21/08/2026
Dhukkuboonni vaayirasii HIV da’oo godhachuudhaan lubbuu namaa galaafatan maal fa’i?
HIV/AIDs’n dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa miidhuun dhukkuboonni biroo akka salphaatti lubbuu galaafataniif haala mijeessa.
Dhukkuboota dadhabuu madiinummaa qaamaa irratti hirkachuun lubbuu galaafatan keessaa hangafoonni:
◇ Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii) (Tuberculosis)
◇Infekshinii sombaa biroobkan fungasii "Pneumocystis jirovecii" jedhamuun nama qabu fi baakteeriyoota biroon dhufan.
◇Infekshinoota sammuu (keessumaa kan jarmoota Cryptococcus fi Toxoplasma gondii jedhamaniin dhufu)
◇Kaanseroota HIV/AIDS waliin walqabatan kan akka NHL fi KS
◇Dhukkuboota Garaa Kaasan (Teessisaa):.
Qoricha vaayirasii HIV dafanii eegaluun maaliif nama fayyadaa?
Qorichi dhibee HIV/AIDs vaayirasichi akka hin baay’anne/wal hin horre taasisuun nama vaayirasii kanaan qabame umurii yeroo dheeraa jiraachisa.
Qoricha battalumatti yoo eegalan dhukkuboota armaan olitti kaasne ittisuun ni danda’ama.
Namni yeroodhaan dafee qoratamee of baree qoricha kana fudhachuu eegale, dhukkuboota kanaan osoo hin qabamiin yeroo dheeraa (umurii guutuu illee ta'uu mala) jiraata.
Qoricha HIV/AIDS addaan kutuun maal namarraan ga’aa?
Qoricha kana addaan kutuun dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa hedduu waan gadi buusuuf dhibeewwan armaan olii kanaaf akka malee nama saaxila.
Dabalataan vaayirasiin HIV qoricha waliin akka walbaru taasisuu danda’a.
Walumaa galatti:
◇Namni kamuu qoratamee vayirasii HIV kana qabaachuu fi qabachuu dhiisuu isaa ykn ishee of beekuun hanagafa waan hundaati.
◇Namni vaayirasiin HIV qaama isaa kekessatti argame, osoo mallattoon kamuu hin mul’atiin qoricha vaayirasichaa battalumatti eegaluun hedduu hedduu murteessaa fi dirqama dha.
◇Qoricha addaan kutuun miidhaa hedduu kan qaqqabsiisu dha.
Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa