06/05/2025
Taphni Intar Miilaanii fi Baarseloonaa Carraa Kilaboota lachuu murteessu Arra taphatama.
Taphni deebii walakkaa xumuraa shaampiyoonsiliigii Awurooppaa Baarseloonaa fi Intar-Miilaan jidduutti galgala kana taphatamu, hawwiin eegama.
Marsaa jalqabaatiin dirree isaaniirratti morkii hawwataa kan taasisan kilaboonni lamaan har’a ammoo tapha deebii kanaan kan injifate xumuraaf dabruusaa kan itti mirkaneeffatu taha.
Leenjisaan Intar Miilaan Simoon Inzaagii “Akkuma amma duraa sodaa tokko malee taphanna” jedhan.
Tapha jalqabaatiin taphataan sarara fuulduraa dargaggeessi Baarseloonaa Laamiin Yaamaal sarara ittisaarratti qormaata isaanitti tahuu kan himan Inzaagiin amma garuu haala ittiin taphataa kana dhaabuu dandeenyu qophoofneera jedhan.
Leenjisaan Baarseloonaa Haansi Filiik gama isaaniitiin bara kana waancaa lama milkeessinee jirra, kan hafees harka keenya jira, taphattoonni koo kana milkeessuuf yeroo hunda hamileen taphatu jedhan.
Kilaboonni lamaan amma dura yeroo 13 walitti dhufanii Baarseloonaan marraa 5 yoo moohatu, yeroo Jaha ammoo walqixa bahuudhaan, lama Intar Miilaan injifate.
Baarseloonan taphoota walakkaa xumuraa 4 taasise hundaahuu yoo injifatamu,walumaagala tapha walakkaa xumuraa,11 taasiseen 2 qofa injifate.
Intar Miilan bara 2010 Joozee Moorinihoon durfamaa waancaa shaampiyoonsiliigii Awurooppaa kan injifatee, walakkaa xumuraatiin Baarseloonaa injifateeti.
Taphichi galgala kana sa’aa 4:00 irraa kaasee istaadiyeemii Saansirootti kan gaggeeffamu taha.