03/02/2026
Diinagdee Qulqullina Qabufi Fayyadamummaa Haqa-qabeessa Mirkaneessu Badhaadhina Biyyaaf!
=======
Paartiin Badhaadhinaa dinagdee dandamataa,dorgomaa ijaaruun badhaadhina lammilee hunda bira gahu mirkaneessuuf onnee guutuun hojjachaa jira. Ilaalama idaa'amuutiin diinagdeen keenya qulqullina kan qabufi haqa-qabeessa akka ta'u barbaadama. Kana jechuun ammoo guddinni keenya lakkoofsa qofa osoo hin taane, jijjiirama jireenya lammilee irratti fiduun madaalamuu qaba. Galmi imala badhaadhinaa qananii uummata keenyaa dhugoomsuudha.Kun akka dhugoomuuf qonna keenya ammayyeessuu, induustirii babal’isuu fi dinagdee dijitaalaa dhugoomsuun hirkattummaa irraa walaba ta’uuf tarkaanfii guddaa fudhatameen bu'aan fooyyeen argameera. Kana malees,diinagdeen ijaaramu ija fayyadamummaa haqa qabeessaan madaalamuu qaba. Ejjennoo kanaanis,qajeeltoo "Namni duubatti hafu hin jiraatu" jedhuun, badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf hojjetaa jirra. Hojiilee qabatamaa magaalaa fi baadiyyaatti, qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa keenya biratti hojjetamaa jiruun damee hundaan hojii gurguddaan nii dandaa'ama jedhamee hin yaadamne hojjetamaniiru. Inishetivii Qamadii hirkattummaa gargaarsaa hambise,bonaa ganna oomishuun waqtii kamuu waqtii oomishaa taasise,Magaalaa bakka oomishaa fi gurgurtaa akka ta'u dandeessise,misooma beeyladhaa maaddii guutuu mirkaneessan irratti xiyyeeffachuun hojiin jijjiiramaa as hojjetaman waan dagataman miti.
Hojiwwaan kanneen irraa fayyadamummaan lammilee haqa-qabeessa akka ta'uuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetama. Hojiin kun fuulduraafis hanga galmi badhaadhinaa qabanne mirkanaa'utti ariitii,baay'inaa fi qulqullina dabaluun hojjechuu itti fufna.