20/06/2025
💥Of tiksuu(العفة)💥
💫Ergaa Torbe💫
🌿'Iffaa' : jechuun Fedhii hin barbaachifne haraama ta'e ba'achuu irraa of tiksuu jechuudha.
Rabbiin akkas jedha
وَلۡيَسۡتَعۡفِفِ ٱلَّذِينَ لَا يَجِدُونَ نِكَاحًا حَتَّىٰ يُغۡنِيَهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضۡلِهِۦۗ
🌿Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, kabajaa ofii haa eeggatan(zinaa irraa of haa tiksan)
🌿Iffaan waan jalqaba irraa ergamaan rabbii-salla allahu alayihiwasallam- barsiisaa tura irraati.abu sufyan Osoo islaama hin ta'in dura yeroo hiriqlaa mootiin roomaa ergamaan haaraan sun maalitti isin ajaja jedhee gaafatu:
" يأمرنا أن نعبدالله وحده ونترك ما كان يعبد آباؤنا و يأمرنا باالصلاة والصدق والصلة والعفاف "
🌿"Rabbiin tokkicha gabbaruu,salaata,dhugaa dubbachuu,fira fufuu fi of tiksuutti nu ajaja jedhe."bukhaariitu gabaase
🌿Du'aa'ii ergamaan Rabbii baayi'isan keessaa
اللهم اني أسألك الهدى والتقى والعفاف والغنى
🌿Yaa Allah an Qajeeluman si kadhadha,sodaa Keen si kadhadha ; tikfamuun si kadhadha,durummaan( Kan qalbii) si kadhadha jechuudha.
Fedhii haraama ta'erraa of tiksuu sadarkaa inni qaburraa rabbiin Suuraa anbiyaa keessatti erga nabiyyoota hedduu dubbatee booda akkas jedha:
والتي احصنت فرجها فنفخنا فيها من روحنا وَجَعَلۡنَٰهَا وَٱبۡنَهَآ ءَايَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ
🌿Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu)Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufneIsheefi ilma ishees aalama hundaaf mallattoo taasifne.
🌿Nabi yuusufis suuraan guutuun waa'ii isaanii dubbata.
Yeroo inni fitnaarraa tikfamuu Rabbii isaa kadhatu rabbiin akkas jedheen:
فَٱسۡتَجَابَ لَهُۥ رَبُّهُۥ فَصَرَفَ عَنۡهُ كَيۡدَهُنَّۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
🌿Kanaaf Gooftaan isaa isaaf awwaatee tooftaa isaaniis isarraa deebise Dhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu dhaga’aa, beekaadha 34
🌿Sababuma inni of tiksuuf erga mootiin biyyaa Isa godhee boodas rabbiin-subhaanahuu wata'alaa- akkas jedhaan :
وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَتَبَوَّأُ مِنۡهَا حَيۡ