10/08/2026
Hiriyaa Fi Jireenya! abdalla
Jireenyi nama tokkoo waan inni qabu qofa irraa hin ijaaramu, namoota inni naannoo isaatii qabu, namoota inni amanuu fi namoota inni yaada isaa waliin qoodatu irraa jabeenyaa fi kufaatiiniis dhufaaf. Namni tokko yeroo gammachuu keessa jiru namoota hedduu naannoo isaati qabaachuu danda’a. Garuu yeroo rakkoo keessa seenu, namoota keessaa eenyutu nama dhugaa akka ta’e, eenyutu kan isaaf dhaabbatu, eenyutu ammoo gammachuu isaa qofa waliin qoodatee akka isa dhiisu adda baafachuu danda’a.
Dullachi Sa’aa akkana jedhe “Bagaan kufes, bagaan ka’es; kan Albeen natti fiiguu fi kan na kaasuuf natti fiiguus firraa argee.” Jechoonni kun waan guddaa tokko nu barsiisu, yeroo rakkoo keessa jirtu, Namoonni ati naannoo keetii qabdu eenyummaa isaanii sirriitti hubachuu dandeessa. Rakkoon yeroo tokko tokko diina kee qofa osoo hin taane, hiriyaa kee dhugaa siif mul’isuuf daawaa ta’uu danda’a.
Nama hundaaf gaarii ta’uun amala gaariidha. Garuu nama hundumaa gara keessa jaalachuun ogummaa miti. Namni ati waliin yeroo dabarsitu, yaada kee itti himtu, iccitii kee wajjiin qooddattuu fi yeroo rakkoo kee itti himtu, jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Kanaaf: Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyaa waan garaa keetii itti ibsitu filadhu. Namni ati yeroo baay’ee waliin jirtu, suuta suutaan akka ati itti yaaddu, akka ati itti dubbattu, akka ati itti murteessitu fi akka ati jireenya kana itti ilaaltu tilmaamee bakka ofii fedhuun si barbaada. Kanaaf, namoota naannoo kee jiran sirritti ilaali, isaan jireenya kee gara eessaatti geessaa malan?
Yeroo ati milkaa’ina keessa jirtu, namni hedduun si bira dhaabbachuu danda’a. Yeroo ati qarshii qabdu, namni hedduun si yaadachuu danda’a. Yeroo ati beekamtii qabdu, namni hedduun si faana deemuu danda’a. Garuu yoo ati kufte hoo? Yeroo ati hojii dhabde hoo? Yeroo ati rakkoo maallaqaa keessa seente hoo? Yeroo namni hundi si irraa fagaate hoo? Eenyutu si biratti hafa?
Rakkoon yeroo tokko tokko nama siif dhugaa