya dhala namaa keessatti guyyaan Golgaan Jireenyaa itti cufamu jira.

Kanaaf, namoota siwajjiin jiranitti haada/funyoo hammeenyaa xaxaa hinoolin. Hiriyyootakes tahan namoota daandiikeef ifa tahan cufa jaalladhu.

โ— Saatiin birrii dhibba shaniin bitamus tahe kan birrii kuma shanii yeroodhuma tokkicha lakkaawu.

โ— Makiinaan birrii miiliyoonni sadi'is tahee kan birrii miiliyoonii soddomaa daandiidhuma walfakkaataa irra kaatu.
Bakkuma tokkicha gahanii dhaabatus.

โ— Manni kaaree meetirii dhibba tokkos tahee kan kaaree miitirii kuma tokkoo, du'a kophaa kee duutu irraa sin baraaran.

Ilaa Qalbifadhu:
Gammachuu dhugaan, waan gaarii dalagdee nama wajjin kolfituufi taphattu qabaachuu kee keessaa argama.
Gammachuu dhugaan, namootni ati bu'aa taateef wayita isaan gammadan argitee eebba isaaniitiin dhiqamuu kee keessaa argama.

Hunda Caalaatti:

Ijoolleen kee garmalee maallaqa sassaabuu irratti akka xiyyeeffatan hin gorsin. Maallaqa sassaabuu irratti akka xiyyeeffatan barsiifta taanaan, guyyaa kaayyoon isaanii galma gahuu dhabe dhiphina hamaatti seenu. Fayyaan isaaniillee gaaga'amuu mala.

Kanaaf, galmi kee jalqabaa ijoolleen kee jireenya qabanitti gammadoo akka tahan daandii agarsiisuu haatahu.

Itti dabalees, ijoolleen kee meeshaa argatan gatii (price) isaatiin otuu hin tahin faayidaa inni kennuun akka madaalan itti himi.

โ˜†โ˜†โ–ช๏ธŽโ–ช๏ธŽโ–ช๏ธŽ
Gorsa kana hiriyoota keef SHARE gochuu hin dagatin.

โ˜†โ–ช๏ธŽโ–ช๏ธŽโ–ช๏ธŽโ–ช๏ธŽ

Maddi;

Interesting Quote

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Adinan Taju Mahamed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Adinan Taju Mahamed:

Share