๐ˆ๐—น๐—บ๐—ถ๐—ถ ๐˜๐˜ƒ

๐ˆ๐—น๐—บ๐—ถ๐—ถ ๐˜๐˜ƒ ๐ˆ๐—น๐—บ๐—ถ๐—ถ ๐“๐˜ƒ โ˜˜๏ธ๐—š๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ถ๐˜€๐—ฎ ๐Ÿ“–๐—ค๐˜‚๐—ฟ'๐—ฎ๐—ป๐—ฎ
๐—ณ๐—ถ ๐—›๐—ฎ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐Ÿ“š๐—–๐—ผ๐—บ ๐˜๐—ผ ๐—™๐—น๐—ผ๐˜„๐Ÿ’ง

Dhimmi Ustaaz Abubakar Huseen hatattamaan fala argachuu qaba > Majlisa Oromiyaa ๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… Fulbaana 16/2016Yakki maqaa...
27/09/2023

Dhimmi Ustaaz Abubakar Huseen hatattamaan fala argachuu qaba > Majlisa Oromiyaa

๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… Fulbaana 16/2016
Yakki maqaa balleessuufi waliin dhahuu qaamolee miseensa polisii federaalaa akka ta'an himataniin imaama Masjidaa Al-birr kan ta'an Ustaaz Abubakar Huseen irratti raawwatame hatattaaamaan fala argachuu qaba jedhe manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa.

Ustaaz Abubakar Huseen tibbana konkolaataa isaaniitiin magaalaa Finfinnee keessa sochoo'aa osoo jiranii qaamolee nuti miseensa polisii federaalaati jedhaniifi polisii tiraafikaa waliin qinda'aniin konkolaataa erga dhaabsifamanii booda konkolaataa hatame oofaa jirta jechuun buufata polisii naannawaa tootaal 3 quxur maazooriyaa jedhamutti akka hidhaman akkasumas boodammoo buufata polisii naannawaa Labuutti jijjiiramanii akka hidhaman godhaman.

Booda qorannoo gaggeeffameen namoonni miseensa polisii federaalaati ofiin jedhan kunneen dhuguma miseensa polisii federaalaa akka hin taaneefi konkolaataan V8 kunis kanuma ustaaz Abubakar ta'uu mirkanaa'uun ustaazichi akka hiikaman godhamee konkolaataan isaaniis bahee gara manaatti galan.

Manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa barruu karaa facebook isaatiin maxxanseen ustaaz Abubakar konkolaataa isaanii waliin guyyootaaf erga hidhamanii booda kan hiikamuufi yakka raawwatame kanatti gadduu isaa ibseera.

Mootummaan qaamolee qabeenya namaa saamuuf yakkoota akkanaa raawwataniif xiyyeeffannaa kennee tarkaanfii irratti fudhachuu qabas jedhe manni marechaa.

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

Dhaabbanni mirga namoomaa Itiyoophiyaa hawaasa muslimaa dhiifama gaafate๐‘ฐlmii ๐‘ปv   Fulbaana 15/2016Dhaabbanni mirga namo...
26/09/2023

Dhaabbanni mirga namoomaa Itiyoophiyaa hawaasa muslimaa dhiifama gaafate

๐‘ฐlmii ๐‘ปv Fulbaana 15/2016
Dhaabbanni mirga namoomaa Itiyoophiyaa qeeqa hawaasa muslimaa irraa tibbana isa mudate hordofuun ibsa baaseera.

Dhaabbatichi taatee godina Silxee magaalaa Qibatitti uumame hordofee gabaasa hawaasa hunda akkasumas qaamolee gam lameenii hin jiddugaleeffanne baasuun isaa kan yaadatamuudha.

Gabaasichaan hawaasa muslimaas ta'ee dhaabbilee islaamaa osoo hin dubbisin yaada hordoftootaafi hooggantoota amantaa kiristiyaanaa qofa fudhachuun gabaasa madaala haqaa hin eegganne baasuu isaa hordofee qeeqni haqa qabeessi hawaasa muslimaa irraa isarratti kahee turuun ni yaadatama.

Kun kanaan osoo jiruu dhaabbatichi ibsa guyyaa har'aa baaseen dhaabbanni mirga namoomaa Itiyoophiyaa dhaabbata bilisaafi amantaa kamiifuyyuu hin loogne ta'uu isaa ibse. Dhimma godina Silxeetti ta'een walqabatee bakka bu'aa amantaa tokkoo qofa dhiheessuu isaa ibsuun ''kanneen biroo argachuu hin dandeenye'' jedhus gama kanaan iftoominni inni qabu laafaa akka ta'e hubachuun hin rakkisu.

Ibsa isaa har'aa kanaan ragaa gam tokkee qofa wabeeffachuufi gabaasa haqa dabse baasuu isaa akkasumas rakkoo qaqqabe sirnaan hin ibsuu dhabuu isaatiif dhaabbatichi dhiifama gaafateera.

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv.

Holotaatti Eebbi Masjidaa fi Sagantaan daawaa gaggeeffame.๐‘ฐlmii ๐‘ปv      :Fulbaana 14/2016Bulchiinsa magaalaa Shaggar Kut...
25/09/2023

Holotaatti Eebbi Masjidaa fi Sagantaan daawaa gaggeeffame.

๐‘ฐlmii ๐‘ปv :Fulbaana 14/2016
Bulchiinsa magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Holotaatti eebbi MasjidaaSh/Ahmadii fi sagantaan Daawaa gaggeeffameera. Eebba masjiidaa fi sagantaa daawaa tasifame irratti barattoonni sagantaa gannaatiin barataa turanis eebbifamaniiru.

Sagantaa barnoota gannaa kanaan barattoota dhiiraa 48 fi barattoota dubaraa 100 ta'an gosa barnootaa Fiqhii,Siiraa,Afaan Arabaa,Ingiliffa,Herreegaa fi kanneen biroos kennamaa akka ture himameera.

Sagantaa kana irratti Tv Hamiltan kan galateeffatamuun warqaan ragaas laatameera. Tv Hamiltan

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

Falasxiin Faajjii ishee sadarkaa Eeshiyaatti olkaastee mirmirsaa jirti..!Dorgommii 'Asian Games' kan bara 2023 Biyya Cha...
25/09/2023

Falasxiin Faajjii ishee sadarkaa Eeshiyaatti olkaastee mirmirsaa jirti..!

Dorgommii 'Asian Games' kan bara 2023 Biyya Chaayinaa Hangzhou 'tti geggeeffamaa jiru irratti biyyi Falasxiin hirmaachuun qooda fudhachaa jirti.

Dorgommiin Asian Games' kan baranaa kun kan marsaa 19ffaa yoo ta'u dorgommichi akka Ardii Eeshiyaa qofaatti kan geggeeffamu dha! Bara darbe Sababa Zero-Covid biyya Chaayinaa mudate hordofuun bara kanatti dabarfamee ture.

Dorgommii gaarii!



Abdi JG

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

Namichi Baankii Daldala Itiyoophiyaa seenuun qarshii 35,000 fudhatee fiigaa ture qabame๐‘ฐlmii ๐‘ปv       : Fulbaana 14/2016...
25/09/2023

Namichi Baankii Daldala Itiyoophiyaa seenuun qarshii 35,000 fudhatee fiigaa ture qabame

๐‘ฐlmii ๐‘ปv : Fulbaana 14/2016
Namichi Baankii Daldala Itiyoophiyaa damee Meexxii seenuun qarshii kuma soddomii shan (35,000) fudhatee fiigee to'atame.

Naanno Gambeellaa Aanaa Goodarreetti namichi gara baankii daldala Itiyoophiyaa damee Meexxii seenuun waan qarshii baafachuuf seene fakkaatee guca baasii gaafannaa erga guutee booda qarshii kuma 35'n maamila birootiif baafamee ka'ame fudhachuun fiige qindaa'ina qaamolee nageenyaafi waardiyyoota damee baankichaatiin to'annoo jala ooleera.

Namni kun waraqaa eenyummaa afur dabalatee noottiiwwan maallaqa biyyoota biroos qabatee kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa to'annoo seeraa jala oolee qorannoon barbaachisaan isarratti gaggeeffamaa jiraachuu kominikeeshiiniin Aanaa Goodarree beeksiseera.

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

Majlisni magaalaa Finfinnee yaa'ii waliigalaa tokkoffaa gaggeessaa jira๐‘ฐlmii ๐‘ปv    : Fulbaana 14/2016Manni maree dhimmoo...
25/09/2023

Majlisni magaalaa Finfinnee yaa'ii waliigalaa tokkoffaa gaggeessaa jira

๐‘ฐlmii ๐‘ปv : Fulbaana 14/2016
Manni maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee yaa'ii waliigalaa marsaa tokkoffaa gaggeessaa jira.

Manni marechaa yaa'ichaan raawwii hojii bara darbeefi karoora Hojii baranaa irrattis ni mariyataan eegama.

Haasaa baniinsaa kan godhan perezidaantiin mana marechaa Sheyik Sulxaan Haji Amaan Eebbaa bara darbetti hojiilee hojjataman yaadachiisuun kaartaa babal'ina masjiidaa haaraa 15 ta'u fuuchuu ibsaniiru.

Itti dabaluunis rakkoo bakka awwaalchaa waliin walqabatee ka'u furuuf hojiin guddaan hojjatamaa turuu ibsaniiru perezidaantichi

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv.

Magaalaa Roophiitti sagantaan da'awaa guddaan gaggeeffame ๐‘ฐlmii ๐‘ปv  Fulbaana 13/2015Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo ma...
24/09/2023

Magaalaa Roophiitti sagantaan da'awaa guddaan gaggeeffame

๐‘ฐlmii ๐‘ปv Fulbaana 13/2015
Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo magaalaa Roophiitti sagantaan da'awaa guddaan masjiida Umar Ibnul-Kaxxaabitti guyyaa har'aa gaggeeffameera.

Saganticha irratti ulamaa'onni, ustaazonni, qaari'iin, munashidoonni, keessummoonni magaalaa Finfinneefi bakkoota garaa garaa irraa dhufan akkasumas hawaasni baay'een aragamaniiru.

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

Dhaabbanni Zayid Ibin Saabit, Ustaaz Yaasin Nuuruu ambaasaaddara dhaabbatichaa guutuu taasisuun muude๐‘ฐlmii ๐‘ปv  : Fulbaan...
24/09/2023

Dhaabbanni Zayid Ibin Saabit, Ustaaz Yaasin Nuuruu ambaasaaddara dhaabbatichaa guutuu taasisuun muude

๐‘ฐlmii ๐‘ปv : Fulbaana 13/2016
Dhaabbanni Zayid Ibin Saabit kan bara darbe yeroo jalqabaaf dorgommii Quraanaa Idil-Addunyaa Itoophiyaa Magaalaa Finfinneetti gaggeesse, guyyaa kaleessaa sirna galii walitti qabuu Magaalaa Finfinnee Hoteela Ililliitti taasise irratti Ustaaz Yaasin Nuuruu Ambaasaaddar guutuu dhaabbatichaa gochuun muude.

Dorgommiin kun bara darbe Waldaa Quraanaa Zayid ibin Saabitiifi Faawondeeshinii Mootii Morookoo Mohaammad Saadisiin qophaa'ee kan ture yoo ta'u, dorgommi bara darbee kana irratti dorgomtoonni kutaalee biyyaa garaagaraa irraa walitti babba'an 50 ol hirmaatanii turan.
Bara kanas dhaabbanni kun, dorgommii Quraanaa Idil-Addunyaa yeroo 2ffaa biyya keenyatti qopheessuuf qophii xumuraa jiraachuu isaa sirna galii walitti qabu guyyaa kaleessaa kana irratti ibsuun, dorgommii bara kanaa irratti dorgommiin seenaa biyyaatti keessatti bara darbe dalagame irra deebiin akka dalagamu hime.

Sagantaa dorgommii marsaa 2ffaaf biyya keenyatti bara kana adeemsifamuuf qophaa'aa jiru kana irratti, sirni galii walitti qabuu guyyaa kaleessaa Hoteela Ililliitti qophaa'ee jira.

Dorgommiin Quraanaa kun, bara kanas Itoophiyaatti irra deebiin qophaa'uun isaa Itoophiyaa sadarkaa Addunyaatti beeksisuufi Musliimota Itoophiyaa, Musliimota guutuu Addunyaa irra jiran waliin wal barsiisuufis kan gargaaru ta'uutu himame.

Dorgomtoonni dorgommii kana irratti hirmaachuun mo'atan, dorgommii Quraanaa sadarkaa Idil-Addunyaa irratti qophaa'e irratti darbanii kan hirmaatan yoo ta'u, dorgomtoota injifannoo dhumaa gonfataniifis badhaasni Maallaqaa ni kennama.

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

Tuni qabrii Sahaabii beekkamaa Usmaan ibn Affaan. Usmaan khaliifaa Rasuulaa๏ทบ Sadeessoo ture. Usmaan dubra Rasuulaa Lama ...
24/09/2023

Tuni qabrii Sahaabii beekkamaa Usmaan ibn Affaan. Usmaan khaliifaa Rasuulaa๏ทบ Sadeessoo ture. Usmaan dubra Rasuulaa Lama fuudhe, Zu-nnuureyni jaโ€™amee moggaafame. Usmaan nama Malaaโ€™ikaan irraa qaanfattu, nama waraana Usraa qopheesse, nama eela Roomaa bitee Muslimtoota dheebuu baase, nama addunyaarratti Jannataan gammachiifame. Gaaftokko Nabiin Usmaaniif kadhatee akkana jaโ€™e โ€œyaa Rabbi Usmaan irraa jaaladhu, an isarraa jaaladheโ€.

Usmaan irraa Rabbi haa jaalatu, Jannatatti warra wal argu nu haa taasisu.

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

 ,   FII   DUBBII TANA SIRRITTI XIINXALAA!๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠู๐‘ป๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠูู„๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠููŠ๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠูaarsi qajee...
23/09/2023

, FII
DUBBII TANA SIRRITTI XIINXALAA!

๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠู๐‘ป๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠูู„๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠููŠ๐‘ฐlmii ๐‘ปv ุนู„ู… ุชูŠูaarsi qajeelaan jaartii jalloo mudatuun,
Isiin qajeeltuun jaarsa jallaa mudatuun,
Abbaan jallaan ilma qajeelaa dhalchuun,
Ilmi jallaan abbaa qajeelaa irraa dhalatuu
fi filannoon nama irraa baduun maalirraahi?

Abbaan manaa gaarii filatanii argatuun qulqullummaa niyyaatii fi qulqullummaa qalbii dubartii irratti kan hundaaโ€™e osoo taโ€™ee silaa โ€™oon hin heerumtu turte.

Haadha manaa qajeeltuu filatanii argatuun osoo ogummaa dhiiraatii fi sammuu qulqulluu taโ€™een kan ta'u taโ€™ee, silaa fi nagayaa fii rahmanni isaanirratti haa jiraatuu, dubartiin gantuun isaan lamaanitti hin heeruman turan.

Akkasumas qajeelummaan ilmaa ykn jallatinsi
ilmaa osoo sababa abbaa irraa kan ta'u ta'ee
silaa Khaliilurrahmaan nagayaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu silaa
hin dhalchu ture,

ilmi karaa abbaa isaa didee warra kaafiroota waliin bishaaniin hin liqimfamu ture.

garuu walitti qajeeluu dhabuun, waliif qajeeluu dhabuun,
akkasuma abbaa fi ilma karaan adda adda tahuun, filannoon kee akka ati yaadde siif tahuu
dhabuun fatanaa jiruu duniyaati.
Jara keenya Kanaafuu du'aa'itti jabaadhaa.

yaa rabbi nun fatanin ilmaan keenyaas nurraa
hin fatanin.

Yaa Rabbi intala gaariif abbaa manaa gaarii fili,
Ilma Dhiira gaariifiis haadha manaa gaarii filiif.
Ilmaan gaarii ijji teenya itti das jattu nurazzaqi.

Yaa rabbi nuqaceelchii nuufiis qajeelchi nuun
qajeelchii walitti nuqajeelchi.

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

๐—š๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ...!@๐Ÿฆ         ๐Ÿ”ฅ๐˜Œ๐˜ฆ ๐— ๐—ถ๐˜€๐—ธ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ฎ ๐˜ž๐˜ญ๐˜บ๐ŸคŒ๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenyatti ๐——๐˜‚๐—ฏ๐—ฏ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐ŸŒ™๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenya ๐—š๐—ผ๐—ฟ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—ฒ๐ŸŒ™๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenyaaf ๐—œfa ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐ŸŒ™๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜...
23/09/2023

๐—š๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ...!@๐Ÿฆ ๐Ÿ”ฅ๐˜Œ๐˜ฆ ๐— ๐—ถ๐˜€๐—ธ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ฎ ๐˜ž๐˜ญ๐˜บ๐ŸคŒ
๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenyatti ๐——๐˜‚๐—ฏ๐—ฏ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐ŸŒ™
๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenya ๐—š๐—ผ๐—ฟ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—ฒ๐ŸŒ™
๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenyaaf ๐—œfa ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐ŸŒ™
๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenya ๐—•๐—ฎ๐—ฟ๐˜€๐—ถ๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—ฒ๐ŸŒ™
๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenya ๐—œsin ๐—œrraa ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐ŸŒ™
๐Ÿ’ฅ๐—ก๐˜‚๐˜๐—ถ ๐—žeenya ๐—›arka ๐—œsaa ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐ŸŒ™
๐——๐—ถ๐—ฟ๐—พ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ ๐—”mantaan keenya nurra kaaye ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ฒ ๐—žeenya achi ๐——haqu malee โ˜˜๏ธ๐—”๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ฐ๐—ต๐—ถ hin bareedu? ๐Ÿ‘นDiddanii..!? ๐—บ๐—ถ๐—ถ ๐—ข๐—ณ ๐—™๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ..!@ Ee Miskiina Wly Baaba Sheikh Amin Ibro

Toora Kanaan Nu Hordofaa!
๐Ÿ”ตFecbook https://www.facebook.com/profile.php?id=100084399046881
๐ŸŸขTiktok. tiktok.com/
๐ŸŸกYou tube https://www.youtube.com/
๐ŸŸ Telegram https://t.me/Ilmii_tv

Address

Harer
Harerge

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ๐ˆ๐—น๐—บ๐—ถ๐—ถ ๐˜๐˜ƒ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ๐ˆ๐—น๐—บ๐—ถ๐—ถ ๐˜๐˜ƒ:

Share