Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa

Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa Mootummaan Waaqayyo dhiyaateera gaabbii gala (Mat. 3:2)

Har'a (sanbata xiqqaa) galgala 3:00 irraa eegalee wal arga keenya tiktok irra! Hundii keessaan affeeramtaniittu.link: ht...
28/02/2026

Har'a (sanbata xiqqaa) galgala 3:00 irraa eegalee wal arga keenya tiktok irra! Hundii keessaan affeeramtaniittu.

link: https://www.tiktok.com/

Waldaa Sillaasee Yaa'ii Mooraa Yuunivarsiitii Haramayaatti Sirna kabaja Xoofoo Sillaase kan ji'a suuraan.
14/02/2026

Waldaa Sillaasee Yaa'ii Mooraa Yuunivarsiitii Haramayaatti Sirna kabaja Xoofoo Sillaase kan ji'a suuraan.

  😭Ajjeechaa Manoksee😭👉Kawaala Tokkummaa Qulleettii Sillaasee fi Abuuna Saamu'eel Asaboot keessatti Abbaa Kawaalicha kee...
08/02/2026

😭
Ajjeechaa Manoksee😭
👉Kawaala Tokkummaa Qulleettii Sillaasee fi Abuuna Saamu'eel Asaboot keessatti Abbaa Kawaalicha keessa jiraatan Tokko Rasaasaan Ajjeefaman.😭

Monoksee jireenya biyya lafaa tuffachuun Waaqayyof of kennanii jiraatan ajjeesanii maal argatu mee amma? 😭

Waaqayyo dhiiga qulqulluu dhangalaa'aa jiruuf haa falmu 😭😭😭

✔️Daa'imman🌷🌷Yaa'ii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaatti Daa'imman Waldaa Sillaasee suuraan yeroo ibsamuWaaqayyo mana isa...
20/01/2026

✔️Daa'imman🌷🌷

Yaa'ii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaatti Daa'imman Waldaa Sillaasee suuraan yeroo ibsamu

Waaqayyo mana isaa keessatti isin haa guddisu😍😍😍

19/01/2026
🌷Haramaayaa🌷Kabaja Ayyaana Cuuphaa Mooraa Yaa'ii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa Suuraan
19/01/2026

🌷Haramaayaa🌷
Kabaja Ayyaana Cuuphaa Mooraa Yaa'ii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa Suuraan

"BAABILOON KEESSAA BA’AA" Seera uumama 48:20.                    Baabiloon jechuun kan walmake jechuudha. Bara sana kees...
15/01/2026

"BAABILOON KEESSAA BA’AA" Seera uumama 48:20.

Baabiloon jechuun kan walmake jechuudha. Bara sana keessa biyyi lafaa ogummaa baay'isuun Waaqayyo humna isaa baruuf gamoo ol dheeraa ijaaruun nuti du'uu hin qabnu, du'a kan nutti fidan Sillaasee waan ta'eef eeboo qaruun gamoo ijaarre kanarra dhaabbannee asii ol waraanna jechuun mar'atanii gamoo jibbaa fi garaagarummaa ijaaraa turaniiru.

Gamoon isaan ijaaran kun humna isaanii ol jiru diiguuf kan isaan geessisuu fi tokkummaan ta’anii Waaqummaa issaarraa fagaatanii waan tureef Waaqayyos gamoo kana diiguuf "Koottaa ni buunaa,tokko afaan isa tokkoo akka hin dhageenye afaan isaanii walitti makna" Uum. 11:9. jechuun Sillaaseen gamoo uummata Baabiloon akka diigamuu fi tokkummaan isaan jibbaa fi Waaqummaa isaa irratti ilaalcha gaarii hin taane qaban akka diigamu ta’eera.

Addunyaa walmakee fi Baabiloon keessaa bahuuf Murteessuun barbaachisaadha. Har’a dhalli namaa kaayyoo uumameef dhiisee Waaqa isaa dagachuun walii isaa irratti ilaalcha gaarii ta’e hin qabu. Baabiloon biyya hamminaan guutamte waan taatee ilaalcha sana keessaa bahuun karaa Waaqayyoo irra deemuun barbaachisaadha.
Sillaasee:-jechuun sadummaa jechuudha.
Waaqayyo tokko yommuu ta'an sadi; sadi yommuu ta'an ammoo tokkodha. Waaqayyo sadi jedhamee hin xumuramu tokkodhas. kanaafuu Waaqayyo tokkos sadis waan ta'eef sillaasee jedhama.

TOKKUMMAA SILLAASEE:

Amaluumaan(Waaqummaan), Uumuudhaan, Dabarsuudhaan. Bituudhaani.
Caqasawwan armaan gadii irraa bal’inaan hubachuu dandeenya.
Uumun:- “Yaa Waaqayyo ati jalqabarraa dachee hundeessite,Samiiwwanis hojii harka keeti.” Faarsaa 102:25. “ Jalqabarratti Waaqayyo Samii fi lafa uume.” Uumama1:1
Aangoon tokkodha. “Anii fi Abbaan tokkodha.” Yohaannis 10:30.

SADUMMAA SILLAASEE:

Qaamaan:Abbaan qaama mataasaa, fuula mataasaa, Ilmi qaama mataasaa, fuula mataasaa, afuurri Qulqulluunis qaama mataasaa, fuula mataasaa qaba.
Maqaadhaan: Abbaan Abbaa jedhama malee Ilma yookaan Afuura Qulqulluu hin jedhamu; Ilmis Ilma jedhama malee Abbaa yookaan afuura Qulqulluu hin jedhamu; Afuurri Qulqulluunis afuura Qulqulluu jedhama malee Abbaa yookaan Ilma hin jedhamu.

Walumaagalatti sadummaan tokkummaa osoo hin diigin,tokkummaanis sadummaa osoo hin balleessin Sadii yeroo ta’an tokko; tokko yeroo ta’u immoo sadii dha.

Irra deebiin baga guyyaa kabajamaa kana nagaan geessan.
GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!

Uumaa Keenya Sillaasee!Baga kabaja ayyaana waggaa Qulqulluu Sillaaseen nagaan geessan.Waldaa Sillaasee
15/01/2026

Uumaa Keenya Sillaasee!

Baga kabaja ayyaana waggaa Qulqulluu Sillaaseen nagaan geessan.

Waldaa Sillaasee

Faarfannaan Kumaa-Kitilaa (A'ilaafaat) bara 2018 B.A bakka Eebbifamoo Abbaa Saawiroos, Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Wa...
06/01/2026

Faarfannaan Kumaa-Kitilaa (A'ilaafaat) bara 2018 B.A bakka Eebbifamoo Abbaa Saawiroos, Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa Teessoo Paatiriyaarkii fi Eebbifamoo abbaa Diyooosqoroos barreessaa qulqulluu Sinoodosii argamanitti Dirree Masqalaatti gaggeeffama jira.

03/01/2026
🙏Baga gara mana Kiristaanaa Qulqulleetti fi Tokkittii Dhiiga Kiristoosiin hundeefamte Orotodooksii Tawaahidootti  nagaan...
25/12/2025

🙏Baga gara mana Kiristaanaa Qulqulleetti fi Tokkittii Dhiiga Kiristoosiin hundeefamte Orotodooksii Tawaahidootti nagaan dhuftan

❤️Ji'a tokko keessatti namoonni 127 gara amantaa Ortodoksiitti deebi'uun cuuphamanii mucummaa Sillaasee argatan

✝️Kutaa biyya lalllabaa M/Shaggar mana lubummaa kutaa magaalaa Buraayyuu, Gafarsa Gujee fi Malkaa Noonnoo keessatti kan argamu mk Wareegamtuu qulqulleettii Arseemaa fi abbaa keenyaa Aabbootti Sadaasa 7/2018- Mudde 16/2018tiitti namoonni 119 cuuphamuun mucummaa Sillaasee argatanii daandii dhugaa kan taate gara amantaa Ortodoksiitti kan deebi'an yoo ta'u mudde 16/2018 ammoo namoonni 8 amantaa pirotestaantii irraa gara amantaa Ortodoksii Tawaahidootti deebi'uun cuuphamanii mucummaa Sillaasee argataniiru.

🙏 Waaqayyo isa kana raawwateef galata.

🤲 Waaqayyo hanga dhumaatti mana isaa keessatti isin haa qusatu.

✍️TV Sagalee Dhugaa

Address

Harargee Bahaa
Harar
1000

Telephone

+251777990114

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waldaa Sillaasee Wiirtuu Harargee Bahaa:

Shortcuts

Share