Sadeen Fadis

Sadeen Fadis YES WE CAN!!

Gurmuu Dargaggootaa Cimaa;Imala Ol ka'iinsa Badhaadhina Biyyaaf‼-----------------Imala badhaadhinaa fi ijaarsa biyyaa dh...
06/01/2026

Gurmuu Dargaggootaa Cimaa;
Imala Ol ka'iinsa Badhaadhina Biyyaaf‼
-----------------
Imala badhaadhinaa fi ijaarsa biyyaa dhugoomsuu keessatti gaheen Gurmuu Dargaggoota murteessaa fi ol'aanaadha.Bu'uuruma Kanaan Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Bahaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Gaggeessee jira.Gamaaggamicha irratti Argamuun Haasaa Baniinsaa kan taasisan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Harargee Bahaa Obbo Habtamu Tesfaye Haasaa taasisaniin, Gurmuun Dargaggoota sochiilee misoomaa keessatti hirmaataa fi fayyadamaa akka ta'aniif sochii taasifamaa jiruun gamatti,Nageenya waareessuufi misooma arifachiisuun mul'ata ijaarsa biyya waloo mirkaneessuu keessatti gumaacha akka taasisaniif xiyyeeffannaa guddaadhaan akka hojjatamuu,marii kanarratti dubbattaniiru.

Akkasumaas Olaantummaan Yaadama Paartii Bu'uura Cimaa Irratti Ijaaramuu kan Danda'u Dargaggootaafii Dhaloota Dhalachuu Paartichaaf Wareegama kafalan Kana Biratti lafa qabsiisuun yoo danda'amedha waan qixa Kanaan Dargaggoonni Gahee keessan hubattanii hojjechuu qabdu jedhaniiru.Gamaaggama Kanaan Gabaasni Raawwii Hojii Aanaaleefii Magaalotaa Erga dhihaatee booda Ciminaafii hanqina jiran irratti mariyatameera.

Erga Gabaasichi Ilaalame Booda Xiinxalaafii Duubdeebiin Hojii Gurmuu Dargaggootaafii Jaarmiyaalee Itti Gaafatamaa Gurmuu Dargaggoota Godinaa Dargaggoo Abdulmalik Mustefa Musa dhihaatee Gad fageenyaan Aanaaleefii Magaalonni Akka of ilaalan taasifameera.Aanaaleefii Magaaloonni Erga Duubdeebii dhihaate irratti yaada kennanii booda Hoggantoota Jaarmiyaalee Dargaggootaa Godinichaatiin cimsuu akka qaban dhaamaniiru.Dhumarratti Itti Gaafatamtuun Damee Ijaarsa Waajjira Paartii Badhaadhina Godina Harargee Bahaa Aadde Aziizaa Dawid argamuudhaan Kallattiiwwan Hojii ijaarsaafii Siyaasaa,Hojimaataafii Qajeelfama paartii akkasumas Gurmaa'iinsa Gurmuufii Jaarmiyaalee Dargaggootaa Cimsuu irratti kallattii Hojii itti Aanu kennuudhaan Gamaaggamichi milkiin Goolabameera.

"Hirmaan

Jijjiramni Addunyaan Warraaqsa Odeeffannoo Wajjin Walqabsiisuudhaan Keessummeessite Keessaa inni duraa Siyaasaafi Mil'uu...
13/11/2025

Jijjiramni Addunyaan Warraaqsa Odeeffannoo Wajjin Walqabsiisuudhaan Keessummeessite Keessaa inni duraa Siyaasaafi Mil'uu Beekumsaati‼️.

MOOTUMMAA IDA'AMU🇪🇹✅️👇

 !;Qabeenya Dilbiin Guyyoota 3'f Baalee keessa Deemee Daawwadheefi jireenyi Hiyyummaa hawaasaa wal naaf simuu didee hirr...
20/10/2025

!
;Qabeenya Dilbiin Guyyoota 3'f Baalee keessa Deemee Daawwadheefi jireenyi Hiyyummaa hawaasaa wal naaf simuu didee hirriba na dhorke.''- Ministira Muummee Abiy Ahmed Ali (PhD)

Rakkoo kana bu'uurarraa hiikuun Itiyoophiyaa lammiilee biyyoota biroo soortu uumuuf immoo mariitu nu barbaachisa jedhan.

"Biyya Cimtuu fi Kabajamtuu Ijaaruu Keessatti Gaheen Dargaggoota Ol’aanaadha!🇪🇹_________👇
19/10/2025

"Biyya Cimtuu fi Kabajamtuu Ijaaruu Keessatti Gaheen Dargaggoota Ol’aanaadha!
🇪🇹_________👇

 !Gurmuu Dargaggootaa Cimaa,Imala Olkaa'insa Biyyaa Dhugoomsuuf‼__________Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Koonfaransiin N...
19/10/2025

!
Gurmuu Dargaggootaa Cimaa,Imala Olkaa'insa Biyyaa Dhugoomsuuf‼
__________
Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Koonfaransiin Nageenyaafii Misoomaa Gurmuu Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Kurmaana 1ffaa Mata Duree"Ijaarama Dargaggootaa Cimaa Nageenya Waaraaf" jedhuun Gaggeeffamaa jira.

Itoophiyaan injifatteetti 🙏= = = = = = = = = = = = = =Lolli bishaan Abbayyaa irratti adeemsifamaa ture injifannoo Itooph...
18/09/2025

Itoophiyaan injifatteetti 🙏
= = = = = = = = = = = = = =

Lolli bishaan Abbayyaa irratti adeemsifamaa ture injifannoo Itoophiyaan goolabame. Alaabaan Itoophiyaa fulbaana 3/2025 irraa eegalee qarqara laga Abbayyaa, cinaa hidha haaromsaa guddichaatti mirmirfamaa jira. Baroota kurnan darbaniif dubbatamaafii kan ture hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa walitti bu’insa bishaanii jedhamuun kan gabaafamaa ture cufeera jechuun the Arab Wiikili gabaaseera!🇪🇹🇪🇹🎉🎉🏛🏛🙏🏆🏆✨️☀️👏💥💚🥇

Gamtaadhaan Milkeessineerra!
18/09/2025

Gamtaadhaan Milkeessineerra!

Address

Fadis
Harar
04

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sadeen Fadis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share