Waajjira Qonnaa Aanaa Oomoo Naaddaa

  • Home
  • Waajjira Qonnaa Aanaa Oomoo Naaddaa

Waajjira Qonnaa Aanaa Oomoo Naaddaa Omo Nada woreda Agriculture office communication

Kilaastaroonni Magaalaa Asandaabootti ijaaraman dargaggootaaf carraa hojii uumuun cinaatti, tasgabbii gabaa magaalicha k...
03/06/2026

Kilaastaroonni Magaalaa Asandaabootti ijaaraman dargaggootaaf carraa hojii uumuun cinaatti, tasgabbii gabaa magaalicha keessattis fidaa jiru.
********
Mootummaan jijjiiramaa magaalotni oomishaalee adda addaa baadiyyaa irraa kan bitan qofa otuu hin taane, iddoo oomisha gara garaa ta'anii jiruu lammilee akka jijjiiraniif xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira.

Mul'ata gama kanaan qabame dhugoomsuufis galmoota gurguddoo afur magaalota keessatti akka milkaa'aniif xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira.

Keessaayyuu magaalonni ballinaan carraa hojii lammileef akka uumaniif hojii ballaa hojjetamaa jiruun jijjiiramoonni gaariin mullachaa kan jiran yemmuu ta'u, hojii gama kanaan hojjetamaa jiruun lammilee hedduuf madda galii uumuudhaan jiruun isaanii akka fooyya'u gochuun cinaatti, hanqina dhiyeessii oomishaalee gara garaatiifillee fala ta'aa kan jiruudha.

Godina Jimmaattis magaalota 50 jiran keessatti kilaastaroonni baayyinaan ijaaramanii gosoota hojii adda addaa irratti dargaggootaaf dubartootaaf carraa hojii akka uumaniif hojiin ballaan bara kana kan hojjetame yemmuu ta'u, lammileen hedduunis carraa hojii argatanii jiruu isaanii fooyyeffachaa jiru.

Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Asandaaboottis kilaastaroota 18 ijaaraman keessatti dargaggootaafi dubartoonni 255 ta'an waldaan gurmaa'anii hojii misooma aannanii fi misooma lukkuu irratti hojjechaa kan jiran yemmuu ta'u, galii gaarii argachuun jiruu isaanii fooyyessuun cinaatti, hanqina dhiyeessii aannanii fi hanqaaquu magaalicha keessa tureefillee fala ta'uu danda'anii jiru.

Mootummaan jijjiiramaa jiruu lammilee jijjiiruudhaan karoora imala badhaadhina biyyaa baasee hojiirra oolchaa jiru yeroo kamiyyuu caalaa daran jabeessee itti fufa.
Bunaaf Nagaa Hin Dhabinaa!!!

03/06/2026
03/06/2026
10/05/2026
Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Ganda Tolii Sabbataatti Oomishni Boqqolloo Kilaasteraan Misoomaa Jiru Haala Gaariin Ku...
10/05/2026

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Ganda Tolii Sabbataatti Oomishni Boqqolloo Kilaasteraan Misoomaa Jiru Haala Gaariin Kunuunfamaa Jira.
Bunaaf Nagaa Hin Dhabinaa!!!

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti biqiltuun gosa adda addaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf haala gaariin ku...
07/05/2026

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti biqiltuun gosa adda addaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf haala gaariin kunuunfamaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaan lafa manca’e bakkatti deebisuu fi haaraa misoomsuun jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiru too'achuun gabbina biyyee dabaluu, madda bishaanii gabbisuu, lafaafi qilleensa jireenyaaf mijaataa uumuuf fayyada.
Bunaaf Nagaa Hin Dhabinaa!!!

Address

Nada

Telephone

+251471150677

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Qonnaa Aanaa Oomoo Naaddaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your business to be the top-listed media company?

Share