02/10/2026
Gurmaa’insa Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee Ilaalchisee Murtii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa
------------------------------------------------------
(Fulbaana 22,2019 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Yaa'ii Ariifachiisaa 27ffaa, Fulbaana 21,2019 gaggeesseen bu'uura Labsii Gurmaa'insa, Aangoo fi Hojii Qaamolee Raawwachiiftuu Bulchiinsa Godinaalee, Aanaalee fi Gandoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk 267/2019tiin Godinaalee Oromiyaa bifa haaraan gurmaa'an bu'uureffachuun Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee irra deebiin gurmeessuuf yaada murtii dhiyaate irratti maryachuun mirkaneesseera.
Haaluma kanaan Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee 21 turan gara 6tti dachaasuun Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee 6 haala haaraaan gurmaa'aniiru.
Haaluma kanaan Manneen Murtii Ol'aanaa Magaalotaa akkuma jiranitti ta'ee Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee haaraa 6 gurmaa’an;
1. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Jiddugaleessa Oromiyaa
2. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Baha Oromiyaa
3. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Baha Oromiyaa
4. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaa
5. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Oromiyaa fi
6. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Lixaa Oromiyaa ta'u.
Gama birootiin Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee gurmaa’insa duraatiin turan ‘Dhaddachaalee Dhaabbii MMO Godinaalee’ ta'uun akka gurmaa’an yaadni murtii dhiyaate mirkanaa’eera.
Dabalataanis Gumiin yaa'ii isaa kanaan Pirezidaantota Mana Murtii Ol'aanaa Godinaalee muudeera.Bu'uuruma kanaan;
1. Obbo Galaanaa Tarreessaa-Pirezidaantii MMO Godina Kibba Bahaa Oromiyaa
2. Obbo Guddataa Caalchisaa-Pirezidaantii MMO Godina Kibba Oromiyaa
3. Obbo Bukaar Kadiroo-Pirezidaantii MMO Godina Kibba Lixaa Oromiyaa
4. Obbo Toofiq Shamsuu-Pirezidaantii MMO Godina Lixaa Oromiyaa
5. Obbo Zawudee Fiqaaduu- Pirezidaantii MMO Godina Baha Oromiyaa
6. Obbo Mohaammed Xayib Nuuree-Pirezidaantii MMO Godina Jiddugaleessa Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.