21/10/2024
Baalooteelii dubbii ajaa'ibaa dubbate
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
🎙️🗣️Maariyoo Baalooteelii: “Taphattoonni kubbaa miilaa Afrikaa hundinuu Yoo waliin taanee maallaqa walitti qabuun Awurooppaa gadhiifnee Afrikaa keessatti istaadiyeemii ijaarre dargaggoota keenya hedduu guddifna. Maallaqa waan qabnuuf yoo xiqqaate istaadiyeemii idil-addunyaa 5 tokkoon tokkoon biyyaatti keessatti ijaarree taphataan kamiyyuu Afrikaa irraa Gara Awurroppaa akka hin ergamne waliigaltee mallatteessuu dandeenya. Dandeettii ni qabna, qulqullina liigii keenyaa fi sadarkaa liigii ol kaasuu dandeenya. Dandeettii guddaa qabna, garuu biyya alaa keessatti taphannuus teenya teenyuma nu arrabsu..
Akka yaada kiyyaatti Sababa malaammaltummaa ardiin kun hiyyummaan hubamaa jira. Balotelli Afrikaa keessatti hin guddanne, kanaaf dhuguma waa'ee Afrikaa waan baay'ee hin beeku. Ardiin bareedduu sun namoota siyaasaa maallaqa bulchuu hin beekneen guutamtee jirti. Maallaqa istaadiyeemii haaraa fi bu'uuraalee ispoortii biroof yaadame ni saaman ni nyaatan taphataan kun nama arrabsoo sanyummaa warra adii ifatti itti qabsaawuun beekkamuu dha.
Yaada Balotelli irratti maal jettu?rakkoon Ardichaa Aangoota mootummaa malaamaltummaan Ardicha saamaa jiranii dha🤔
Share godhaa!!