Moh abdalla

Moh abdalla Live in Qatar
Astak furrula .

photography
12/11/2025

photography

lencii humna ciima qaba akkam bela'uus belaaf ja'e marga hin nyatuu ...attiis si gila bakka si hin fakkanne hin dhabatii...
01/11/2025

lencii humna ciima qaba akkam bela'uus belaaf ja'e marga hin nyatuu ...attiis si gila bakka si hin fakkanne hin dhabatiin bro..

21/10/2025
13/10/2025

➡️Galmi waa’ee bu’aa ati galmaan gahuu barbaadduutidha. Sirni garuu, waa’ee adeemsa bu’aa sanaaf geessuu danda’udha. Sirni qophii ati galma keetiif taasiftudha. Amala kee jijjiiruuf yoo rakkatte rakkoon si miti. Rakkoon kan jiru sirna adeemsa kee keessa. Amaloonni gadheen irra deddeebi’anii kan sirratti mul’atan jijjiirama waan hin barbaanneef utuu hin taane, jijjiiramaaf sirna dogoggoraa waan hordoftuufi/qabduufi. Amalli Atoomikii amala gaarii ijaaruu fi amala gadhee ta'an cabsuuf sirna mirkanaa’e dhiyeessuudha.

11/10/2025

➡️Gaggeessaa cimaa ta'uuf Wantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa cimaadha.

➊. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e.
➋. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e.
➌. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e.
➍. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalchiisan yoo dandeessa ta'e.
➎. Ofitti amanamummaa yoo qabaatte.
➏. Kutannoo yoo qabaatte.
➐. Yaada qajeelaa (Positive Attitude) yoo qabaatte.
➑. Mul'ata, Kaayyoo fi Galma ifaa yoo qabaatte.
➒. Rakkoo furuuf waa kalaquu yoo dandeesse.
➓. Amanamummaa yoo qabaachuu dandeesse. Dhuguma ati gaggeessaa cimaa [Gaggeessaa jijjiiramaa ta'uu dandeessa]....

08/10/2025

➡️Ammatti milkaa’aufi milkaa’uu dhabuun kee homaa rakkoo hin qabu. Wanti guddaan, amala kee isa gara daandii milkaa’inaatti si geessu horachaa jiraachuu keeti. Guyyaa guyyaan dhibbeentaa 1 fooyya'uu irratti xiyyeeffadhu! Adeemsumaan gara barbaadduufi bakka barbaaddu geessa.

💟

06/10/2025

🟣Abjuuf Mul'anni Kee Ija Mararteetiin Si Ilaalaa Si Eegdi!

Abjuuf mul'anni kee si malee abbaa waan hin qabneef yeroo hundumaa yoom abbaan koo dhufee na argataa jettee si eegdi. Yoom walargannee waliin beekamna. Waliin guddannee namootaaf bu'aa taana jetti. Abjuu kee ishee akkasitti sitti mararamtu kana bira geessee milkaa'ina kee gonfachuuf waan dhiisuu qabdu dhiisuu qabda....itti fufaa

Bakka oltuu filaadhuu jechuun maal jechuu akka ta'ee naaf barreessii mee ......?
29/09/2025

Bakka oltuu filaadhuu jechuun maal jechuu akka ta'ee naaf barreessii mee ......?

Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu!==============================1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boo...
25/09/2025

Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu!
==============================
1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu,boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa sun immoo sis namoota sanas ni cabsa.

2. Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee alaanaluu irraa of eeggadhu. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa.

3.Yeroo jireenya kee keessatti gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee,Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa.!!!!!!!

Akkam akkam jalaan ko
23/09/2025

Akkam akkam jalaan ko

Baga boqa birra Nagaan gessan
12/09/2025

Baga boqa birra Nagaan gessan

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Moh abdalla posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share