Amantaa Qabaadhu

Amantaa Qabaadhu Amanamummaan eenyummaa ofiif murteesssaadha.odeeffannoon amanamummaa qabu asirraan isin bira gahuufi.hordofaa

17/07/2025
Jaalalti dhugaa wal amanuurraa halqabdi.❤
15/07/2025

Jaalalti dhugaa wal amanuurraa halqabdi.❤

 ====  Ibraahim Tiraawuree akkas jedhe. "Doolara Miliyoona 5 fi lammummaa biyya alaattu waadaa naaf seename yoo an isa g...
12/07/2025


====
Ibraahim Tiraawuree akkas jedhe. "Doolara Miliyoona 5 fi lammummaa biyya alaattu waadaa naaf seename yoo an isa ganeef.

👉 Yeroo inni salaataf of gatu ajjeesi naan jedhan. Ofii kiyya waliin haasawutti ka'e, mallaqni naaf kennamu kun na bashannansiisuu danda'a, garuu biyya tiyyatti osoo hin taane biyya ormaatti, akkasuma yoo mallaqaan bashannana jedhe sammuu kiyya akkam godha? Qalbii tamtu gantummaa raawwattee nagaya argatee bashannana, natti hafee hiyyummaan biyya tiyya keessa mataa ol qabadhee jiraatu naaf caala jedhee murteesse"

👉Amanamummaan faayidaan hin geeddaramu. Bara jireenya kee keessatti boqonnaa qalbii siif kenna. Nama koo! Faayidaaf nama hin ganiniin dhamsa hunda keenyaaf yaa taatu.

4Kilo Addis Ababa
09/06/2025

4Kilo Addis Ababa

16/04/2025

በዒባዳ ያልተገራ ምግባር

#ኡስታዝአቡበከርአሕመድ

Namni muslima taate kan rabbitti  amantu kan online irra jirtu maqaa rabbii kana sheer godhi waan biraatuu sheeruma gota...
09/04/2025

Namni muslima taate kan rabbitti amantu kan online irra jirtu maqaa rabbii kana sheer godhi waan biraatuu sheeruma gotaa jazaan kee achumaan Ergamaa kenna irratti salawaata buusi S.A.w jedhii jzk❤️✅

06/04/2025

Amanamummaan waan hunda caala!🌳

Baatii Sooma Ramadaanaa Sababeeffachuun miskiinatti tola ooluu amantaan muslimaa akkaan jabeessee dhaama.
21/03/2025

Baatii Sooma Ramadaanaa Sababeeffachuun miskiinatti tola ooluu amantaan muslimaa akkaan jabeessee dhaama.

Injifannoon Adwaa Faajjii gurraachotaa walqixxummaa namoomaa dhugoomsedha!Shimallis Abdiisaa, PMNODhalli namaa birmadumm...
01/03/2025

Injifannoon Adwaa Faajjii gurraachotaa walqixxummaa namoomaa dhugoomsedha!
Shimallis Abdiisaa, PMNO

Dhalli namaa birmadummaa guutuu gonfachuuf wareegama kaffala; Kan walqixxummaatti hin amanne ammoo kan biraa garboomsuuf yaaluu seenaan darbe ni mul’isa. Taateen waltajjii marii konfiraansii Baarlin Afrikaanota qircachuuf taa’ame madaala namoomaa kan diige garaa garummaa ilma namaa jidduutti kan bu’uureesse ture. Mirmaduufi Garba akkasumas warra boodatti hafoofi qarooman jechuun ilmaan namaa gargar qoode. Guraachota Afriikaa bifa qofaa xiqqeessuun qabeenya uumaan gonfachiise harkaa saammachuuf warra miira olaantummaan tuulametu walgurmeesse.

Murteen warra Adii marii yaadaan tumsamee karaa nagaan Afriikaanota qoodachuuf waliigalamee ture gocha qabatamaatti wayiita hiikamu akka yaadameen faallaa isaan mudate. Gootonni ilmaan sabootaa Itoophiyaanonni akkuma Kanniisa Gaagura keessa diinatti jigeetti itti timmisuun wareegama qaalii kaffalameen ajandaa Baarliin fuggisoo garagalchee humna warra Adii waraanee qaanii itti uwwisee injifannoo Adwaa galmeessuun walqixxummaa ilma namaa mirkaneesse.

Weerartuun xaaliyaanii dawoo cimaa ijaarratee baandaawwan bu’aa dhuunfaan biyya jijjiiran qindeessus tooftaa qondaaltota waraanaa keenya jalaa miliquufi duula sabdaneessaa damdamachuu dadhabuun burkuteeffame.

Injifannoon Adwaan eenyummaa dhugaa Itoophiyaa ashaaraa gootummaa xiinsammuu keenya keessatti caafame, dhaqna keenya irratti qalama dhiiga abboota keenyaafi qubeessaa caba lafee gootota keenyaatiin kan bocame eenyummaa waloo dulloomuu hin dandeenye faajjii dhalootaa dhalootatti ce’ee jiraatudha. Eenyummaan dhiigaafi lafeen ijaarame, birmadummaan gootummaan tikfame sun akka salphaatti kan galmaa’e miti. Qormaatota rog-daneessa keessaafi alaa akka abiddaa saafaa boba’u kan dhaamse, injifannoo guddicha madaala garaa garummaa gurraachaafi adii jijjiire kan nu dhaalchise, humna sabdaneessummaa obbolummaa irratti ijaarame bu’uura seenessa waloo keenya har’aati.

Kabajamaa uummata Oromoofi lammiileen Itoophiyaa biyya keessaaf biyya alaa jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa Injifannoo Adwaa waggaa 129ffaa nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.

Injifannoon Adwaa Seenaa waloo qabeenya dhaabbataa dhaallee dhaalchifnu bu’uura amansiisaa irratti kan nuuf ijaare, hariiroo obbolummaa keenyaa kan cimseefi tokkummaa biyyaalessummaa keenyatti ulfina kan horedha. Adwaan garaa garummaarra tokkummaa, jibbarra jaalala, diigamuurra ijaaramuu, qeenxummaarra walooma kan nu barsiise qaama injifannoo yeroo hunda leellifnuufi kabajnudha. Kana malees, Adwaan birmadummaa Afriikaa kan ariifachiise faajjii olaanaa galmee Addunyaarratti walqixxummaafi madaala namooma dhiigaaf lafeen caafedha.
Duula sabdaneessummaa kanarratti Oromoon goototaafi fardeen isaa kumaatamaan hirmaachisuun lolee lolchiise mallattoon birmadummaa Afriikaanotaa akka galmaa’e taasise. Haata’u malee, seenaan isaa hatameefi dabsamee bareeffamaa ture. Qabsoo taasifamaa dhufeen sun hundi seenaa ta’eera. Qabsoon Oromoofi wareegamni ijaarsa biyyaaf kaffalame ifa ta’aa dhufeera. Ammas barreessitootniifi qorattoonni seenaafi seenessa dabaa qorachuun qajeelchuu akkasumas seenessa waloo dhugaa hundaa ijaaruuf hojjechuutu nurraa eegama. Dhugaa qajeelchinee daba sireessinee dhaloota dhaalchisuuf hunduu tumsuu qaba. Adwaan kan hunda keenyaa ta’uu bira darbee mallattoo injifannoo guraachota hundaati.

Har’as akkuma kaleessaa aggaammii keessaa fi alaa kamiyyuu qolachuu dandeenya. Keessumattuu, qormaanni keenya hamaan finxaalessummaafi hiyyummaa ta’us, kanneen lamaan isaaniiyyuu injifannee akka darbinu shakkii hin qabu. Meeshaa waraanaatiin qofa osoo hin taane duudhaa mariifi ejjennoo cimaa hojii misoomaa irratti jalqabne cimsineefi humna sabdaneessummaa ijaaraa jirrus fayyadamnee injifachuu akka dandeenyus ni beekna.
Hiyyummaa burkuteessuu, finxakeessummaa balleessuuf ammoo qoodni uummata keenyaa guddaadha, garaa garummaa Keenya waliif kabajaa dhibdee marammoo maree biyyaalessaan furaa caalamatti biyya keenyatti kabaja horuuf kutannoon hojjenna.

Oromiyaa ni ijaarra
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nugargaara
Shimallis Abdiisaa
Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Guraandhala /2017
Finfinnee

Dubbii Ajaa'ibaa!United States of America keessatti sagantaa TV beekkamtuu "You're not the father" jattu takkaatu jira. ...
27/04/2024

Dubbii Ajaa'ibaa!
United States of America keessatti sagantaa TV beekkamtuu "You're not the father" jattu takkaatu jira. Ameerikaa keessatti sagantaan tun hedduu jaalatamti. Waggaa 33 oliif dabraa jirti. Qabiyyeen sagantaa kanaa dhalaan dhiira hedduu wajji walqunnamtee jirtu isaan hunda afeeruudha. Kana booda qorannaa DNA (DNA test) isaan hundarratti gaggeeysuun abbaa ilmoo isiitiif barbaaduudha. Ajaa'ibaa mi?

Sagantaa haala kanaan Haga ammaatti dabre jidduu sagantaan intalti Rosalinda ja'amtu gaggeeysiteedha. Intalti tun dhiira 18 wajji walqunnamtee turte. Hunda isaanii haaluma kanaan afeertee, qorannoon isaan hundarratti godhame. Garuu bu'aan qorannoo negative result ture. Kana jachuun isaan hundi abbaa ilmoo hin turre jachuudha.

Kan si ajaa'ibu kana hunda eega dhalaa cunqursan booda, Islaamummaan dhalaa miite ja'anii dubbatan. Islaamummaan rakkoo kana furuuf jacha dhalaan heerumtee baate takka Haga gadaameeysi Isii qulqullaawuu Akka turte ajajje.

Kuni tola Islaamummaan namaaf oolteedha. Barruu tana dubbistee Yoo xumurtu Alhamdulillaah jachuu hin dagatin!

12/04/2024

Amantaa qbaadhu

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Amantaa Qabaadhu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Amantaa Qabaadhu:

Share

Category