05/03/2026
Oduu Gammachiisaa
Guyyaa Jabaa kana Hundinuu wal affeeraa
Hawaasa muslimaa addunyaa irratti argamtan hundaaf munashidni keenya kabajamaa fii jaallatamaan U/ Anas Mohammed Idris Naashiidaa haaraya Albama 20ffaa Eebbisuuf Guyyaan beellamaa qabamee jira, waliin taanee haa ebbifnuun Ergaa kheeyrii Ramadaanaati isiniin jenna.guyyaan eeyba nashiidaa Ramadaana 19/8/1447 saftii oollee galgala Alhadaa akka Ethiopia sa'aa 3:30 tti Live tiktok mana Dr Asiledin Mohammed tti yoo ta'u maarree saganticharratti ,Nashiida haarawa gurra nama tokkoo hin seenin Ni dhageesu,Yoom kana qofa ulamaa'ota gurguddaa hedduutu irratti Argama ,Akka isin hin dabarre, waliin haa ebbifnuun waamicha obbolummaati,hundi kessanuu Afferamtanii jirtu, Ust/ Anas Muhammad jechuun qabsaawaadha,Kan Saba isaa mararfatu,Kan aantummaa sabaa fi quuqama Lammii isaa qabu,kan quuqaa nutti jiru sagalee isaatiin nurraa buqqisu ,Leenca gaafa roorroo, Hayyuu Islaamaa,Nama kabajamaa diiniifii saba isaa ummata isaaf laffa'aa jiru,Lammii isaatiif aarsaa kaffale akkamitti rakkata yoo jiruun duune malee .
Jabaa jabeeffachuun ,Jabaa akka isaa oomishuufi Eebba Nashiidaa Hawaasa Hunda hirmaachise ,Koottaa Waliin Eebbifna,Dhiira Guyyaa jabaa U/ Anas Mohammadiif dagaleef utubaa taana,Eebba kanarratti waliin taanee,Lammii Galata beektu tahuu addunyaaf mirkaneessina