Taju mussa - murti_guuto

Taju mussa - murti_guuto Hin gaabbu!!!

20/12/2024

Hin gaabbu!!!

12/01/2024

SHAAYII DHUGUU
********************
Qorannooleen hedduun akka mul'isanitti shaayii dhuguun fayyummaa qaama keenyaaf faayidaa ol'aanaa ta'e qaba. Shaayiin (diimaaf magariisni) wontoota carraa dhukkuba onnee, kaansarii fi dhukkuba sukkaaraan qabamuu hirdhisan of keessaa qaba.

Shaayii dhuguun:
● Carraa dhukkuba onnee akka tasaa (Heart Attack) fi Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu ykn hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru dhiiga kantareen ykn cooma hidda dhiigaa keessaa fottoqeen cufamuu) daran xiqqeessa.
● Lafeen keenya akka jabaatu godha.
● Koolestiroolii qaama keessa jiru hirdhisuu danda'a
● Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayidaa qaba
● Muraa garaa/ garaan yoo nama cinine namarraa laaffisu danda'a
● Nyaata booda shaayii dhuguun gaazii (qilleensa) garaacha keessa jiru salphisuun nyaanni nyaanne akka salphaan nuuf bullaayuuf ni gargaara. Haa ta'u malee nyaata booda shaayi dhuguun albuudni aayiranii jedhamu kan hemoglobin dhiigaa tolchuu gargaaru akka haala barbaadamuun qamatti hin fudhatamne godha. Kanaaf namootni hirdhinna dhiigaa qaban nyaata booda shaayii dhuguu hin qaban.
● Fayyuuma fi jabinna ilkanii irrattis gahee guddaa qaba
● Foolii badaa afaaniis ni hirdhisa
● Sirni ittisa qaamaa akka jabaatu godha
● Qorannooleen tokko tokko akka agarsiisannitti carraa kaansarii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hirdhisa
● Carraa dhukkuba Sukkaraa gosa lammeessoo (Type-II DM) tiin qabamu gadi buusa. Garuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban shaayii sukkaara qabu haa fudhatanii hin gorfamu.
● Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffachuu ni dabala
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

Address

Deder
Harerge

Telephone

+251953006662

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Taju mussa - murti_guuto posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share