14/08/2026
𝗠𝗮𝗿𝗶𝗶𝗻 𝗕𝗶𝘆𝘆𝗮𝗮𝗹𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮 𝗔𝗴𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝗳𝘁𝘂𝘂 𝗠𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮 𝗕𝗶𝘆𝘆𝗮 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝗶!
----
Marii Biyyaalessaa keessatti gaaffilee, yaaddoowwan fi garaagarummaa yaadaa uummata biyyattii bkeessatti mul’atan haala bilisaa, nagaa fi tasgabbii qabun irratti mari’atameera.
Hirmaattonni mariichaa gaaffilee uummataa bakka bu’an qabatanii, yaada isaanii ifatti dhiyeessuun, yaadota garaagaraas kabajaan dhaggeeffachuun marii gadi fagoo gaggeeffamaa tureera.
Keessumaa gaaffilee ijoo biyyattii keessatti yeroo dheeraaf ka’aa turan, kanneen akka ijaarsa biyyaalessaa, caasaa mootummaa, bakka bu’ummaa siyaasaa fi filannoo, dhimma magaalaa mootummaa, dhimma amantii, olaantummaa seeraa fi mirgoota namoomaa, hawaas-dinagdee fi qonna, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas ijaarsa nageenyaa irratti mariin bal’aan taasifameera.
Garaagarummaan yaadaa jiraachuun rakkoo osoo hin taane, bu’uura marii fi waliigaltee barbaaduuti. Hirmaattonnis gaaffilee fi ilaalcha adda addaa qaban sodaa malee dhiyeessuun, yaada walii dhaggeeffachuun fi karaa marii furmaata waaraa barbaaduuf carraa argataniiru.
Adeemsi Marii Biyyaalessaa hanga ammaatti gaggeeffame, hirmaattonni yaada isaanii bilisaan akka dhiyeessan, yaada namoota biroo akka dhaggeeffatan, akkasumas dhimma Itoophiyaa yeroo dheeraa ilaaluun akka mari’atan carraa bal’aa uumeera.
Kanaaf, Mariin Biyyaalessaa garaagarummaa fi wal-dhabbii jiru hammeessuu osoo hin taane, karaa marii, waliigaltee fi walhubannoo furmaata waaraa itti barbaadamutti ce’uuf carraa guddaadha.
Itoophiyaan biyya garaagaraa yaadaa fi fedhiiwwan adda addaa qabdu waan taateef, garaagarummaa kana karaa nagaa fi mariin furuun murteessaadha. Mariin taasifame kunis aadaa marii fi waliigaltee cimsuun, egeree biyya keenyaa nagaa, tasgabbii fi badhaadhinaan guutame ijaaruuf bu’uura cimaa uumeera.
Mariin Biyyaalessaa — karaa waliigaltee, tokkummaa fi milkaa’ina Itoophiyaati! 🇪🇹