13/04/2025
Dhimmi ogeeyyota fayyaa waan baay’ee garaa nama nyaatu qaba. Gadadoo fi rakkoon isaan dhokfatanii dabarsan waan himamee dhumuu miti.
Biyya kanatti ogeessa fayyaaf dhimma kan hin qabne hoggantoota siiyaasaa qofaa miti. Ogeeyyiin carraan toleefii angoo seektaricha hogganuu argatanii fi ogeeyyonni dhaabbilee fayyaa dhuunfaa banatanii qabeenya horatanis akka malee ogeessa fayyaa cunqursu.
Qabxii lamaan kana mee:
* Tokko: Sadarkaa Oromiyaatti —Waldaa Ogeeyyota Fayyaa Oromiyaa (WOFO)— waldaa jedhamutu jira. Kaayyoon ijoon waldaa kanaa mirgi ogeeyyii fayyaa akka kabajamu, dirqama isaanii beekanii akka ba’anii fi faayidaan isaanii akka eegamu hojjechuudha. Ega waldaa ogeessota fayyaa kanaaf hojjataa seektara fayyaa irraa ji’a ji’aan qarshiin shantama ni murama. Kun wolitti yoo dacha’e miiliyoonota ta’a.
Qarshima tana adda hirachuuf jedhanii hoggantoonnummaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa (BEFO) keessa jiran —waldaa kana illee ofi hogganu. Waldaa silaa isaaniin wolfalmee rakkoo ogeessaa furuufii qabu kanas kan hogganu worruma biiroo fayyaa hogganu jechuu. Maal luqunni hagana gahe? Ogeeyyonni fayyaa keenna waldaan kun yeroo dhihoo keessatti yoo of hin sirreessine—dumbulloo hin kenninaa. Miseensa waldaa ta’uun buusii buusuun mirga malee, dirqamaa miti. Waldaa worruma isin cunqursu isin irratti goobsu ammoo maal haa ta’uuf horattu?
* Lama: Ogeeyyonni fayyaa fi abbootiin qabeenyaa dhaabbilee fayyaa dhuunfaa galii miiliyoonotaan galchu qabaattanii, humnaa ogeessaa fayyaa samtan heddutu jira. Humnaa fi hojii isaaniitiin saantimii guurachuu malee quuqamaa fi rifannoo tokko hin qabdaniifi. Mindaa dhumtuu mootummaan kaffaluu gadi kaffalaa, humnaafi beekumsa ogeessa fayyaa saamaa, ofii keessanii ittiin miiliyoonota guurattan hedduu arginee jirra. Dhaabbileen fayyaa dhunfaa luquna akkasii qabdanis—kun saamicha humna ogeessa fayyaa (Labor exploitation and professional exploitation) irratti godhamu ta’uu beektanii, yoo xiqqate galii keessaniin wolmadaalchisaatii waan ittiin jiraachuu danda’an kaffalaafii!