07/05/2026
Faaruu “Ye Ikkonomii Waaltaa Bunnaa Bunnaa jedhu natu baase”
- Barsiisaa Taarraqany Wandimmuu
Waasihun Takileetiin
Jimma, Faranji Araadaa Jirra, ganama ciree nyaannee Qaawwa Jabaa; Rabbi jabaa; kan nagaan nubulchite nagaan nu oolchi jennee buna ganamaa dhandhamaa haasa’aa argama bunaa hiriyyootakoo dur wajjin baradhe waliinan eegale.
Hiriyyaankoo tokko maal argama bunaa qofa haasofna faaruun “Bunnaa Bunnaa” jedhuyyuu asuma Jimmaa biqilee, namtichi walaloofi yeedaloosaa qopheesses amma lubbuun jira naan jedhe.
Nama kana ammuma arguun qaba jedhee yoon gaafadhu fagoo hindeemnu jedhee lakkoofsa bilbilasaanii baasee naa kenne, anis bilbileefii dafnees waliigalle naannawaa Faranji Araadaa jedhamu akka jiranis nutti himnaan daqnee qaamaan argannee isaan dubbisneerra.
Qe’een Abbaa Jifaar bakka argama bunaa qofa osoo hintaane qe’ee faaruun laphee dhala namaa keessaa yoomiyyuu hindagatamne Ye Ikkonoomii Waaltaa Bunnaa Bunnaa jettu kan guyyuu Raadiyoo Itoophiyaa keessaa dhagahamtu bakka itti maddite gola qabeenya uumamaafi aartiiti.
Fuulli iyyaafannoo imaltuu gazexaa Bariisaa torbee kanaas Barsiisaa Taarraqany Wandimmuu faana dhahuun waa’ee faaruu Bunnaa bunnaafi jiruuf jireenyasaanii sakatta’uun isinii diyeessineerra.
Bariisaa: Barsiisaa Taarraqany jiraataa eessaati?
Barsiisaa Taarraqany: Ani jiraataa magaalaa Jimmaati, waggoota dheeraaf barsiisummaan tajaajileera.
Bariisaa: Haalli barnoota keessanii maal fakkaata yoom barsiisummaa eegaltan?
BarsiisaaTaarraqany: Haalli barnootakoo ‘TTI’rraa ka’ee Ingiliffaan digrii 2ffaakoo hojjedheera. Waggoota dheeraafis barsiisummaan tajaajileera.
Bariisaa: Barsiisummaa jalqaba eessatti leenjitani? Eessatti barsiisuu eegaltan?
Barsiisaa Taarraqany: Jalqaba Kutaa 10 Jimmaatti akkuman fixeen dorggomeen ‘TTI’ argadhee Kolleejjii Barsiisotaa Dabrabrihaanittan leenji’e.
Ogummaa barsiisummaa tokko jedhee kanan jalqabe Naannoo Itoophiyaa Kibba Lixaa, Godina Daawroo, Mana Barnootaa Waakaa jedhamutti.
Duubarra gara mana barnootaa sadarkaa 1ffaa Kiitoo Jimmaattin jijjiirraan dhufe, bu’uuruma kanaan bona barsiisaa gannammoo barnoota gannaan sadarkaakoo fooyyeeffachaan ture .
BarsiisaaTaarraqany:Dippiloomaa keessan eessatti,maal? barattan?Digiriiho?
Barsiisaa Taarraqany:Dippiloomaakoo waktii gannaa Jimmaarraa Yunivarsiitii Finfinneetti deddeebiheen Ingiliffaan xumure.
Duubarra digrii koos achuma Yunivarsiitii Finfinneetti barnoota gannaatiin xumuree Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Jimmaatti Afaan Ingiliffaa barsiisaan ture.
Bariisaa: Digrii 2ffaa keessan maal? Eessatti barattan?
Barsiisaa Taarraqany: Digrii 2ffaakoos Yunivarsiitii Jimmaatti barnootuma Ingiliffaatiinin baradhe. Duubarra Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Jimmaa barsiisaa yeroo boqonnaakoottiimmoo Yunivarsiitii Jimmaattis Barsiisaa Ingiliffaa ta’een tajaajileera. Amma soorama baheen jira.
Bariisaa: Manaabaan 1971ttan isin deebisaatii yeroo barsiisaa turtanitti nama jalqaba faaruu “Ye Ikkonomii Waaltaa Bunnaa Bunnaa jedhamu walaloofi yeedaloo qopeessanida jedhama dhugaadhaa?
Barsiisaa Taarraqany: Waa’ee faaruu bunnaa bunnaa osoo hinkaasiin dura 1969ttan sideebisa. Maal seete barichi Fulbanni 2 ayyaana sirna Dargiitu kabajama ture.
Kabajni ayyaanichaa mana barnootaa ani barsiisu cina ture yeroo dargaggoonni hiriiraafi agarsiisa garagaraa ayyaanicha sababeeffachuun shaakalan argeen qondaaltota shaakalsiisaa jiranittan yaada atokko kaase.
Yaadichis ijoolleen kunniin hiriiraafi agarsiisaa saakalan kana faaruun osoo dabaalan gaarii hinta’uu jedheen qondaala waraanichaatti yoon kaasu,gaarii ture namni kana qopheessu argama jetteetii jedhee naaf deebisnaan,anuu nan qopheessa jedheen itti himnaan yaada eebbifamaadha qopheessi naan jedhe.
Anis itti gammadeen faaruu kabaja sirnichaaf ta’u qopheesseen shamarran 15fi dhiira 15 bakkuma sana jiran bifa hawwisoon gurmeesseen shaaakalsiisaa tureen faaruu sirnichaaf malun qopheesse.
Ayyaanichi wayita kabajamu faaruu bareedaa,hunduu itti gammade ta’uusaan qondaaltonni najjabeessaniiru. Bu’uuruma kanaan 1970 dhaabbiin Garee “Hawwisoo Boosaa Afur Guddattoota Jimmaa jedhu hundeesseen faaruuwwan garagaraa kabaja sirnichaarratti dhageessifaman qopheessaan ture.
Bulchaan Jimmaa yeroosanaa nawaamanii hojii manaa tokko naaf laatani,innis Ministeerri Bunaafi Shaayii kabaja ayyaana hundeeffama sirnichaarratti argamanii faaruu tumsa dhaabaa dhagahuun Bunaafis bifa kanaan osoo faaruu baastan maal ta’a jedhanii Bulchaa Jimmaatti himan.
Bu’uuruma kanaan Bulchaan Jimmaa hojii manaa kana naa kennuun hordofeen 1971 faaruu Ye Ikonoomii Waaltaa jedhu qopheesse jechuudha.
Gabaabumatti faaruun Bunnaa Bunnaa kun 1971 mana barnootaa Kiitoo sadarkaa 1ffaa wayitan barsiisu kan qophahe yoo ta’u, miidhagsee qopheessuukoon ijoolleenis sirriitti shakalanii daran jaalatamee olka’insaan dhaga’amaa ture.
Bariisaa: Garee Hawwisoo kana isintu filatee qopheessee? Bifa kamiinfilattan?
Barsiisaa Taarraqany: Eeyyee ijoollee guddattoota ta’an shamarra 15fi dhiira 15 calliseetuman bakka ayyaana hundeeffama sirnichaarratti kanan filadhe.
Bariisaa: Faaruun kun yaadannoo bara dheeraa laphee dhalootaa keessa jirudha. Raadiyoon Itoophiyaas daran faaruu kanaan yaadatama mee badhaasni ykn onnachiistuun hojii kanarraa argame jiraa?
Barsiisaa Taarraqany: Dhugaa dubbachuuf yeroo faaruun “Bunnaa Bunnaa” jedhamu bahe jaalatamaa ta’us badhaasni garee hawwisoo kanaaf kenname yoo jiraate uffata xaaqaa yuunifoormiifi kophee qofa ture kanaa altti abbummaan faaruu kanaallee naa kabajamee galiin itti argadhe hinjiru.
Bariisaa: Faaruun Ye Iknoomii Waaltaa Bunnaa Bunnaa jettu kun buna Itoophiyaa beeksisuu keessatti shoora attamii taphateera jettu?
Barsiisaa Taarraqany: Dhugaa dubbachuuf mana bunni dhugamutti raadiyoo keessatti daa’imman karaarra deemaan bakka hundatti samuutti qabatanii faarfachaa mi’aahaafi gatijabeessummaa bunaa kaleessas har’as ibsatu baay’ee buna keenya beeksiseera naan garuu nadhokse.
Bariisaa: Faaydaa argachuu baattanis ashaaraan keessan dhaalootarraa dhalootatti darbaa kan deemudha, kun isin hingammachiisuu laata?
Barsiisaa Taarraqany: Dhugaa dubbachuuf ashaaraa hindagatamne dhalootaaf olkaaheera, ittan boonas ittan gammadas ta’us xiqqaateemallee fayyadamummaankoo naaf mirkanhuu dhabuunsaa nama gaddisiisa, amma namnuu nanbeeku isinuu dhuftanii nagaafachuukeesaniif galatoomaa.
Bariisaa: Abbaan Taaytaa Bunaafi Shaayii yeroosana ture hojii keessan kana ilaalchisuun abbaa kanaa naan hinjenne jechaa jirtuu?
Barsiisaa Taarraqany: Dhugaa dubbachuuf faaruun kun miidiyaaleen bunni utbaa biyyaa ta’uu wayita ibsan hinuma fayyadamu kun ta’us abbaan taaytichaa abbaa kanaa naan hinjenne kunoo amma soorama baheen mana jijjigaa keessan jira.
Bariisaa:Barsiisummaan ogummaa hundaaf utubaa ta’edha buna utubaa dinagdee keenyaa ta’e olkaastanii beeksistaniittu? Abbummaan faaruu kanaa gatiiisiniif hinbaasnekaa?
Barsiisaa Taarraqany:Eeyyee homaa naaf kaffaluu mitiitii abbummaa qabeenyummaa koollee narra fuudhuuf kan yaalan jiru,ani hojii boonsaa hojjedheera dhalootaaf taa’udha, ta’us fayyadamummaankoo dagatamuunsaa nagaddisiisa.
Bariisaa: Abbummaan kalaqa keessaniis iddoo hinarganneeree?
Barsiisaa Taarraqany: Dhugaadha, namni abbaa kanaa naan jedhu hinjirun jedheem, kun xiqqaatee hawwisoo ani hundeesse, walaloofi yeedaloo ani qopheesseerratti maqaankoo osuma beekamellee gaarii ture ta’us dagatameera,anis humnan ittiin achi bahee falmee sirreessisu faaydaakoos kabachiisu hinqabu, qaamni dhimmisaa ilaallatu na iyyaafachuu qaban jedha.
Bariisaa: Amma soorama baataniittu, haala akkmii keessa jirtu?
Barsiisaa Taarraqany: Beekamtii guddaan qaba ture. Manni gandaa waggaa 30 ol tajaajile baruma sana naa kennamee ture. Ta’us har’a nafaana dulloomtee qaawwa sagal qabdi. Roobaafi qorra dandahee qofaa keessa jiraachaan jira.
Bariisaa: Maatii hinqabdanii?
Barsiisaa Taarraqany: Maatii qaban ture, ilmaan afur horadheera. Ta’us irraa adda baheen umrii sooramaa kana keessa qofaakoo qabsoo jireenya dullumaa wal’aansoo qabaan jira.
Bariisaa: Isin hayyuu ashaaraa hindabarre dhalootaaf olkeessaniittu dhaamsa qabduu?
Barsiisaa Taarraqany: Dhaamsin qabu abbaa qabeenyummaan koo naa mirkanaa’uu qaba. Himadhee falmachuu hindanda’u. Hunda caalaa qaamni dhimmisaa ilaallatu jireenya gadadoo ani keessa jiru kana keessaa nabaasuu qaban jedha.
Bariisaa: Turtii nui waliin taasistaniif galatoomaa. Waan buna keenya nuu beeksistaniif yaadannoo dhalootaas waan taataniif Bunaaf nagaa hindhbiinaa.
Barsiisaa Taarraqany: Isinillee iyyaafannoo naa taasifataniif galatoomaa horaa bulaa jechuun barbaada.