21/04/2026
Qacaramanii Miindaan jiraachuun dhiibbaa akka qabu qorannooleen ibsan.
Oduu Waliif TV ( Ebla 21/2026) Finfinnee
Hojii miindaan qacaramanii hojjachuun faayidaa qabaatus, dhiibbaa hedduu qabaachuu isaa qorannooleen beeksissan.
Dhaabbileen kanneen akka dhaabbata fayyaa Addunyaa 'WHO' fi dhaabbata Hojjattoota Addunyaa 'ILO' qorannoo kanaan dura hojjataniin namoonni Hojii miindaan qacaramanii hojjatan muuraasa qabaataniis irra guddaan isaani dhiibbaa hedduuf saaxilamoo ta'uu isaani ifoomsanii jiru.
Qacaramanii miindaan jiraachuun dhiibbaan inni qabu keessaa:-
Namoonni qacaramanii jiraatan Bilisummaa xiqqaa qofa qabu. Murteewwan hedduu ofii isaanitiin murteessuu hin danda'an.
Guddinni diinagdee ykn galiin isaani yeroo hunda daangeffamaadha.Namoonni Miindaan jiraatan yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramu hin danda'an.jireenyi isaani Yeroo hunda miindaa irratti irkataadha.
Namoonni Miindaan jiraatan dhiphina sammuuf(stress) saaxilamoodha.Yeroo dhuunfaa isaani hin argatan. Sa'aati dheeraa hojii qacaramaniiif sanaaf oolchu.
Namoonnii qacaramanii hojjatan hojii dhabdummaaf yeroo baay'ee ni saaxilamu.Yeroo kamiyyuu hojii isaani irraa ari’amuu danda'u.
Yaada fi dandeetti isaani guututi fayadamuuf ni rakkatu.yeroo baay'ee namoonni qacaramanii hojjatan Wal irratti hojjachuu (office politics) dabarsu.
Hojjii tokko irra deddeebiin yeroo dheeraaf hojjatu jechuun Dhaabbileen kanneen akka dhaabbata fayyaa Addunyaa 'WHO' fi dhaabbata Hojjattoota Addunyaa 'ILO' qorannoo kanaan dura taasiisaa turaniin beeksisanii jiru.
Maddi:-WHO,ILO
Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com0