Daily Islamic reminders

Daily Islamic reminders Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Daily Islamic reminders, Digital creator, Bole, Addis Ababa.
(1)

Page kanaratti
🍀Dhaamsa Gaarii barnoota barbaachisoo
Soora qalbiif Qaamaa
🍀karaa salphaa taheen Qindeessinee Isiniif dhiyeessuuf Jalqabneeti Jirra ....
🫰 Follow tolchaa Asumaan Hordofaa

💧Seenaa Hatticha Waa Hatuuf Mana Imaamu Maalik Seene.............🍀Hatticha tokkotu halkan dukkanaan mana Imamu  Maalik I...
18/05/2026

💧Seenaa Hatticha Waa Hatuuf Mana Imaamu Maalik Seene.............

🍀Hatticha tokkotu halkan dukkanaan mana Imamu Maalik Ibn Diinaar seene.. Imaamu Maalik isa argaa jira garuu hattichi isaan hin argine.

🍀Mana Imaamu Maalik keessa naannawee, waan fudhatu dhabe hattichi ufirraa bahuuf garagallaan Imaamu Maalik itti lallabee, Yaame

🍀" Waan Addunyaa kan barbaaddu dhabdee kan Aakiraa hoo nifeetaa??" Jedhaniin. Hattichis baay'ee ajaa'ibsiifatee. Ee nifedha. Jedheen.

🍀 Imaamu Maalik. "Hayyee koottuu, wudu'a kee tolfadhuu, raka'aa lama salaatii..." jedhaniinii uf biratti salaachisan...

🍀Hattichi salaata salaatee hanga salaanni subhii gahuu Imaamu Maalkiin bira ture.. yeroo salaanni subhii gahe, Imaamu Maalik waliin gara masjidaa deeman..
🍀Ummanni Salaataaf walattii qabaman Imaamu Maalikiin wajjiin Namicha Agaran..

🍀Namoonniis Yaa Imaam Namni Arra Keessummummaa Si bira bule kunii Eenyu Jechuun Imaamu Maalikiin gaafatan

🍀Imaamu Maalikis "kessummaan kiyya kuni bar Eda na hatuuf dhufee, Isumaahuu hanne!!" Masjiida finnee dhufne Jedhaniin.....Subhana Allah

Ati sababa keetiin Namni Qaceeluutu Diddiimaa Gaalaa Sadaqachuurra Caala jedhan Ergamaan Rabbiii S.A.W

SHARE GODHAA WALIIF QOODAA RABBIIN ISIIN HAA BARAKEESSUU

✍️ Daily Islamic reminders

💧Dalagaalee 3 Sadii Hojjachuun Jannata Keessattii Mana Argachuu Ni Feetaa ??=================================🍀Yoo Dhugum...
17/05/2026

💧Dalagaalee 3 Sadii Hojjachuun Jannata Keessattii Mana Argachuu Ni Feetaa ??

=================================

🍀Yoo Dhugumaan Jannata Keessatti mana
bareedaa Argachuu Kan barbaaddu tahe ....

Hadiisuma Kana Hujiitti Hiiki

🍀Ergamaan Rabbiii (S.A.W) akkana jachuudhaan dubbatan " jannata keessa mana hugguu alaa laalan keessii isaa mullatu, ammaas hugguu keessaa laalan alli isaa mullatuutu jiraa ja'an.

🍀Hugguu kana Sahaabaan Yaa Ergamaan Rabbiii (S.A.W) eenyuu fi manni bareedaan
kuni qophaawe? jachuudhaan gaafatan.

🍀Ergamaan Rabbiii (S.A.W) akkana jachuudhaan deebisaniif.

💧1. Nama dubbii ( jacha ) gaarii dubbatuuf.

💧2. Nama miskiina nyaachisuuf.

💧3. Nama halkan dhaabbatee salaataa buluuf.

Yaa Rabbii Rahmatuma Keetiin Dalagaa Kheeyrii Hunda Nuuf Laaffusii, Jannata Kee Bareedaa Kana Nuuf Kanni.

Amiiiiiin Yaa Rabbii

Share godhuun obboleeyyan keetiif dabarsii yaadichiisi kheeyrii tanarraa qooda furadhu.
Daily Islamic reminders

17/05/2026

🕋Sadarkaa fi Caalmaya Kurnan Zul-Hijjaa

🍀Hojiilee Gaggaarii Kurnan keessa Hojjatuun Muslima Irraa Eegamu
Itti dhiyaachaa Share godhaa

💧🟢 Qabxiilee_Kudhan (10) Ijoo– Wantoota Jireenya Namaa Balleessan🍀1️⃣ Shirkii (Rabbiin wajjiin qooda godhuu)﴿إِنَّ الشِّ...
16/05/2026

💧🟢 Qabxiilee_Kudhan (10) Ijoo– Wantoota Jireenya Namaa Balleessan
🍀1️⃣ Shirkii (Rabbiin wajjiin qooda godhuu)
﴿إِنَّ الشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٌ﴾
“Dhugumatti shirkiin Zulmii guddoodha.” (31:13)
👉 Shirkiin jireenya guutuu balleessa, hojii hunda ni haqa.
🍀2️⃣ Salaata dhiisuu

🍀3️⃣ Soba fi kijiba
Ergamaan_Rabbii_ﷺ akkana jedhan:
“Sobni gara badiitti nama geessa…” (Bukhari & Muslim)
👉 Sobi amantaa fi amanamummaa balleessa.
🍀4️⃣ Zinaa (sagalee badaa)﴿و
“Zinaa hin dhihaatinaa.” (17:32)
👉 Maatii, qalbii fi hawaasa ni balleessa.
🍀5️⃣ Ribaa (dhala liqii)
﴿وَأَحَلَّ اللَّهُ الْبَيْعَ وَحَرَّمَ الرِّبَا﴾
“Rabbiin daldala halaala godhe; ribaa immoo haraama godhe.” (2:275)
👉 Qabeenya irraa barakaa ni balleessa.
🍀6️⃣ Of tuulummaa (kibrii)
Ergamaan_Rabbii_ﷺ akkana jedhan:
“Namni qalbii isaa keessatti kibirii xiqqoo qabu Jannata hin seenu.” (Muslim)
👉 Kibriin nama gadi buusa, kabaja irraa fageessa.
🍀7️⃣ waayyoo (hisdii)
Ergamaan_Rabbii_ﷺ akkana jedhan:
“Waanyoon hasanaata nyaattii akka ibiddi muka nyaatutti nyaata.” (Abu Dawud)
👉 Gammachuu fi qalbii nagaa balleessa.

🍀8️⃣ Yeroo balleessuu

👉 Yeroon yoo bade, jireenyi ni bada.
🍀9️⃣ Hiriyyaa badaa filachuu
Ergamaan_Rabbii_ﷺ akkana jedhan:
“Namni amantii hiriyyaa isaa irratti jira…” (Tirmidhi)
👉 Hiriyyaan badaa karaa badiitti si geessa.
🍀🔟 Rabbiin dagachuu (Zikrii dhiisuu)
﴿وَمَن أَعْرَضَ عَن ذِكْرِي فَإِنَّ لَهُ مَعِيشَةً ضَنكًا﴾
“Namni zikrii koo irraa garagale, jireenya dhiphaa fi gadadoo Isaa jiraachifna (20:124)

👉 Gorsa Qaalii kana warra Irraa baratee ittii Fayyadamee Milkii Addunyaa fi Aakhiraa itti Milkaahe Nu haa taasisu Ilaahiin 🤲

🤲Rabbiin Keeyrii Diinii duniyaa Kessa jirtu Nuuf Kennu Amiiiiiiin 🤲🤲🤲

✍️ Daily Islamic reminders

💧10n ji'a Zul-Hijjaa kana keeysa maal godhuu qabna? 🤍🌙🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸‎Jalqaba irratti sadarkaa 10n Zul-Hijjaa kuni qabu beeku...
16/05/2026

💧10n ji'a Zul-Hijjaa kana keeysa maal godhuu qabna? 🤍🌙
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸

‎Jalqaba irratti sadarkaa 10n Zul-Hijjaa kuni qabu beekuutu nurra jirra. 📖
Guyyoota waggaa keeysaa kan akka 10n ji'a kanaa sadarkaa qabu hin jiru, guyyoonni 10n kuni guyyoota Ramadaanaallee sadarkaan kan caaluudha. 🤍

‎Guyyaan nuti hojii kheeyrii isii keeysatti hojjannu kan Rabbiin nurraa jaalatu guyyoota 10n kana caale hin jiru. 🌸
‎Kanaaf Ragaan Hadiisa armaan gadiiti:

‎قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:

> "ما من أيامٍ العملُ الصالحُ فيهنَّ أحبُّ إلى اللهِ من هذه الأيامِ العشرِ"
قالوا: يا رسولَ اللهِ، ولا الجهادُ في سبيلِ اللهِ؟
قال: "ولا الجهادُ في سبيلِ اللهِ، إلا رجلٌ خرج بنفسِه ومالِه، فلم يرجِعْ من ذلك بشيءٍ."
📚 [رواه البخاري (969)]

‎Eegaa eega sadarkaa isii beeyne, guyyoota kana keeysa yoo maal goone gaariidha? 🌙
Hojiilee laaftuu kan Sawaabni isii hedduu guddoo tahaniin isinitti himaa obsaan dubbisaa fixaa hedduu isin fayyada In shaa Allah. 🤍

# 1️⃣ Salaata 🌸

‎Salaata Shanan (5) fardii yeroo isiirratti salaatuu akkasuma Salaata Sunnaa heddummeeysuutu barbaachisa. 🤲
Maalif? Irra caaltuun hojii kan Rabbi biratti jaalatamtuu Salaata Shanan yeroo isiirratti salaatuudha ja'an Ergamaan keenya ﷺ

‎Kanaaf Ragaan Hadiisa armaan gadiiti:

‎سُئِلَ النبيُّ صلى الله عليه وسلم:
> "أَيُّ الْأَعْمَالِ أَحَبُّ إِلَى اللَّهِ؟"
قال: "الصَّلَاةُ عَلَى وَقْتِهَا."
📚 [رواه البخاري (527) ومسلم (85)]

2️⃣ Soomanuu 🤍

‎Guyyoota 10n kana keeysaa sagalan jalqabaa soomanuun hedduu sadarkaa guddaa qaba. 🌸

‎Keeysattuu guyyaa 9ffaa ykn guyyaa boru IIDAA kan warri Hajjii godhu Arafa dhaabbatu san soomanuudha. 🌙

‎Maalif? Guyyaa tokkicha kana Soomanuu qofaan Rabbiin Dilii teenya Bara darbee fi bara dhufuu nuuf araarama ja'an Ergamaan keenya ﷺ 🤲

‎Kanaaf Ragaan Hadiisa armaan gadiiti:

‎قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:

> "صِيَامُ يَوْمِ عَرَفَةَ، أَحْتَسِبُ عَلَى اللَّهِ أَنْ يُكَفِّرَ السَّنَةَ الَّتِي قَبْلَهُ وَالسَّنَةَ الَّتِي بَعْدَهُ."
📚 [رواه مسلم (1162)]

# 3️⃣ Zikrii heddummeeysuudha qabna 🌿

‎Zikriilee laaftutti goonu kan sawaabni isii hedduu guddaa keessaa:

🌸 √ Qur'aanarraa Suuratul Ikhlaas yeroo 10 qara'uudha.

‎Maalif? Namni Suuraa Ikhlaas yeroo 3 qara'e Sawaaba Nama Qur'aana guutuu qara'eeti argata. 🤍

‎Namni yeroo 10 qara'e ammoo Sawaaba Nama Qur'aana yeroo 3 qara'ee argatuu bira dabree Rabbiin Jannata keeysatti Qasraa ykn Masaraa Isaaf ijaara. 🌙✨

‎Ragaan kanaa Hadiisa armaan gadiiti:

‎"مَنْ قَرَأَ قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ حَتَّى يَخْتِمَهَا عَشْرَ مَرَّاتٍ، بَنَى اللَّهُ لَهُ قَصْرًا فِي الْجَنَّةِ."

🌿 √ Subhaanallaahi wabi hamdihii (Yeroo 100)

‎Maalif? Namni guyyaatti Zikrii tana yeroo 100 godhe Rabbiin dilii isaa Isaaf araarama osoo diliin isaa hoomacha baharaatti qixxooytellee. 🤲

‎Ragaan kanaa:

‎قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:

> "مَنْ قَالَ: سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ، فِي يَوْمٍ مِائَةَ مَرَّةٍ، حُطَّتْ خَطَايَاهُ..."
📚 [رواه البخاري ومسلم]

🌿 √ Laa ilaaha illallaah wahdahuu Laa Shariika Lahuu...

(yeroo 100)

‎Maalif? Namni guyyaatti Zikrii tana yeroo 100 godhe:
🤍 Sawaaba Gabra 10 bilisoomsuu argata
🤍 Hasanaata 100 isaaf barreeyfama
🤍 Diliin 100 irraa haqama
🤍 Sheeyxaanarraa tikfama

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~ id="z8w0km"

🌿 √ Astaghfirullaah (أستغفر الله) heddummeeysuu 🤲

‎Maalif? Namni Istighfaara irratti jabaate:
🌸 Rakkoo keessaa furmaata argata
🌸 Dhiphina keessaa bahinsa argata
🌸 Rizqii bakka hin yaadne irraa argata

🌿 √ SubhaanAllah, Alhamdulillah, Laa ilaaha illallah, Allahu Akbar 🌙

‎Rasuulli keenya ﷺ: 🤍 Jechoota kana jechuun waan aduun itti baatu hundarra caalaa na biratti jaalatama ja'an.

🌿 √ Subhaanallaahi wabi hamdihii, Subhaanallaahil Aziim 🤍

‎Jechoota 2:
🌸 Arrabarratti laaftuu
🌸 Mizaana irratti ulfaattuu
🌸 Rabbi biratti jaalatamtuu

ta’anidha. ✨

4️⃣ Yoo dandeeyse Sadaqaa kennachuu 🌸

‎Sadaqaa kennachuun guyyoota hunda keeysatti hojiilee Rabbi biratti jaalatamtuudha, guyyoota kana keeysa ammoo daran jaalatamtuudha. 🤲

🌿 Namoota bishaan dhugaatii hin qabne obaasuu
🌿 Miskiina nyaachisuu
🌿 Sadaqaa Jaariyaa irratti invest godhuu

irratti jabaachuun barbaachisaadha. 🤍

‎Yoo waan kennitu qabaachuu baatte: 👉 Zikriilee armaan olii tana sirritti godhi, galanni isii hedduu guddaadha.

🤲 Rabbiin isinitti kennee warra kennatu isin haa godhu.

✓ Namni Islaamaa ibaadaa keeysatti shaaxira tahuun hedduu barbaachisaadha. 🌙

‎Waan laaftutti goonee ajriin isii hedduu guddoo kanneen olitti dubbanne kana guyyoota 10n kana keeysa goonaan wallaahi Sawaaba hedduu kan sababaa isiitiin Jannata ol’aanaa argannu dalagannee haa hubannu. 🤍

‎Dalagaa kheeyrii daleynu ammoo:
🌸 fuula Rabbii barbaadaaf
🌸 ikhlaasaan haa daleynu.

‎Yoo dubbiftee fixxe:

🤍 ALHAMDULILLAAH ja'i 🤍

‎Rabbiin kheeyrii hordofuu siif laaffisee jira. Ammallee dabalee siif haa laaffisu. 🤲✨

‎Waan dubbiftaniif galatoomaa 🌸
Rabbiin Jazaa keeysan Jannataan isiniif haa deebisu. 🤍

‎Yoo ifiifillee godhuun sitti ulfaatte: 📲 Obboleeyyan keetiif godhi.

‎Namni si jalaa arkee yoo itti hojjate Rabbiin sawaaba isii siif barreeysa. 🌙🤍

Nagayaan naaf jiraadhaa 🌸

🤍 Qopheeysaan Obboleeysa keenya jaalatamaa Ustaaz Fawaz Ahmed Oromia ti
Aniis natti tollaniin YAADACHIISA isiniif godhe.

💧Qaphxiilee 10 IJoo Faayidaa Hiriyyaa Gaarii Hiriyyoomfachuun  Namaaf Argamsiistu•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••...
13/05/2026

💧Qaphxiilee 10 IJoo Faayidaa Hiriyyaa Gaarii Hiriyyoomfachuun Namaaf Argamsiistu
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

🍀1: Hamtuurraa Si Qabee Toltutti Si Qajeelcha

🍀2: Yoo Gaarii Hojjatte Gammachuu Siif Qaba

🍀3: Yoo Ati Rakkatte Si Wajjiin Cinqama

🍀4: Bakka Ati Hin Jirretti Toltuu Tee Haasawa

🍀5: Utubaa Siif Ta’ee Mana Siif Ijaara

🍀6: Ol Fuudhee Si Baatee Tabbarra Si Dhaaba

🍀7: Kabajaa Siif Laatee Maqaa Kee Ol Qaba

🍀8: Gammaddu Gammadee Gadditu Si Waliin Gadda
🍀9: Dhibee Tee Hundumaaf Qoricha Siif Ta’a

🍀10: Umrii Isaa Guutuu Si Faana Kufee Ka’a

🤲• Rabbiin Hiriyaa Gaarii Harka wal qabattanii Jannata Wajjiin seentan isiniif haa kennuu.

• Hiriyaa akkanaa yoo qabaatte sirritti jabeeffadhu, kan faallaa kanaa ammoo irraa fagaadhu.

Barreeffama kana Dubbisaatii Share Godhaa Waliif Raabsaa.
✍️ Daily Islamic reminders

💧Seenaa Ajaa'ibaa tan Barumsa guddaa if keessaa qabdu nama Ittiin gorfamuuf...💧Dargaggeessa Ajaa'ibaa Kan Sodaa Rabbiiti...
12/05/2026

💧Seenaa Ajaa'ibaa tan Barumsa guddaa if keessaa qabdu nama Ittiin gorfamuuf...
💧Dargaggeessa Ajaa'ibaa Kan Sodaa Rabbiitiin Onnee Isaa guutamte tokkootu ture..................
Maqaan isaa Ibrahim al miskii ja'ama
🍀maqaan qoosaa isaa abubakr ja'aniin.Namni khun nama dardaraa khan akkaan bareedu fi namni isa arge hundi isa jaalatuu ture
🍀 Jireenya Isaa gaggeeffachuuf
(Suuq ba darat) meeshaalee gurgurtaa qoma isaarratti fannifatee magaalaa kheeysa deemee gurguraa Oola

🍀Osoo akkasitti meeshaa gurguruu Guyyaa tokko Intaloon bareedduun Maatiin isii qabeenya guddaa qaban agarte jaalalaan irraa qabamte

🍀 Yeroo tana Intaloo Tanaaf yaannii tokko dhufaaf
Meeshaa irraa bitattee khoottu maallaqa manattiin siif khannaa jatteen.
🍀 Hayyee tole jedhee karaa buutee manatti Qajeelteen yeroo mana gahu
Koottuu seenii hoggaa jattu
🍀Gurbaanis Amma maalif haga Asittii Na Yaamte Hojiifiin jarjaraa Maallaqa kiyya naaf kanni hoggaa Ja'uun Ishiiniis Lakki hin deemtu
Ani hedduun si jaaladhe Koottuu na walliin ciisi jatteen
Subhana Allah

🍀gurbaanis Rabbiin sodaadhu naamusa kheetillee Eegadhu ja'ee isii gorsuuf yaale garuu isiin jalaa diddee , hanga duraanii irra jaalalti isaa amma hisaabaa itti baatee

🍀Na dhagahi jatte yoo waanin an siin ja'u dalaguu baatte sitti iyyeetiin namni khun mana khiyya seenee
humnaan badii natti dalaguu deema ja'eetiin Iyyee si qaanyessa jatteen.🥹

🍀Amma dhaabbatee mataa isa kheeysa hadiisa Rasuulaa s.a.w Yaadate ...
🍀 Namoota torba guyyaa qiyaamaa
Gaaddisa arshii jalatti Rabbiin isaaniif gaaddiseessu guyyaa gaaddisa isaa malee Gaaddisni biraa hin jirre Jedhu yaadate
san keessaa
💧Nama intalti bareeduun ta warra guddaa khabajaa qabdu khoottu badii natti dalagii jatteenii Ani Rabbin sodaadha ja'ee jalaa dide Rabbiin isaaf gaaddiseessa hadiisa ja'u yaadatee🥹
🍀 Amma mala dhawachuu seene
Akkaataa isii jalaa itti bahu hayaa siifin hayyamaa garuu mana fincaanii Eeysa nageeysi ja'een.

🍀Mana fincaanii ol seene harka isaarratti sagaraa(Boolii)bahee mataa isaatirraa hanga miilaatti dibatee haya amma khoottu ja'een
"""""Uu Uu""" Aboo maraata maraataa narraa deem jattee hulaa irraa bantee ofirraa ariitee🤭.......
🍀manatti galee akka gaaritti dhiqatee galgala hogga rafu manaamatti namni bareedaan Ajaa'ibaa tokko itti dhufee yaa gurbaa qalbiin isaa iimaanaan faaye waan namni tokko duniyaa tanarrati hin dalagin daleydee Rabbiin sihaa urgeeysuu ja'ee biraa deeme
subhaanallah
🍀Yeroo gaafa sanirraa jalqabee Qaamni Isaa Battalumattii Akka sh*ttootti Urgaawe Rabbiin Addunyumarrattii Urgaawaa Namaa Isa taasise
🍀Waan Ajaa'iba Namatti Tahu
🍀Takkaa waan urgaawuun ifin xuuynee ja'ee akkanumattiin urgaawaa maqaan isaa Ibrahim Al-miski Jedhamee Biyya Isaa guutuu hanga waamamuttii🌹
Nama Rabbii sodaatee Lubbuu isaa Badiirraa qabe Rabbiin Maqaa fi Sadarkaa isaatillee Ol fuudha
Madda Seenaa
Ibnul Jowziituu Kitaaba Isaa Al-Mawa'iz wal-Majalis Jedhu kessatti Fide

🤲Rabbiin Warra Isa Sodaatee Gaaddisa Arshii Jalattii walittii Qabamu Nu Haa Taasisu
Aamiin Allahu Aamiin
By
✍️ Daily Islamic reminders

💧Qaphxiilee Ijoo 12 Mallattoolee laafina imaanaa mul’isan﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩🍀1• Haraama dalaguu fi waan dalagan sa...
11/05/2026

💧Qaphxiilee Ijoo 12 Mallattoolee laafina imaanaa mul’isan
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

🍀1• Haraama dalaguu fi waan dalagan sanitti sheenawuu dhabuu.

🍀2• Qur’aana dubbisuu irraa hifatuu fi gad laaluu dhabuu

🍀3• Toltuu dalaguu irraa hifatuu, Salaata yeroo isaa dabrsuun salaatuu.

🍀4• Dalagaawwan Sunnaa ta’an guutumaan guututti dhiisuu.

🍀5 • Waanuma xiqqoof dallanuu, saniifis of cinquu.

🍀6 • Yeroo aayaata waa’ee Azaabaa dubbatan dhagahan rifatuu dhabuu.

🍀7 • Zikrii godhuu fi Rabbi yaadatuu irraanfatuu.

🍀8 • Yeroo wantootni shari’aa faallessan dalagaman dallanuu dhabuu.

🍀9 • Aangoo fi qabeenyaaf qofaf bololuu.

🍀10 •Doynummaa keessattii daangaa darbuu Rakkataa fi miskiinaaf Arjoomu dhabuu

🍀11 • Gama keeyritti Nama yaamuu ofiif garuu itti hojjachuu dhabuu

🍀12 • Kufaatii namaatti gammaduu, milkaa’inaa namaatti hinaafuu.

﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
🤲YAA RABBI Imaana keenya guutuu nuuf taasisi.
Aamiin Allahu Aamiin

✍️ Daily Islamic reminders

💧"qabxiiwwan ijoo 11 iimaana dabalanii fi jireenya jijjiiruu dandahan .............🍀• Qabxii 1ffaa: Ikhilaasa Toliinsi h...
10/05/2026

💧"qabxiiwwan ijoo 11 iimaana dabalanii fi jireenya jijjiiruu dandahan .............
🍀• Qabxii 1ffaa: Ikhilaasa
Toliinsi hojii baay’ina isiitiini miti… ikhlaasa niyyaa dalagaa san keessa jiruutu laalama.
وَمَا أُمِرُوا إِلَّا لِيَعْبُدُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ
“Waan biraatti hin ajajamne, Rabbii isaanii qulqulleessanii akka gabbaraniif malee”

🍀• Qabxii 2ffaa: Dhugaa dubbachuu.
Dhugaa dubbachuun… addunyaa fi aakirattis karaa ittiin milkaawaniidha.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَكُونُوا مَعَ الصَّادِقِينَ
“Yaa warra amantan! Rabbii keessan sodaadhaa, warra dhugaa dubbatan waliinis ta’aa”

🍀• Qabxii 3ffaa: Obsa
Obsi danda’uu qofa miti… gammachuu wajjiin qadara Rabbi irraa sitti dhufe fudhachuudha.
إِنَّ اللَّهَ مَعَ الصَّابِرِينَ
“Dhugumatti, Allaahn warra obsan waliin jira”

🍀• Qabxii 4ffaa: Tawakkula (Rabbi Irratti hirkachuu)
Sababa gahuu danda’u hunda godhi… qalbii teetiin immoo Rabbi irratti irkadhu.
وَمَن يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَهُوَ حَسْبُهُ ۚ
“Nama Rabbitti hirkate (irratti amanate), Inni isaaf gahaadha”

🍀• Qabxii 5ffaa: Galata Rabbiif galchuu.
Galata Rabbiif galchuun qananii Rabbiiti siif tursiisa… ni dabalaas.
لَئِن شَكَرْتُمْ لَأَزِيدَنَّكُمْ ۖ
“Yoo galateeffattan, Dhugumatti isiniifin dabala”

🍀• Qabxii 6ffaa:Qaanfii qabaachuu (Saalfannaa)
Qaanfiin faaya iimaanaati… madaala amalaati.
لَّا يُحِبُّ اللَّهُ الْجَهْرَ بِالسُّوءِ مِنَ الْقَوْلِ
“Dhugumatti,Rabbiin jecha hamtuu ol kaasuun dubbachuu hin jaallatu.”

🍀• Qabxii 7ffaa: irra namaaf dabruu (Namaaf dhiisuu)
Namaaf dhiisuun jabina malee laafina miti.
وَالْكَاظِمِينَ الْغَيْظَ وَالْعَافِينَ عَنِ النَّاسِ
“Warra aarii isaanii liqimsan fi warra namootaaf dhiifama godhan”

🍀• Qabxii 8ffaa: Gad-of-qabuu (Tawaadu’a)
Hammuma Rabbif jettee gadi of qabdu… Inni namoota biratti si ol kaasa.
وَعِبَادُ الرَّحْمَٰنِ الَّذِينَ يَمْشُونَ عَلَى الْأَرْضِ هَوْنًا
“Gabroonni Rahmaan warra lafa irra suuta (tasgabbii) deemanidha”

🍀• Qabxii 9ffaa: Muraaqabaa (Rabbi ofirratti eeguu)
Haala hunda keessatti Rabbiin si arguun isaa sitti haa dhaga’amu.
﴿ أَلَمْ يَعْلَم بِأَنَّ اللَّهَ يَرَىٰ﴾
“Inni (namni sun) Rabbiin akka argu hin beeknee?”

🍀• Qabxii 10ffaa: Ihsaana ( gaarii hojjachuu)
Akka waan isa argituutti Rabbii kee gabbari… yoo ati Isa arguu baatte, Inni si argaa jiraa beeki.
إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ
“Dhugumatti, Allaahn warra toltuu hojjatan ni jaallata”

🍀• Qabxii 11ffaa: Rabbitti yaada gaarii qabaachuu
Balaan kamiyyuu yoo sitti jabaate abdii hin kutatin… Rabbiin kee lubbuu tee caalaa rahmata siif godha.
وَرَحْمَتِي وَسِعَتْ كُلَّ شَيْءٍ
“Rahmanni kiyya waan hunda wal ga’e (bal’ate)”
Yaa Allaah! Onnee keenya iimaanaan nuuf faayi,
🤲 Aamiin Allahu Aamiin
/
💚Jaaloowwan keenya Page kanaratti
💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧

🍀Dhaamsa Gaarii barnoota barbaachisoo
Soora qalbiif Qaamaa
🍀karaa salphaa taheen Qindeessinee Isiniif dhiyeessuuf Jalqabneeti Jirra ....
🫰 Follow tolchaa Asumaan Hordofaa 💚🙏
👇👇👇👇
✍️ Daily Islamic reminders

💧Mucaa dardaraa Tokkootu beelti jabduun isa qabdee ooyruu ‘Tuffaaha 🍎 qabdu Takka gubbaa dhufe........🍀😴Beela isa jirtu ...
09/05/2026

💧Mucaa dardaraa Tokkootu beelti jabduun isa qabdee ooyruu ‘Tuffaaha 🍎 qabdu Takka gubbaa dhufe........

🍀😴Beela isa jirtu irraa kan ka’ee osoo hin beekin miilli isaa ooyruu keessa seene ‘Tuffaah’ kana nyaate.
🍀Yeroo mana isaatti deebi’uu lubbuun isaa isa zigaalutti seente akkamitti ooyru halaal siif hin taane seente irraa nyaatta boru Rabbi duratti maal jattee deebisuufi teeysa isaan jachutti seente.!!

🍀Deemeeti Abbaa ooyruu barbaade akkana isaan ja’ee
“Kalee beelti jabduun na qabdeetin hayyama keetin maleeti ooyruu teetirraa ‘Tuffaah’ tokko nyaadhe arraan tana dhiifama akka naaf gootun si gaafachuu dhufe ja’een.”

🍀Abbaan ooyruu “Wallaahi siif hin araaramu Rabbi durattiin guyyaa qiyaamaa si gaafachuuf jiraadha ja’een.!”
Mucaan akka dhiifama isaaf godhu gaafatus Abbaan ooyruu jalaa dideeti salaatni geenyaan masjiida ol seene.

🍀Mucaanis salaateeti hanga Abbaan ooyruu gad bahu dhaabbate hulaa masjiidaa duratti eege.
Oggaa abbaan ooyruu gad bahe “Yaa adeeroo mindaan malettiin ooyruu tee siif hojjadhaa dhiifama naaf godhi ja’een.?”

🍀Abbaan ooyruu : kaniin dhiifama siif godhu ulaagaa Takka yoo naaf guutte qofaani saniis intala Takkaan qaba ammoo intalti Tiyya tun ballaadha ,duudaadha,

🍀Arraabaaniis hin dubbattu ,miilaanis hin deemtu akka isii tana fuutuun si gaafaadha san booda dhiifamaan siif godha ja’een.
Mucaan dardaraa kun : qeebale ja’een.!
Abbaan ooyruu : guyyaa waaxiqqo booda aruuza keessani ja’een.

🍀Oggaa guyyaan gahee mucaan intala irratti ol seenu kuno intalti akka muraa ji’aa fakkaattu kaateeti gama isaa achi deemtee salaamta irra qaraate.
🍀Oggaa inni ajaa’ibutti seene waan samuu isaa keessa jiru beeyteeti isaaf ibsutti seente.
Haraam laalu irraa ani ballaadha ,jacha haraam dubbachuu irraahis arrabni kiyya hidhaadha , gama haraam dhaggeeyfachuu irraahis gurri kiyya duudaadha ,gama haraam tarkaanfachuu irraahis miilli kiyya hidhaadha isaan jatte.

🍀Abbaan kiyya jaarsa gaarii naaf barbaadu ture oggaa ati dhufte sababa ‘Tuffaah’ Tokkoo nyaatteef jacha booche Abbaan kiyya akkana ja’e “Namni ‘tuffaah’ isaaf haalaal hin taane nyaachuuf Rabbi sodaatu intala tiyya keessatti Rabbi sodaachuun dhugaadha ja’eeti siif na kanne jatteen.”
🍀Amata Tokko booda intalti tun mucaa Tokko dhalte.
🥹Mucaan dhalate kun Aalima addunyaa kan yeroo hunda maqaan isaa dubbatamu tahe.
Abbaa mazhaba guddaa ‘Abuu haniifaa’ ja’ama.!!
Allaahu Akbar
Rabbii Sodaachuu keessa Milkii Addunyaa fi Aakhiraatu Jira Hortee teetii Asara keetu Itti tikfama Subhana Allah

🤲Warra Dhugaa Haqa Isaa Rabbii Sodaatu Rabbiin nu haa taasisu
Share godhaa obboleeyyan keessaniif qoodaa
💚💚💚💚💚💚
✍️ Daily Islamic reminders

Maashaa Allaah Tabaarakallaah 🥰Aalima yeroo ammaa Darasoota 4,000 ol barsiisaa jiran Sheikh Muhammad Zabuuriif hirmaanna...
09/05/2026

Maashaa Allaah Tabaarakallaah 🥰

Aalima yeroo ammaa Darasoota 4,000 ol barsiisaa jiran Sheikh Muhammad Zabuuriif hirmaannaa hawaasaatiin makiinaan manaa bitamee ture harka isaanii galee jira.
Sagantaa Wal harkaa fuudhinsaa kanarratti Ustaaza keenya jaalatamaa U. Raayyaa Abbaa maccaa dabalatee keessummoonni baay'een argamanii jiru.
Makiinaan sheekaa Akka bitamtuuf namoonni arjoomtanii fi namoonni Qindeessaa turtan hundi galatoomaa Ulfaadhaa جزاكم الله خيرًا

Address

Bole
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Daily Islamic reminders posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share