17/08/2025
Ajjeechaan hojjattoota Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa irratti raawwatame dallansuu guddaa uume.
Namoonni marsaalee hawaasaa irratti yaada isaanii qoodan, gochaa kana balaaleffachuun uummanni haala ulfaataa keessa jiraachuu ibsu.
Kaanenuus Kaasaa Baayyisaa fuula Facebook isaa irratti barruu barreesseen, Jireenya jibbaa jirraa jedhe.
“Biyya shiftaan akka fedhetti uummata nagaa dararu keessa jirra. Biyya qaamni seera qabeessa jedhamu shiftoome keessa jirra. Qaama nu dararu hin beeknu. Namuu akka walitti aanutti uummata saamee, ajjeesee basha'ee jiraata. Waan kana yoo waliin taanee dura dhaabachuu baanne, dabaree dabareen akka saamamnuu fi ajjeefamnu hin shakkiinaa” jechuun barreesse.
Hirphaa Taarraqaa Gammadaa namni jedhamu immoo fuula Facebook isaa irratti yaada barreesseen Nama dhukkubsa jechuun yaada isaa jalqaba.
“Yoona kan fuuudhee mana dhaabee ilmoo godhates jira ta’a. Haati manaaf daa’imnisaa utuu karra ilaalanii hafu.
Tokkommoo Barana fuudhuuf jedha ta’a. Kun hunduu karaatti hafe.
Dargaggoo Baratanii Hojii argatanii ofiif maatii ofii jiraachisuuf baddaa gammoojjii bu’an karaatti hambisan” jechuun gadda isaa ibse.
Damee Darajjee Dhufeeraa namni jedhamu immoo dhimma kana ilaalchisuun fuula Facebook isaa irratti akkas jedhee barresse.
“Jireenyaa isaanii jijjiruu fi dhaabbata isaanii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa taajajiluuf warreen aarsaa taatan nagaan boqodhaa” jedhe.
Awwal Qaasiim Tolaa namni jedhamu immoo “Ajjeechaa suukaneessaan hojjattoota Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa irratti raawwatame sadarkaa shiftummaa fi seera dhabdummaan biyyattii keessatti irra gahe kan agarsiisudha. Saamichi namoota dhuunfaa irratti taasifamaa ture amma gara dhaabbileetti kan ol guddataa jiru fakkaata” jechuun barreesse.
“Hojjattoonni kunniin jireenya isaanii tolfachuuf kanneen dirqama hojii isaanitti kenname bahachuuf tattaafatan malee kan gartuu siyaasaa kamu bakka hin buuneedha. Haa ta'u malee babal'achuun seer-dhabdummaa, saamichaa fi hanni biyyatti keessatti babal'ate qaama rakkoo kana furuu dhabuu isaatiin lubbuu daa'immanii dabalatee lubbuun lammiilee nagaa akka baalaatti harca'aa jira” jedhe.
Habtaamuu Taaddasaa Nagaasaa namni jedhamu immoo “Hojjettoonni kun hojii baankii irraan kan hafe siyaasa kam keessatti qooda hin qabani. Maallaqa barbaachaf ajjeessani akka hin jedhamne maalaqni Voltii keessa waan taa'uuf fudhachuu hin danda'ani, hin fudhannes. Akka kanatti qaqqallii Oromoo ajjeessa bu'aa maal buustu?” jechuun Facebook isaa irratti barreesse.
Namoonni marsaalee hawaasaa irratti yaada isaanii kennan hedduun ajjeechaa hojjattoota Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa irratti raawwatame cimsanii balaaleffatanii jiru.
Seerdhablummaa fi walwaraansi Oromiyaa keessatti itti fufe uummata nagaa gaaga'aa akka jiru kanaan dura kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa irra deddeebiin OMNtti himaa turan.
Nama ukkaamsanii maallaqa guddaa maatii gaafachuu fi saamichi gosa garaagaraa akkasumas ajjeechaan suukkaneessaan qaamota hidhataniin raawwatamaa jiraachuu jiraattonni himatu.
Guyyaa waraana mootummaatiin halkan hidhattoota halkan socho'aniin akkatti jiraannu dhabnee jechuun dubbatu.
Wareegama qaalii kaffallee sirna olaantummaa ABUTiin durfamu jijjiirree haalli amma itti jirru nuuf hin maluu jechuun irra deddeebiin lammiileen kutaalee Oromiyaa garaagaraa jiraatan OMNtti himatu.