13/06/2026
gammaddan 🔷🙏
Morookoon ilma keenya gaaf xiiqii badhaasuuf jirti! Badhaasa kabajaa! Hogganaan keenya Ministirri Muummee Dr Abiy Ahmed lammiilee Afrikaa beekkamoo 100 ta’an keessaa 1ffaa ta’uu isaaniitiin badhaasni kabajaaa isaaniif kennamuuf qophaa'eera.
Morookoon Walgahii Hooggansaa fi Bizinesii Afrikaa magaalaa Marrakeshi keessatti qopheessaa kan jirtu yoo ta’u, odeeffannoon akka agarsiisutti Ministirri Muummee Dr Abiy Ahmad badhaasa kana kan fudhatan jalqabaa ta’uu ibsameera.
Baga gammaddan kabajamoo Muummicha Ministeeraa keenya! Injifannoon keessan Itoophiyaa fi Afrikaa boonsa! Keenya Oluma!!!