Ahmed sherif yuya

Ahmed sherif yuya قَالَ رسول الله صلى الله عليه وسلم: ((رَغِمَ أنْفُ رَجُلٍ ذُكِرْتُ عِنْدَهُ فَلَمْ يُصَلِّ عَلَيَّ)).

02/04/2025

Ulaaga Jaalala Dhugaa
💝💝💝💝💝💝

✔️ Namaaf jettee yeroo kee hin gubin.
✔️ Jaallatamuufis ta'e jaalachuufis jette hin rakkatin, kan maalummaa kee beeku si jaallatati.
✔️ Waan gaarii gootu hunda ilma namaarraa hin eggatin waaqarraa galata argattaati.
✔️ Namaa tokkoo jaallatee yoo dhabde itti hin gaddin, maaliifuu waaqayyo namaa sana akka inni siif hin taane waan beekuuf sirraa qabe.

Jaalalli dhugaa:
✔️ Dhoksaa hin qabu.
✔️ Gaabbii hin qabu.
✔️ Jibbaa hin qabu.
✔️ wal tuffii hin qabu.
✔️ Wal komii hin qabuu.
✔️ Walitti muufachuun yoo jiraates walirraa fagaachuu hin qabu.
✔️ Jaalalli dhugaa onnee qulqulluu qofa barbaada.

• Hiriyaan gantuun waa sadii (3)
1. Qorree bishaan keessaa
2. Bofa marga keessaa
3. Summii midhaan keessati.

• Hiriyaan dhugaa waa sagal (9) : Garuu salgaan sun bakka sagaltama siif gaha.
1. Abdii jiruu
2. Obsaa jiruu
3. Gorsaa jiruu
4. Qajeelchaa karaa
5. Dawaa sammuu
6. Irkoo guyyaa rakkoo
7. Galmaa geessa kaayyoo keeti
8. Jajjabeessa hojii keeti
9. Gorfataa karaa guddinna

✔ Hiriyaa sobaa mannaa diina dhugaa wayya. Maalif seetee, diinaa akka diinattii beektee irraa fagaatta, garuu hiriyaan gadhee si fakkaatee si nyaatti.

• Kaayyoon hiriyaa gadhee:

1. Jireenya balleessitee namaa gadii si godhuu.
2. Agartuu kee jamsiitee ijaa kee balleessuu.
3. Miila kee mumurtee tarkaanfii si dhorkuu.
4. Harkaa kee si hiitee hojiirraa si hambisuu.
5. Sammuu kee marachiitee baaftee si salphisuu.
6. Jaarsaa fi Jaartii addaan baafte kophaatti si hambisuu.
7. Fudhaa fi Heeruma dhorkatee manatti si hambisuu.
8. Ummata keessatti Maqaa kee xiqqeessuu dha.

• Hiriyyaan dhugaa hoo...?
1. Karaa hamtuu irraa si gorsee karaa qajeeltuu siif hawwa.
2. Yoo gaarii hojjatee gammachuu siif qaba.
3. Yoo ati rakkatte si wajjin cinqama.
4. BakkaBakka ati hin jireettii toltuu kee hasawaa
5. Utubaa siif ta'ee mana siif ijaara.
6. Ol fuudhee si baatee tabbarra si dhaaba.
7. Kabaja siif laate maqaa kee ol qaba.
8. Gammachuu kee gammadee gadditus si wajjin gadda
Add me

27/01/2025

As wr wb

Send a message to learn more

27/01/2025

AS wr wb Akkam nagayaa fayyaadha

22/01/2025

QORAMUUF QOPHIIDHAA??? YES.....
-------------------------
⭐️Cinqama(Tension)Yeroo Qormaataa Hir'isuuf Maal Gochuu Qabda?
========================
⭐️ Adaduma qormaatni dhihaatuun hamma humnasaatti barataa kan ta'e hundi cinqamuu fi haala duraan keessa ture caalaa sardama(busy) keessa seenuun waan baratameedha.

⭐️ Sardama olaanaa akkanaa kanneen qormaataan duratti karaan ittiin too'achuu dandeenyu:-
--------------------------
✅ Yeroo Qorumsi gahu hamma tokko sardamuu fi cinqamuun uumamaan kan jiruu fi qoramaa hunda kan qunnamu ta'uu hubachuu.
✅ Qormaataaf yeroo qophooytu haalduree barataarraa eegamu dursitee guuttachuu!! Fkn I'd,uniform,silkii fiduu dhiisuu.....sirritti qophaahuu....yeroo kabajuu.....kkf...
✅ Qormaata jechuun safartuu wanta kanaan dura baratteerraa waan hubattee fi beekumsi argatte ittiin safaramuudha malee xumura jireenya keetii ykn dandeettii waliigalaa kee kan ibsu akka hin tahin hubachuu.
✅ Wanti beekuu qabdu tokko; dogongora sodaachuu dhabuu fi yeroo hunda beekuudhaaf akkasuma ofii kee fooyyessuuf qophii ta'uudha. Kanumaan walqabatee qorumsi amma qoramuuf jirtu kun bu'aansaa akka yaaddetti osoo si gammachiisuu dhabellee irra deebitee sirreessuu fi fooyyessuu akka dandeessu of amansiisuu qabda.
✅ Wantoota hiriyoota waliin qu'atte waliin ta'uun wal gàafachuu fi wantoota hubattan waljijjiiruu. Tooftaan kun dandeettii waa yaadachuu irra caalatti nuu guddisuun waan wal gaafanne akka hin irraanfanne godha. Dabalataan ammoo wanta dogongorre tokko irra deebinee akka sirreeffannuuf nu gargaara.
✅ Jala bultii qormaataa sammuu kee tasgabbeessuu,boqonnaa gahaa fudhachuu fi hirriba gahaa rafuu. Kunis cinqama sammuu xiqqeessa;- akkasuma tasgabbiin wanta dubbiste yaaddee akka hojjattuuf si gargaara.

Your positive action combined with positive thinking results in success

Har'aaf Kanuma📝

" Tulluu milkaa'inaarratti Bahi.

📚

21/01/2025

SEENAA GABAABDUU MAGAALAA DIRREE DHAWAA.
======================
MAGAALAA DIRREE DHAWAA ONA AFRAN QALLOO
Afaan Qalloon ilmaan afur dhale. Isaaniis
Oborraa, Dagaa, Baabbile fi Ala
➧OBORRAA, DAGA, BAABBILE Fi ALA.
-Daga Jarsoo, Huumee fi Noolee dhalche. Ilmaan Dagaa keeysaa addumatti Jaarsoo fi Nooleen magaalaa dirree dhawaa keessaa fi baadiyyoota ollaa keeysa baayyinaan jiraatu.

Waan mamii fi wal falmsiisaa tokkollee hin qabne tokko Magaalaan Dirree dhawaa seenaaniis, seeraanis lafa Oromoo yoo taatu; butamiinsa yeroo muraasaaf godhamee fi gaafii Oromoo kan hin deebi'in jirtuus deebisuuf carraaqqiin godhamtuus itti fufti...

Moggaasni Maqaa Magaalaa Dirree Dhawaa
Jaarsa maqaan isaa "Dhawaa Muudee Elemoo" jedhamu ilmaan Afran Qalloo keessaa gosa Alaatirraa
ta'e kan mudhii oliin qullaa deemu irraa akka moggaafamte seenaan ragaa bahaa .
Jaarsi kuniis Abbaa Dirree Dhawaa jedhamuun beekkama.
Jaarsi kun nama Sheekhummaas ta'ee
damiinummaas hin qabne kan magaalaas hin beeynedha. Garuu manguddoo raagaa akka ta'ee Maggoondaan gannaa 102 Abbaan Seenaa Dirree Dhawaa Aliyyee Roobaa Humbannaa nidubbattuu.
Akka Obbo Aliyyee Roobaa dubbaatanitti namni Dhawaa Muudee Elemoo jedhamu kun nama raagaa kan dursee waa tilmamaa turee akka dubbatuu namni kun duursudhan
➧Magaalaan Dirree Dhawaa Magaalaa guddoo akka taatu raage
➧Magaalaa tana baaburri akka seenuu raage
➧Magaalaa tana Xayyarrii akka qubatuu fi
➧Hursoo Kaambii akka taatu akka raagaa dubbachaa ture ragaa bahu.

Magaalli Dirree Dhawaa
Finfinnee irraa Km 515
Harar irraa km 55
Jabuuti irraa km 311
Magaalaa durii Jaldeessa irraa km 45
Calanqo irraa km 69
Haramaayaa irraa km 35 fagaattee arkamti .
Jarri Gita bittaa naf*xanyaa akkumaa lafaa fi nama Oromoos maqaa jijjiraa turan Magaalaa Dirree Dhawaas qubee "DH" jedhu waan jachuu hin dandeenyeef " D" bakka buufachuun DIRREE DAWAA
je'anii yaaman. Fkn Dhangaggoo=DANGAGGOO, DHUGAASAA=DUGAASAA, DHADHAA=DADAA. NADHII=NADII, KUDHAN=KUDAN

👉 BU'URAMIINSA MAGAALAA DIRREE DHAWAA
_______

19/01/2025

Guyyaa har’aa tiktok cufamuun wal qabatee buqqaatoonni Tiktok hedduun gara Facebook karaa seeraan alaan galaa jiru waan ta’eef, milishaan teenya daangaa keenya sararaa aarsaa lubbuunillee taatu nuu kabajachiisaa.😊🙋‍♂️

19/01/2025

Safuu
Dur Gaangen hin dhaltu jedhu
Seera uumaatti beekna
Barana Gaangeen dhaltee
Sangaan dhalinnaa eegna

Safuu fi safeeffannaan
Seerri uumaa tumame
Hammeenyuma namaatin
Waan baay’een jijjiirame

Namni namaaf dawaadhan
Mammaaksa durii fakkaate
Uumama hundumaa caalaa
Namatu namatti hammaate

Yoo jabaatte hinuma moota
Jiruu gadadoof deegaa
Namni namooma gateera
Namuma irraa of eegaa!

Ustaz Raayyaa Abbaamacca barsiisaa amantaa fi Raayyaan raayyaa sabaati.isaan waan tokko hin balleessine. nuti lubbuu hun...
10/01/2025

Ustaz Raayyaa Abbaamacca barsiisaa amantaa fi Raayyaan raayyaa sabaati.isaan waan tokko hin balleessine. nuti lubbuu hundi walqixatti amanna kanaaf dhalli namaa tokkolleen akka miidhamu hin feenu. tahus mootummaan Trumpii kan tibbana filannoo Presidentummaa bara 2024 injifate Jan.20 kanatti yeroo itti masaraa white house galu yoo tahu. “gaafas ammoo hojiin kiyya guddaan yoo hamaas hidhamtoota Israaiil gad dhiisuu baatte Palestine dirree abiddaan (jahannam) godha”. jachuun dhaadate. Rabbiinis osoo oolee hin bulchin abidda san palestine dura Los-angeles tti buusee dandeettii isaa,guddina isaa, humna isaa nutti agarsiise. osoo aqlii qabaanne kan irraa waa baayeetu baratama.

Warri arra akka nama LA’f akka nama gaddee jsin taphachiisaa jiru Waggaa kana qofatti yeroo Palestine 🇵🇸 nni kumni 44,000 ajjeefamanii fi kumni 105,000 ol miidhaman akkasuma miliyonoonni qe’ee isaanirraa buqqa’an eessa jirtu? maaltu gaafas afaan isin cufe?

08/01/2025

Obbo Jaawar Mohaammad daballiin gatii boba'aa tibbanaa qaala'iinsa jireenyaa hammeessuu akka malu yoo akeeku Athleet Fayisaa Leellisaa dhimmicha morme

Itoophiyaatti gatiin bobaa'aa yeroo jalqabaaf litiriin tokko qarshii 100 darbuun hawwaasa yaaddoo qaala'iinsaa keessa galcheera. Bobaa'aan dabaluun wiirtuu dinagdee olaanaa keessaa tokko waan ta'eef waan hundi akka dabalu taasisa jedhamuun sodaatame. Ta'us deggartootaaf qondaalota mootummaa garuu waan naasise hin fakkaatu.

Namni siyaasaa obbo Jaawar Mohaammad fuula miidiyaa hawwaasaa isaa Facebook gubbaa akka maxxansetti daballiin kun balaa guddaa dinagdee Itoophiyaatti fiduu mala jedheera.

"Gatiin boba’aa dabaluun dureessa konkolaataa ofiif malee hiyyeessaaf yaaddoo hin ta’u' jedhu jarri mootummaa. Kun soba adiidha." Kan jedhe Jawaar, daballii amma taasifame kanaan yaadda'uun akka barbaachisu barreeffamni isaa hubachiisa.

"Boba’aan diinagdee tokkooti kan jedhanuuf sababa malee miti. Hanqinni boba’aas ta’ee daballiin gatii sochii diinagdee kamiiyyuu kallattiifi al-kallattiin dhibbaa qaba. Fakkeenyaaf gatiin bob’aa dabaluun kallattiidhaan gatii geejjibaa ol kaasa. Geejjibni qaala’uun ammoo baasii midhaan ooyruu fe’anii fiduuf gaafatu, akkasumas kan daaksisuu waan mi’eessuuf baasiin nyaataa dabaluun waan hin oolle. Kanaafuu wantummaan qaalomiinsi boba’aa dhibbaa irratti hin goone hin jiru!" Jechuun Jaawar barreeffama isaan ibse.

Kun ta'ee Athleet Fayisaa Leellisaa ammoo ergaa Facebook isaa gubbaa kaaheen yoo Konkolaataa bittee bobaa'aa bitachuu dadhabda ta'e Konkolaataa gurguri Koridarii hojjetame irra imala ergaa jedhu dabarse

Barreeffamni Fayisaa Leellisaa qoosaa kan fakkaatu yoo ta'u "Namni konkolaata bitatee gatii boba'aaf yaadda'u jira natti hin fakkaatu.Yoo jiraates konkolaatasaa gurguratee Farda bitatee koriidarii Abbichuun babal'ise kana keessa xiichuu qabaata." jedha Fayisaan

"Dhimma boba'aa kana baay'ee kotota caala nan beeka garuu,yeroo natti toletti kotota waan baay'een barsiisa." Jedhe Fayisaa

21/11/2023

Sadaasa 11/2016 _15/ 2016tti barattoonni kutaa 5ffaa ol jiran kanneen naannoo midhaan sabsiif gahe jiraatan sabsiidhaaf gara maatiitti akka deebi'an Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi ibsa galgala kana addatti Biiroo Komnikeeshiinii Oromiyaaf kenneen Waktiin kun waktii sabsii tahuufi roobni waktiin alaa roobaa jiraachuu ibsee, qisaasama midhaanii uumamuu malu hambisuuf barattoonni naannoo midhaan bilchaate jiraatan gara maatii isaaniitti deebi'uun midhaan akka sassaaban ergaa dabarseera.

Manneen Barnootaas kana hubachuun barattootaaf ergaaa dabarsuun wayita barattoonni mana barnootatti deebi'an wayitii barnootaa sababa kanaan qisaasa'e sirnaan bakka buusuu akka qaban Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhaameera.

Baga Birraa Geessan                🖤❤️🤍🌼 Happy New Year to All 🌼          01-01-2016 E.C
11/09/2023

Baga Birraa Geessan
🖤❤️🤍
🌼 Happy New Year to All 🌼
01-01-2016 E.C

Masha Allah
03/09/2023

Masha Allah

Address

Harar

Telephone

+251919077038

Website

https://youtube.com/@ahmedsharifyuya223

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed sherif yuya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ahmed sherif yuya:

Share