
23/08/2025
========//=========
'ee_Talaallii_duula_dhukkuba_Tiraakoomaa_irratti_kennaa_jira.
Goodina Harargee Bahaa Aanaa Makkanniisa Oromootti Waajjirri Fayyaa Ekisteeshinii Fayyaa Hawaasaa fi Bulchoota gandoota Aanichaa hunda hirmaachisuun leenjiin Talaallii duula dhukkuba Tiraakoomaa irratti kennaa jira.
Leenjii kana irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan itti/A/Bulchaa fi hoggansa Waajjira Qonnaa fi lafaa fi Horsiise bulaa kan ta'e akkuma taasisaniin itti/g/ Waajjira Fayyaa hubannoo waa'ee Talaallii duula dhukkuba Tiraakoomaa fi haala itti fayyadama qoricha dhukkuba Tiraakoomaa irratti ibsa ballaa taasisanii jiruu. Haaluma kanaan sanada leenjii Talaallii duula dhukkuba Tiraakoomaa guyyaa lama (2) f turu kan dhiheesse karaalee dhukkubni Tiraakoomaa ittiin nama qabu, Mallattoo dhukkubichaa fi haala itti fayyadama qoricha dhukkuba Tiraakoomaa irratti leenjii barbaachisoo ta'e haala ifatti kennaa jiru.