24/10/2025
Qajeelfama Fo'aannoo Fi Filannoo Kaadhimamtoota Barsiisotaa Bara 2018 E.C
Barattoonni Bara 2017 E.C Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Fudhattanii Ulaagaa jedhamee guuttan fi fedhii Barsiisummaa qabdan hundi qajeelfama kana sirritti dubbisuun wantoota isin barbaachisu qopheeffachuun yeroo fi iddoo beeksisni itti baheettii deemtanii galmaa'uun yoo calallii darbitan Koolleejjii Mootummaa keessatti bilisaan barachuu ni dandeessu.