06/03/2026
"Yeroo tokko nama waggoota hedduuf utuu hin fuudhiin kophaa jiraatu tokkotu ture. Gaafa waggaa 95 tahu, namoonni" Iccitii maalii duubaa qabda? maaliif hanga ammaatti hin fuune?' jedhanii gaafatani. Innis, 'Naman jaaladhun dhabe' jedhe isaaniif deebise. Namooti gaafficha gaafataa turan haala ajaa'ibsiifachuutiin 'Addunyaa baay'ina namootaa walakkaatti dhiyaatuun durboota qabdu kana keessaa nama siif tahu dhabdee?' jedhanin.
Innis, imimmaan isaa lolasaa, sagalee dulluma isaa kukkutaa akkana jedhe; 'Sirrii dha! Yeroo dargaggummaa kootti nama naaf ta'u tokko argadheen ture...' jedhe. Namoonni icciticha baruuf gaafachaa turan hedduu rifatanii 'Maaliif hin fuuneree yoositti?' jedhaniin. Itti fufee 'Isheenis nama isheedhaaf tahu barbaadaa jirti' jedhee iccitiin kophaa filachuu isaa jaalala ishee umurii guutuu kunuunsuuf tahuu dubbate. Iccitiin nama kanaa namoota hedduu boossise!
Jaalalli hanga dhumaatti waliin turuu qofa miti, hanga dhumaatti abdiidhaan kunuunsudha! Humni jaalalaa akkana."
An akka kooti garuu tokko deemu 1 n filadha