21/01/2025
SEENAA GABAABDUU MAGAALAA DIRREE DHAWAA.
======================
MAGAALAA DIRREE DHAWAA ONA AFRAN QALLOO
Afaan Qalloon ilmaan afur dhale. Isaaniis
Oborraa, Dagaa, Baabbile fi Ala
➧OBORRAA, DAGA, BAABBILE Fi ALA.
-Daga Jarsoo, Huumee fi Noolee dhalche. Ilmaan Dagaa keeysaa addumatti Jaarsoo fi Nooleen magaalaa dirree dhawaa keessaa fi baadiyyoota ollaa keeysa baayyinaan jiraatu.
Waan mamii fi wal falmsiisaa tokkollee hin qabne tokko Magaalaan Dirree dhawaa seenaaniis, seeraanis lafa Oromoo yoo taatu; butamiinsa yeroo muraasaaf godhamee fi gaafii Oromoo kan hin deebi'in jirtuus deebisuuf carraaqqiin godhamtuus itti fufti...
Moggaasni Maqaa Magaalaa Dirree Dhawaa
Jaarsa maqaan isaa "Dhawaa Muudee Elemoo" jedhamu ilmaan Afran Qalloo keessaa gosa Alaatirraa
ta'e kan mudhii oliin qullaa deemu irraa akka moggaafamte seenaan ragaa bahaa .
Jaarsi kuniis Abbaa Dirree Dhawaa jedhamuun beekkama.
Jaarsi kun nama Sheekhummaas ta'ee
damiinummaas hin qabne kan magaalaas hin beeynedha. Garuu manguddoo raagaa akka ta'ee Maggoondaan gannaa 102 Abbaan Seenaa Dirree Dhawaa Aliyyee Roobaa Humbannaa nidubbattuu.
Akka Obbo Aliyyee Roobaa dubbaatanitti namni Dhawaa Muudee Elemoo jedhamu kun nama raagaa kan dursee waa tilmamaa turee akka dubbatuu namni kun duursudhan
➧Magaalaan Dirree Dhawaa Magaalaa guddoo akka taatu raage
➧Magaalaa tana baaburri akka seenuu raage
➧Magaalaa tana Xayyarrii akka qubatuu fi
➧Hursoo Kaambii akka taatu akka raagaa dubbachaa ture ragaa bahu.
Magaalli Dirree Dhawaa
Finfinnee irraa Km 515
Harar irraa km 55
Jabuuti irraa km 311
Magaalaa durii Jaldeessa irraa km 45
Calanqo irraa km 69
Haramaayaa irraa km 35 fagaattee arkamti .
Jarri Gita bittaa naf*xanyaa akkumaa lafaa fi nama Oromoos maqaa jijjiraa turan Magaalaa Dirree Dhawaas qubee "DH" jedhu waan jachuu hin dandeenyeef " D" bakka buufachuun DIRREE DAWAA
je'anii yaaman. Fkn Dhangaggoo=DANGAGGOO, DHUGAASAA=DUGAASAA, DHADHAA=DADAA. NADHII=NADII, KUDHAN=KUDAN
👉 BU'URAMIINSA MAGAALAA DIRREE DHAWAA
_______