
26/08/2022
Irra Caalaan Guyyoota Torbaanii Kam Akka Tahe Beeytaa ?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
• Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa torbaan keessa Guyyaa 7 uumee Guyyoota San keessaa Guyyaa Jumu’aa irra caalchise.
• Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam “irra caalaan guyyaa aduun keessa baatee Guyyaa Jumu’aati, Guyyaa kana keessa Abbaan keenya Aadam Uumame, guyyuma Kana keessa Jannata see si Fame, Guyyuma kana keessa ammaas Jannata keesaa baafame. Guyyaan Qiyaamaatiis Guyyuma kana keessa tahuuf taa’a” jechuun nuuf himan.
• Sadarkaa Guyyaa kanaatiif Suuraan Qur’aanaa takka Suuratul Jumu’aa jechuun yaamamte.
• Guyyaan Jumu’aa Sayyida Guyyaati. Guyyaa kana keessa muslimni torbaan guutuu wal hin arkin Masjiida Rabbiitti walitti qabamee Salaata Jumu’aa wajjiin salaatee gammada. Ammallee Guyyaan Jumu’aa iidaa torbaanii kan Ummata Muslimaati.
• Guyya Jumu’aa kana keessa Yeroo Takka tan Gabrichi isii keessa Du’aa’ii godhate waan kadhate Rabbirraa arkatuutu jira Yoo haraam taate malee.
• Obboleeyyam Islaamaa walumaa galatti Guyyaan Jumu’aa sadarkaalee Gurguddoo asii olitti dubbanne Kanaaf ammallee kanneeen hafan hedduudha Qaba, Kanaaf Guyyaa kana keessa akkaan Rabbitti dhihaannee kheeyrii haa oomishannuu.
• Nuti hundi haajaa qabnaa guyyaa kana keessa ibaadaa, salaata, zikrii, Du’aa’ii, sadaqaa, fii akkasuma ibaadaalee biraa heddummeessuun kheeyrii guyyaan Kun Qabu irraa qooda haa fudhannuu.
• Rabbiin Warra Guyyaa kana keessa isa kadhatee milkaawe Irraa Nu Haa Taasisuu. Rabbiin yaadaa fii muraada keenya hunda nuuf haa guutuu.
Obboleeyyan kiyya barreeffama kana dubbisaatii Share Waliif Godhaa.
Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran
By: Ibsaa Dhugaa
https://www.facebook.com/profile.php?id=100079009500149