Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa

Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa Mootummaan Waaqayyo dhiyaateera gaabbii gala (Mat. 3:2)

01/09/2025
✝️Uummanni bade ture, hariira galuun gara Mana Waaqayyooti deebi’a jira. Keeniyaa keessatti ajaa’ibni raawwatamaa jira.✍...
01/09/2025

✝️Uummanni bade ture, hariira galuun gara Mana Waaqayyooti deebi’a jira. Keeniyaa keessatti ajaa’ibni raawwatamaa jira.

✍️ Waldaa Amantii Pirootestantii cufuun gara Mana Kiristaanaa dhiigaa Kiristoosiin hundeeffameeti deebi'a jiru. Galata Waaqayyoo!

Baga gammaddan baga gammanne!Harka eebbifamoo Abbaa Saawiroos fi Abbaa Diyoosqoroos irraa eebba hammaarranne! Waldaa wal...
29/08/2025

Baga gammaddan baga gammanne!

Harka eebbifamoo Abbaa Saawiroos fi Abbaa Diyoosqoroos irraa eebba hammaarranne!

Waldaa walii galaa “Waldaa Sillaasee”
Hagayya 22 bara 2017 B.A

Mana kiristaana Orodoksii Itoophiyaatti mana lubummaa walii gaala teessoo paartiyaarikiitti qindeessaa to’annoof hordoffii waldoolee irraa waldaan Sillaasee eeyyama guutuu waldaa walii galaa argatee jira.

Yaa’ii guutuu qulqulluu Sinoodosii Eebla 25 bara 2010 gaggeeffame irratti waldaan Sillaasee eeyyama tajaajilaa kan argate yoo ta’u; bu’uura qajeelfama Qulqulluu Sinoodosii irraa to’annaa fi hordoffii waldooleef kennameen eyyamni kun laatamuu danda’ee jira.

Eeyyamni kun bakka Eebbifamoo Abbaa Saawiroos, Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa Teessoo Paatiriyaarkii, Angafa Phaaphaasii Biyyootaa lallabaa Kibba Lixaa Shawaa fi Magaalaa Shaggar, Hogganaa Ol’aanaa Kawaala Dawoo Hirkattootaa Fayyisaa Addunyaa, Dura Taa’aa Boordii Yuunivarsiitii Afuura Qulqulluu Sillaassee fi Miseensa Qulqulluu Sinodoosii; Eebbifamoo Abbaa Diyooskoroos, Barreessaa Olaanaa Qulqulluu Sinodoosii fi Angafa Phaaphaasii Biyyootaa Tigraay Kibba Bahaa fi Raayyaa argamanitti kadhannaaf eebbaa abbootaatiin dabaalamee kennamee jira.

Galanni uumaa samiif laafaa Qulqulluu Silaaseef haa ta’u. Ameen!

Mana kiristaana Kaatederala qulqulleettii Lidetaa Maariyamii Cirootti Namoonni 6 amantii Protestaantii hordofaa turan gu...
26/08/2025

Mana kiristaana Kaatederala qulqulleettii Lidetaa Maariyamii Cirootti Namoonni 6 amantii Protestaantii hordofaa turan guyyaa gaafa 18/12/2017 cuuphamuun gara Mana Kiristaanaa Qulqulleetti Ortodoksii Tewaahidootti dabalamanii jiru.

Warri haftanis yeroon gara daandii dhugaa fi Tokkittii mana Kiristaanaatti dabalamuun Kiristoosiin akka amanatan siniin jenna.

✍️Jabaan Waaqa 🙏🙏

24/08/2025

✍️Dura Ta'aa!✍️

➧Yeroo baay'ee namoota waa'ee dubroo Maariyaam hubachuuf rakkatan argina. Siniif gorsa obbolummaa gabaabduun qaba.

➧Maal seetan jarana! Waa'ee Dubroo Maariyaam waan sirrii dubbachuunis ta'e yaaduun, akkasumas dubbii waa'ee isheef dubbatame hubachuuf dursa kiristaana ta'uu nama gaafata. Sababni isaa waa'een ishee sadarkaadhuma yaadafi beekumsa namaatti kan dhumu miti; giddu-seentummaa hojii Afuura Qulqulluu isa amantiidhaan malee beekumsaan bira hin gahamne of keessaa qaba. Kanaafuu dursa nama amanu (Kiristaana sirrii) ta'uun dirqamadha. Kanaan alatti waa'een ishee diraamaa ykn qoosaa wayii ykn immoo oduu durii wayii sinitti fakkaachuu danda'a. Kanaaf waa'ee ishee akka siniif ta'utti, jechuunis, sadarkaa beekumsa keessaniitti hubachuuf baay'ee hin dhama'iinaa! Jechoota hin barbaachisne baastaniis of-hin-qoriinaa!

➧Kan hin amanneef immoo kiristaanummaan iyyuu gowwummaadha; oduu duriiti, qoosaadha. Warra amananiif garuu jireenyadha. Kiristaana ta'uun waa'ee Dubroo Maariyaam yaaduufi dubbachuu irra ni caala. Isa irra caalu yoo hin qabaanne isa gadi jiru hubachuun namatti ulfaata. Namni kan fayyus kiristaana ta'uusaatiin malee waa'ee waa'ee Dubroo Maariyaam waan dubbateef miti. Kiristaanni sirriin garuu waa'ee ishee dubbachuu dhiisuu hin danda'u!
Waa'ee Maariyaam waan sirrii dubbachuu dhiisuu keessan caalaa kiristaana ta'uu dhiisuu keessantu nu yaaddessa. Kanaaf dura ta'aa!

Kiristaana jedhamnee maqaa isaatiin akka waamamnu, kan Isaa akka taanu Isa nu taasise Ilma tokkicha Dubroo Maariyaam Iyyasuus Kiristoosiif galanni haa ta'u! Ameen!

✍️Lamessa T (Dn)

20/08/2025

Pheexiroos garuu sadan isaanii simate. "Gooftaadhaaf, Eeliyaasii fi Museedhaaf" mana ijaaruu fedhe malee, "Gooftaa qofa" fudhatee warra kaan achii hin ariine.

Kunis akkamitti yoo jenne,

1. Akka Waaqummaa Isaatti, "Gooftaadhaaf" iddoo bultii qopheessuun

2. Akka raajummmaa isaattii Eeliyaasiif" iddoo bultii qopheessuun

3. Akka Abbaa Seerummaa isaatti seera Musee fudhatee, "Museedhaaf" iddoo bultii qopheessuun akka malu akeeke.

Iddoon bultii sun laphee keenya keessa.

✍️Misgaanuu Yaadasaa (Dn)

⚜️Bifa Mana Kiristaanaa⚜️Surraa Kiristoos isa guyyaa Jimaataa dhiigaan badee ture sanaan kan faayamte, manni kiristaanaa...
18/08/2025

⚜️Bifa Mana Kiristaanaa⚜️

Surraa Kiristoos isa guyyaa Jimaataa dhiigaan badee ture sanaan kan faayamte, manni kiristaanaa kunoo bifti ishee kanadha.

✍️Kuni akkanumaan walitti qabama namootaa qofa miti. Agarsiistuu tokkummaa samii irraa isa gonka ta'e, isa qulqulluu sanaati. Kunis immoo mootummaa Kiristoosidha. Namoonni kun;

➧Adii uffataniiru: Nuyi ijoollee ifaati, biyyi keenyas samiidha jechuu isaaniiti. (Mul.6:11; 1Tas. 5:5)

➧Ni faarfatu: Nuyi dukkana keessa kan turre har'a garuu birmadummaa Kiristoos nuuf kenneen ijoollee galataa taaneerra jechuu isaaniiti. (Gal.5:1)

➧Jaalala dhugaa waliif qabu: Hunduu qaama Kiristoos waan ta'aniif, Innis immoo mataa isaanii waan ta'eef akka kutaan qaamaa tokko isa biraa jaalatuufi isa biraaf gadduutti wal-jaalanna, waliif gaddina, wal-birmanna jechuu isaaniiti. (Yoh.15:12)

➧Hunda irraa filatamtee addatti kabajamtuu fi qulqulleettii kan taate haadha Waaqaa dubroo Maariyaam ni waamu: Ilma keetiin fayyine, atis ulfinne kee guddaadha, nuyis dhaloota waan taaneef si galateeffanna, si kabajna, eebbifamtuu siin jenna jechuu isaaniiti. (Luq.1:48)

➧Maqaa qulqulloota ergamootaa Waaqayyoo ni waamu: Dhiiga Kiristoosiin lolli gidduu keenya ture cabee nuyi har'a maatii tokkodha jechuu isaaniiti. (Efes. 2:16-19)

➧Maqaa qulqulloota Waaqayyoo ni waamu:- Jaalalaafi tokkummaa boqonnaan foonii adda kutuu hin dandeenyeen har'as nuyi sin wajjin karaa Kiristoos maatiidha; Isin qabsuura keessan fixxattaniittu, nuyi warra qabsuura irra jirru immoo kadhannaa keessaniin nu yaadadhaa jechuu isaaniiti. (Ya'iq. 5:16)

Jaalalli dhugaan Kiristoos mana Kiristaanaaf kenne isa kanadha kunoo!

Lafa nagaa Oolaa!🙏

Ajaa'iba. Dubbii koo yaadadha, michootakoo! Namni kallatti sirriin fi dhugaaaf kitaaba qulqulluu dubbisuu Ortodoksii Tew...
10/08/2025

Ajaa'iba. Dubbii koo yaadadha, michootakoo! Namni kallatti sirriin fi dhugaaaf kitaaba qulqulluu dubbisuu Ortodoksii Tewaahidoo ta'aa jechaa turee. Ammaas nan dubbadha. Ajaa'iba baay'ee arguuf jira. Addunyaan dubbisuu, gaafachuu, hubachuu jalqabdee jirti. Yeroo san galmi sobaa ni jigaa."Hoope Chaarchi Halifaaks Ortodoks ta’uuf deemaa jira; yeroo gabaabaa keessatti, waggaa 2025 xumuratti, Antiyooshiyaa Ortodoksii Kiristaanaa – Arkiiyoopaadiyoosii Briteen Aayilsii fi Ayreelaandi jalatti simatamuuf abdanna.
Kun imala yeroo dheeraa fi itti yaadamee tureedha, Macaafa Qulqulluu qorachuun fi “utuba fi bu’uura dhugaa” (1Xim 3:15) barbaaduun adeemsifame.
Nuti Ortodoks ta’uuf gammachuu guddaa qabna, garuu hiriyyoonni keenya tokko tokkoof kun tarkaanfii nama ajaa’ibsiisuu fakkaachuu danda’a; garuu waan tokko qofaan isaan waliin qooduu dandeenya qabeenya guddaa nu Ortodoksii keessa arganne.

Ortodoks ta’uudhaan dhugaa duraan itti amanne kamiyyuu hin dhiisnu, garuu guutummaa isaa argannee jirra;Mana Kiristaanaa Kiristoos ayyaanaa guyyaa 50ffaa irratti hundeesse argannee jirra. Yeroo hunda mana kiristaanaa Ortodoksii keessatti Kiristoos jira, isa irraa nama nu jeequu hin jiru! Ulfinni Isaaf haa ta’u!"

Viva

Biyya Iskootilanditti manni kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa galama waaqeffaannaa amantaa protestantii gurgu...
10/08/2025

Biyya Iskootilanditti manni kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa galama waaqeffaannaa amantaa protestantii gurgurtaaf caalbaasiin bahe injafachuun bitattee.

Galmi waaqeffaanna kun kan argamu biyya iskootilaand naannoo gilaaskoo kaatikartii fi park king jedhamu gidduutti kam argamu yoo ta'u, hordoftoonni amantichaa fayyinni amantii qofaan jechuun qoqqoodinsi isaanii baay'atee dhumarrattis sirna waaqeffannaa keenyaa manuma mana keenya teenyee raawwachuu dandeenya jechuun waaqeffannaa mana manatti taasifataniiru.

Lallaba,faaruu fi barumsas manuma mana keenyatti bilbiluma keenyaan hordofuu dandeenya jechuunis namni gara galma waaqeffannaa kanaa deemuu waan dhibameef hoggantoonni amantichaa waliigaltee taasisaniin galma waaqeffannaa kana gurguruuf caalbaasiitti dhiheessaniiru.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahiidoo Itiyoophiyaas caalbaasii kana irra aanuun galma waaqeffannaa kana bitattee jirti.

✍️ Waaqayyo saba isaa bade barbaade gara isatti haa deebifatuun kadhannaa keenya

"Egaa deemaa maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuuraa qulqulluun cuuphaa, kanan isin ajaje hunda akka eeganiif barsiisaa duuka ...
01/08/2025

"Egaa deemaa maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuuraa qulqulluun cuuphaa, kanan isin ajaje hunda akka eeganiif barsiisaa duuka bu'oota koo taasisaa, anis hamma dhuma addunyaa kanaatti yeroo hundaa isin faanan jiraa" (Maat.28:19-20). Waldaan Sillaasee ergama kana galmaan gahuuf, cimee hojjetaa jira. Kanumaanis barsiisotni bakka bu'ummaa Wiirtuuwan/Yaa'iiwwaan Waldaa Sillaasee irra Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaafi Oromiyaa alaa jiran irraa kan walitti qabaman haala gaariidhaan leenjii fudhachaa jiraachuu isaanii ibsameera.
Yaa Waaqayyo nu milkeessi!

Midiyaa Waldaa Sillaasee

✝️YouTube► https://www.youtube.com/
✝️Telegram► https://t.me/WaldaaSillaasee7
✝️Facebook► https://web.facebook.com/EOTCWS

“Ani Gabri’eeliidha kan fuula Waaqayyoo dura dhaabbadhu.” (Luqaas 1:19)Maqaan ergamaa Waaqayyoo Qulqulluu Gabri’eel jedh...
26/07/2025

“Ani Gabri’eeliidha kan fuula Waaqayyoo dura dhaabbadhu.” (Luqaas 1:19)
Maqaan ergamaa Waaqayyoo Qulqulluu Gabri’eel jedhu, “Waaqni nama ta’e; namni immoo Waaqa ta’e” jechuudha.
Qulqulluun Gabri’eel dhufaatii fi foon uffachuu Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos beeksisuuf ergame. Inni ergamaa dafee, warra kiyyoo haxxummaa seexanaa keessatti kufanii gufatan gargaaruuf dhufu, warra dukkanaa fi gaaddidduu du’aa keessa jiraatan hundaaf ifa kan ibsu, ogeeyyii (seebasegeelii) kan qajeelcheedha.

📚 Qulqulluu Gabri'eelii fi Ulfina Isaa
Qulqulluun Luqaas akkuma barreessetti, ergamaan Qulqulluu Gabri’eel yeroo hunda gammachuu fi oduu gammachiisaa fidee dhufa; keessumattuu, nagaa, galataa fi ulfinaan Dubroo Maariyaamitti dhalachuu Kiristoos kan beeksise isa jalqabaa waan ta’eef, “ergamaa oduu gammachiisaa (Sooraa Kakuu Haaraa)” jedhamee waamama.

Qulqulluun Gabri’eel ergamoota biroo irraa adda bahee, erga ergamoonni uumamanii booda “Eenyu nu uume?” jedhanii burjaaja’an, garuu Seexanni “Ani si uume” yeroo jedhu, Qulqulluun Gabri’eel, “Waaqa nu uume hanga beeknutti bakka jirruutti jabaannee haa dhaabbannu,” jedhee ergamoota tasgabbeesse (Aximaros, f. 35). Akka abbootiin keenya jedhanitti, ergamaan lallabaa Teewaahidoo isa jalqabaa ti jechuun ni danda’ama. Innis ergamaa uumama dura Waaqayyoon beekee lallabaa jalqabeedha. Kanaaf, Gooftaan “Oduu gammachiisaa Dubroo Maariyaamitti akka beeksisuuf kan filateef”.
Qulqulluun Gabri’eel, ergamoota biroo irraa adda ta’ee, kadhannaa keessatti yeroo baay’ee maqaan isaa ni ka’a. Kana jechuun, yeroo baay’ee kadhannaalee akka Yaa Abbaa Keenya, Naga Qulqulluu Gabri’eel, Galata Maariyaamii, Galata Ergamoota, kkf keessatti maqaan isaa ni ka’a.

📚 Qulqulluu Gabri'eelii fi Gargaarsa Isaa
Qulqulluun Gabri’eel wareegamtoonni qulqulloonni wareegama isaanii akka xumuraniif fi akka duubatti hin deebi’ineef ni gargaara. (Dan. 3:25) Inni ergamaa Kiristoosiin yeroo ari’atamaa ture fi yeroo deebi’u akka dubbatu ergameeradha (Mat. 2:19, Luq. 2:8).
Qulqulluun Gabri’eel ergaama Waaqayyooti: “Ani ergamaa Qulqulluu Gabri’eel fuula Waaqayyoo dura dhaabbatudha.” Qulqulluun Gabri’eel Waaqayyo dura dhaabbachuun isaa, ‘Waaqayyoof fuula addaa qaba’ jechuu miti, akka mootii fi loltuutti Waaqayyoo dura dhaabbata jechuu dha miti. Yeroo hundumaa araarsumma isaatiin nu wajjin jiraachuu isaa mul’isuuf (Luqaas 1:19).
Qulqulluun Gabri’eel ergamaa eegduu amantoota ti; kanaaf, caqasoota dhugaa ba’umsa Macaafa Qulqulluu haa ilaallu: “Daandii kee hundumaatti akka si eegan ergamoonni isaa siin ajaja, akka ati miilli kee dhagaa hin rukutne harka isaaniitti si ol-kaasu.” (Far. 71:11) “Ergamaan Gooftaa warra isa sodaataniif naannoo isaa ni jiraata, ni fayaasuus” (Far. 34:1); (Ba’u. 23:20).

📚 Qulqulluu Gabri'eelii fi Ayyaana Isaa
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaana ergamoota qulqullootaa ji’aa fi waggaan kadhannaa fi galataadhaan kabajji. Keessattuu, ayyaanni Qulqulluu Gabri’eel Muddee 19 kabajama; ergamaan Waaqayyoo Gabri’eel Anaaniyaa, Azaariyaa fi Mishaa’el ijoollee sadii ibidda laboobuu keessa guyyaa itti oolche waan ta’ef. “Kaleessa namoota sadii hidhannee iddoo ibiddaatti darbanne, har’a garuu afur hidhaa isaanii irraa hiikamanii ibidda gidduu deemaa jiran argina; inni afraffaan immoo Ilma Waaqayyoo fakkaata,” jedheera. Isaanis yeroo ibidda keessaa ba’anii, uffata isaaniirratti xurii tokko malee ba’an. Nebukadnezar kana argee, “Waaqayyo Gooftaa galatni haa ta’u” jedhe. Mootichiis labsii baasee, ijoollee sanii kabajaa fi aangooakka keenamuf labsii labse.

Eebbi fi gargaarsi ergamaa Qulqulluu Gabri’eel hunda keenya waliin haa ta’u. Ameen.

Waldaan Sillaasee leenjii barsiisota bakka bu’ummaaf, leenjitoota dhaabbilee barnoota olaanoo yaa’iiwwan mooraa (Yuuniva...
24/07/2025

Waldaan Sillaasee leenjii barsiisota bakka bu’ummaaf, leenjitoota dhaabbilee barnoota olaanoo yaa’iiwwan mooraa (Yuunivarsiitii fi koolleejjiiwwan) irraa dhufaniif simannaa taasise jira.
Miidiiyaa Waldaa Sillaasee || Adollessa 16, 2017
Finfinnee, Itoophiya

Waldaan Sillaasee barsiisota bakka bu’oo Yuunivarsiitii fi koolleejjiiwwan addaa addaa irra ergamanii dhufan fi ummata naannoo sanii deebi’anii barsiisaniif leenjii barsiisota bakka bu’oota waggaa waggaan kennaa turuun isaa ni yaadatama.

Haaluma wal fakkaatuun guyyaa har’aa leenjii bakka bu’ummaa marsa 8ffaa leenji’uuf obboloota 200 ol tahan Yuunivarsiitii naannoo Oromiyaa fi Oromiyaa ala Yuunivarsiitii 30 irraa dhufaniif bakka hoggantoonni olaanoon waajjira muummee Waldaa Sillaasee argamaanitti simannaan taasifameef jira.

Obboloonni Leenjii kanaaf dhufan barumsa argataniin ummata kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo afaan Oromoon akka tajaajiluu dandaa’aniif leenjii ga’aan ni kennama jedhamee eegama.

Waldaa dhaabbilee barnoota olaanoo irratti akka tajaajiluuf Qulqulluu Sinoodosii irraa eyyamameef.

Address

Harargee Bahaa
Harar
1000

Telephone

+251777990114

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa:

Share