Gooba news network

Gooba news network Gooba ummata oromoo ossoo beekkuti PPn WBO wajjiin lola barbaada

Mormiin oromiyaa keessatti bifa kanaan dho'ee jira
06/12/2022

Mormiin oromiyaa keessatti bifa kanaan dho'ee jira

14/11/2022
12/11/2022

Dhimma anaaf Obbo Lammii Taayyee ilaalchisee waan na mudate sababnin haga har’aa calliseef,

1ffaa akka Ilma Oromoo tokkootti aadaa qabna akka aadaa keenyaatti waan maanguddummaa bira darbitu hin seene.

2ffaa Waa’ee Konkolataa dhabuu koo osoo hin taane waa’ee warra miila dhabaa jiruu, waa’ee Uummata lubbuu dhabaa jiruu fi kan maatii dhabaa jiru jalaa ajandaa fudhadhee sagalee xiqqoo isaan qaban tana jalaa hin hatu jedheeni.
Namoonni dhimma koof akka malee aartanii miira keessan ibsachaa turtanis jaalalaaf kabaja Oromummaa fi nageenya koof waan dhimmamtaniif hedduun isin kabaja ulfaadhaa!

Ani Jabana Roorroo irraa haga saaqi saanqaatti Konkolaataa mitii kophee gaarii osoo hin qabaatin, akka bineensaa adamsamaa, lubbuu koo irratti murteessee hiriyoota koo jajjaboo hedduu faana baqachuurra du’a filadheen waan keessa koof keessa uummataa jiru baasee dubbachaa ture. Kophee malees waggoota baay’ee deemeera waan ta’eef tarii yoon qananii wallaale malee rakkninaan waliif haaraa miti.

Hawwii Bilisummaa malee Aartii Oromoo keessa akka artistii keenya abaluun jireenya gaarii jiraadha wanti jedhamu hin jiru. Dhugaa sabaaf jiraattee isumaaf aarsaa taata. Anis tasa karaarraa itti goree osoo hin taane beekeen itti seene. Waa’ee koo akka haasa’amu hawwee hin beeku. Jaalattoota koon faarfamuu illee akka fannoottin ilaala.

Jaalattoota koo “ishoo” naaf jedhuu fi diina “qabi afaan kee hiree Eebbisaatu si eeggata” jedhee natti dhaadatu irraa kan hafe, Abalu naaf faarsi ykn abalu naaf arrabsi jedhamees ajajni qaama kamuu irraa natti kennamee sirbee hin beeku.

Erga dubbiin Konkolataa koo shira ta’uu baree Ji’a jaha guutuu namoota dhimma kana karaa adda addaa dhagahanii maxxansuuf na gaafatan dhorkaa kan maxxansan kadhadheen haqsiisaa ture. Maaf nu dhorka jettanii Kan anaaf jecha anatti mufattan baay’ee turtan.
Obbo lammiin biyya keessatti namootan ani kabjuuf jaaladhu hedduu jaarsummaaf yoo gaafatan na harkatti tuffatee daangaa irraan biyyaa bahe.
Erga Keeniyaa galeeyis namoota inni Boordii FIB Keeniyaa jedhee maxxanseen gaafachiisee deebii laachuu hin barbaanne.

Ammas hinuman dhokfadhe. Haadha fi abbaa koon illee soba konkolaataan koo garage jira jechaaniin ture.

Isin dhorkaa kanan tures isaaf haguuguuf ykn ofii balleessaa ta’ee osoo hin taane dhimma dhuunfaa koo tuffadheen waaqaa fi yeroof dhiise. Ani waaqaaf dhiisee deebi’ee harka hamaatti akkan hin kufne waanan beekufi.

Har’a karaan ani hin eegnen shirri wal fakkaatu namoota biraa irratti raawwatame isa saaxile. Dhibeen miidiyaa FIB keessa ture ifa bahuu keessa shira narratti hojjetame ani dhoksadhee ture faana bulgaafate.

Waa hundi yeroo isaa eeggatee ta’a.
Abbaa dhugaa yerootu ifa baasa, kan daba hojjetes yerootu saaxila!

Waan qabaachuu qabnus boru walumaan qabaanna.

Akka Oromoon nu jaalatuuf Pilaanii dhaba biyyaa malee pileeniiyyuu hin dhabnu!
Kan dhugaa dhabe maraaf waaqni haa birmatu.

Erga jalqabamee jedheen kaase malee dhimma kana irratti kana booda homaa hin dubbadhu waan ta’eef gara dhimma Oromoof haa deebinu.

Abbaan Boruu waaqa ta’uu beekna!

Na oofkalchaa!

11/11/2022

Dura taaa'aa itti aanaan KFO obboo Baqqalaa Garbaa haleellaan tibbana Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti raawwatamaa jiru qaamuma karoora Oromiyaa cabsuun Ummaticha gabroomsuuti jedhan.

Aggaammiin kun Wallaggarraa haa eegalu malee Oromoo mara qaqqabuuf kan danda’udha, waloon dura dhaabbachuutu barbaachisa jedhu.

Qaamni qabsoo hidhannootti jiru gaaffii fi kaayyoo siyaasaa mataasaa kan qabudha kan jedhan Obbo Baqqalaan, Ummata nagaa jimlaan duguuguun gaaffii kana dhaamsuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/18237/

10/11/2022

* Magaalaa Mandiitti haleellaa Diroonii kaleessa raawwateen yoo xiqqaate lubbuun namoota nagaa digdamaa olii battala darbe.

10/11/2022

#ኦሮሚያ በኦሮሚያ ክልል ውስጥ በመንግስት እና በታጣቂዎች መሀል ውጊያ እየተካሄደባቸው ባሉ አካባቢዎች ንፁሀን ዜጎች ለሞት፣ መቁሰል፣ መፈናቀል እና መራብ እየተዳረጉ ነው።

በተለይ ከባለፈው ሳምንት ጀምሮ በተደረጉ ውጊያዎች እና የአየር ጥቃቶች በርካቶች ህይወታቸውን እንዳጡ እና እንደቆሰሉ የደረሱኝ መረጃዎች ይጠቁማሉ።

የ11ኛ ክፍል ተማሪ ልጃቸውን ያጡ አባት እንዲሁም በአየር ጥቃት ከ15 በላይ ሰለባ የሆኑ ሰዎችን የቀበሩ አንድ የሀይማኖት አባት (ሁለቱም ከ ቢላ ከተማ) ይህን በስልክ አረጋግጠውልኛል።

ጉዳዩን የአለም አቀፍ ሚድያ ችላ ብሎታል፣ የሀገር ውስጥ ሚድያው ረስቶታል፣ መንግስትም መረጃ እየሰጠበት አይደለም። ታጥቆ የሚዋጋው በፍላጎቱ ሊሆን ይችላል... በንፁሀን ዜጎች ላይ እየደረሰ ያለው ጉዳት ግን ሁላችንንም ሊያሳስብ ይገባል።

በሰሜኑ የሀገራችን ክፍል ተከስቶ ለነበረው ጦርነት የተገኘው መፍትሄ ወደ ኦሮሚያ ክልልም እንዲዘልቅ ጥረት ማድረግ ይገባል፣ ህዝብ እያለቀ ነው።

08/11/2022

Reenfi Alii Birraa erga irratti salaatamee booda gara Dirree Dhawaatti gaggeeffame

================

Artist Alii Birraa amantiisaatiin Muslima waan tureef salaatul janaazaan irratti salaatameera.

Salaata kana kan gaggeessan Pireezidantii Gumii Dhimmoota Islaamummaaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaadha.

Salaati reenfa Aliirratti kan taasifame Paarkii Michummaatti yoo ta'u, namoonni sirna gaggeessaarratti argaman haga salaanni xumuramutti eeguun sirni gaggeessaa gara magaalaa dhalootasaa taasifameera.

Alii Birraa maatii Muslimaa keessa kan dhalate yoo ta'u, fedhii fi dandeettii muuziqaa ijoollummaarraa qaburraa gara muuziqaatti seene.

Abbaansaa Obbo Mohaamed Muusaa Aliin barnoota Quraanaa (amantii Islaamaa) akka baratee daandii kanarra jiraatu fedhu turan.

Kanarraa ka'uunis mana barumsaa Quraa'aanaatti galchan.

Boodarra mana barumsaa mootummaatti wayita galchanis ilmisaa Aliin akka hojii makaanikii hojjetee of jiraachisu fedhaa ture.

Aliin daandii muuziqaa akka qabatu guddoo fedhuu baatus, garuu fedhii fi dandeettiisaa daangessuus hin fedhu ture.

Alii Birraa dhiheenya kana hojii muuziqaarratti xiyyeeffataa hin turre, hojii tola ooltummaa fi karaa amantii Islaamaa irra bu'ee akka ture miidiyaa biyya keesaa tokkorratti dubbateera.

Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa salaata erga gaggeessanii booda yeroo dhumaaf Alii Birraa waliin yaadannoo qaban akkasiin ibsan.

''Hospitaalatti gaafachuuf wayitan dhaqu guddoo dhibamee ture.

Bakka ciisuu ka'uu hin danda'u. Garuu osoo namni dhorkuu sireerraa ka'ee suuraa nu waliin ka'e. Waaqa biratti bakka isin dhaabatan isin waliin dhaabbachuu barbaada jedhee garaa nu rooraase.''

https://bbc.in/3Td9syE

Suuraa- OBN

Address

Karamile
Hirna
1234

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gooba news network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gooba news network:

Share