18/04/2023
Kompuutara (Computer) Tokkoon Kumpuutara baayyee to'achuun ni danda'ama?
Eeyyee ni danda'ama!
Tartiiba kana gaditti barreeffaman hunda isaa dogongora tokko malee hojii irra oolchinaan salphaatti computer 1 hanga 30 ta'an computer tokkoon karaa salphaa ta'een to'achuun ni dandeessu.
Faayidaa Sooftiweerichaa muraasaa
Faayilaa daddabarsuuf
Ergaa waliif barreessuuf
Screen record gochuuf
Kompuutera nama too'achaa jirtanii software barbaddan fedha abbichaa malee irraatii fe'uu hanga irratti cufuutti isin fayyada.
Akkamitti?
1 Jalqaba irratti computer keessa internet connection qabaachuu qaba.
2 Software Litemanager jedhamu fayyadamna, Litemanager for windows jechuun Googilii irraa filannoo jalqaba irratti argamu filachuun download goona, sana booda sooftiweerichi Format ( gosa faayila) . Zip jedhamuun nuuf bu'a. Tilmaaman 40 hanga 45 MB ta'a.
Fakkeenyaf Maqaan sooftiweerii nuti buufanne Litemanager yoo ta'eef erga bu'ee boodde, Litemanager.zip ta'a jechuudha.
3 Amma ammoo bakka barbaaddan irratti folder tokko uumna , sana booda faayila keenya kana folder uumne sana keessatti Extract goona.
4 Erga Extract goone booda folder keenya keessatti faayilaa argaman keessa appalication lama qofa fayyadamna.
1 Litemanager Pro server
2 Litemanager pro viewer
1 Litemanager pro server maafi fayyada?
Litemanager server kana flash irratti dabarsine computer akka too'atamu barbaadan irratti akkuma software garagaraa install gootanitti install gootu, yeroo install gootan xumara irratti password set jedhe sin gaafata.
Fakkeenya, Set password : 12345678
Confirm password : 12345678
Achuma jalatti IP address Computer keessanni siniif barreessa,
IP computer keessani moobayilaa, warqaaa irratti ni qabattu,
Fakkeenyaa IP kana ilaala
IP : 192.168.137.76
2 Litemanager pro viewer maaliif fayyada?
Computer ittin too'achuu barbaaddan irratti install gootu.
5 Xumura irratti computer litemanager viewer irratti install gootan irraa appicha bantaanii seentu, sana booda maallattoo ida'uu(+)magariisa roga afur qabu irratti si'a lama tuqxu.
Akka isin tuqxaniin wanta kana isiiniif barreessa
Ip ..............
Password.............
IP computer too'achuuf barbaadan sanaaf password set godhattan sana guuttu.
Fakkeenyuma jalqaba irratti fudhanne sana haa fayyadamnu.
IP : 192.168.137.76
Password: 12345678
Dhuma irratti "OK" bakka jedhu irratti cuqaasna
Xumurameera!