07/09/2025
Dubartii jannata hin seentuu?
Foolee jannataa hin argitu Jedhan Nabii Muhammad ﷺ Dubbatan keessaa takka tan mataa Akka Dalluu gaalaatti ol hiituudha
Abaa Hureeyraan akka gabaasetti Nabi ﷺ Garee namootaa lama kan jaha*nnam(Abid*da)
galan Kan Ani hin argintu jira jedhan.
1ffaa Garee halangaa eegee sangaa fakkaattu qabatanii sababa tokko malee nama reeban fkn akka yeroo ammaatti poolisii fi Milishaa ykn saamtota
2ffaa Dubartoota waan uffatan fakkaatanii qullaa deeman fkn kanneen Rifeensa isaanii akka dalluu gaalaatti olxuuxxessanii hidhan,
Gareen armaan olii kun lamaan jannata galuu mitii osoo fooliin jannatallee fagoo irraa namatti dhufee isaan homaayyuu hin argan jedhan.
(Gabaasa Muslim hadiisa # 2128)