04/09/2026
❤️🌿 magaalaa qofa miti; seenaa, aadaa fi eenyummaa koo ti.
Dooguu lafa dhaloota koo, lafa yaadni koo itti biqile, lafa seenaan koo itti jalqabe. Bakki biroo hammam bareedus, Dooguun garaa koo keessatti bakka addaa qabdi.
Qilleensi ishee yaadannoo koo, lafti ishee seenaa koo, uummanni ishee immoo boonaa koo dha.
Dooguu koo, magaalaa dhalootaa koo—sin jaalladha, sin boona, maqaan kee yeroo hunda onnee koo keessa jiraata. ❤️🌿