Smile I'm Small Sorry

Smile I'm Small Sorry I'm smiling at you 😁😌

Ati duute jedhuumati hin duuneem Hacuuwarra qoosaa hin beeknetudu'a keetiin baacuu😭Ati Akkamiin duutaadhiirri onneen gaa...
22/06/2024

Ati duute jedhuum
ati hin duuneem Hacuu
warra qoosaa hin beeknetu
du'a keetiin baacuu😭

Ati Akkamiin duutaa
dhiirri onneen gaaraa
dhaadannoo fi jechii
sammuu nu ijaaraa

Gootummaa leelliftee
anaaf taateem onnee
erga ati deemtee
an takkaa hin boqonnee😭

Seenaa rirmi hin nyaatuu
situ jedhe silaa
ati anaaf ni jirtaa
hin boqonneem ilaa

ati akkamiin duutaa
seenaakeetu addaa
du'aa kankee caalaa
jiraa keenyafan gaddaa

Sammuu keenya keessaa
siidaa hin jigne dhaabdee
utuu homaa hin argin
ijoolummaan cabdee

cabnikee na miidhee
na kulkulus onneen
caba kankee boodaa
an takkaa hin boqonnee

ati garuu hin duunee
seenaakee jiraataa
dhaloonni siyanaa
ol fuudhee sibaataa🙏🏼

Jiraa keenya caalaa
situ seenaa hojjetee
kanaaf nama maraa
hundumaa boojitee

Biyyeen sitti haa salphatuu
boqodhu nagadhaan
seenaa sin dagatuu
ni keenya ragaadhaan😭🙏🏼

warra hin duute jedhuuf
ati hin duune jirtaa
dachee Jala ciiftee
kunoo seenaa hirtaa👏😭

Torban Hacee
✍🏼

16/06/2024
16/06/2024

Waan Gaarii Dubbachuun Sadaqaadha Jedhan ۝ﷺ🖤

Guyyuma takkallee yoomifin si aarseeJecha atii feenen yoon sii mufachiisee Dhiifama naaf godhiiYoonin si balleessee jiru...
16/06/2024

Guyyuma takkallee
yoomifin si aarsee
Jecha atii feenen
yoon sii mufachiisee

Dhiifama naaf godhii
Yoonin si balleessee
jiruun natti toltu
an si mufachiisee

Smile 😍 🙏

Ummata Jalala
16/06/2024

Ummata Jalala

Address

Harer
Harerge

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Smile I'm Small Sorry posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share