29/08/2024
Walgargaaruun aadaafi duudhaa miidhagaa uummata Oromooti!
= = =
Uummanni Oromoo aadaafi duudhaa gabbataa qabutti fayyadamee kan humna hin qabneef humna, kan qabeenya hin qabneef kan qaburraa qooduun walbira dhaabbachuun gaaddisa tokko jalatti tokkummaa wal gargaaraa har'a ga'eera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas adeemsa kana caalmaatti gabbisuun aadaafi duudhaa ganamaa Oromoon ittiin wal gargaaraa ture irraa kan madde kenna tajaajila lammummaa kan boqonnaa sammuu dhala namaaf kan laatu bocuun sirna taasisee hojiin gaarummaa qabu ittiin hojjetamaa jira.
Bu'uuruma kanaan Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa'immaanii Oromiyaa deeggersa meeshaalee barnootaa barattoota harka qalleeyyiif taasifamu kan guyyoota kudhaniif turu dhaadannoo "Barataan tokko meeshaalee barnootaa dhabuun barnoota irraa hafuu hin qabu." jedhuun Biiroolee Naannoo Oromiyaa irraa walitti qabaa jira.
Sosochii meeshaalee barnootaa walitti qabuu kana irratti haasawaa kan taasisa hooggantuun Biirichaa Aadde Maabirat Baacaa duudhaa walgargaarsaa qabnu cimsuun waan dandeenyuun harka qalleeyyii, manguddoota dhadhaboo gargaarsa hin qabne deeggaruufi hojii kenna tajaajila lammummaan hojii bal'aa hojjechaa turuu ibsuun bara kana hojii tajaajila lammummaan barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 3.4 ol deeggaruuf karoorfamee hojjetamaa jiru keessa guyyoota 10 keessatti sosochiin sassaabbii deeggersa meeshaalee barnootaa barattoota harka qalleeyyii miliyoona 2.6 deeggeruuf karoorsanii xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Biirichi seektaroota sosochii kana irratti bara darbe hirmaachaa turaniifi bara kanas hirmaachaa jiraniif waraqaa beekamtii laateera.