
05/06/2025
👉🏾👉🏾👉🏾👉🏾DHIBEE GARAACHAA (GASTRITIS)
👉🏾👉🏾Rakkoo namoonni baay'een yaalaaf dhufan himatan keessaa tokko waa'ee dhukkubbii lapheeti. Maaltu isin rakkise yoo jedhamanii gaafataman? Ana wanti na rakkise guddaan laphema kanatti ibidda na qabee asii ta ka'e dugugguruu duddaa irra na guba, matatillee ol na fiiga, nyaanni na ulfaatee na singiggeessu fi akka waan ol na deebisuullee ni kajeela. Yeroo baay'ee mana yaalaa deemee garaacha qabda naan jedhan? waan jedhu himatu.
Wanti hubatamuu qabuu fi anaaf gaafii ta'e:- ..........garaacha moo dhukkuba garaachaa jedhamuu qaba ture?
👉🏾👉🏾Maraafuu mee dhukkubni garaachaa (gastritis) kun maaliidha?..........dhukkubbiin kun rakkoo namoota hedduu sababoota garagaraatiin nutti dhufan ta'ee kan yeroo wantoonni kunniin garaacha keenya dallansiisuun akka madaa'u ykn quunca'u taasisan nu muudatuudha.
👉🏾👉🏾Sababoota kanniin keessaa ijoowwan:-
1. Dhugaatii alkoolii baay'isuu
2. Tamboo xuuxuu
3. Dhipachuu (stress)
4. Qorichoota muraasa (aspirin, co***ne)
5. Nyaata summaa'e soorachuu (food poisoning)
6. Baakteeriyaa (helicobacter pylori)
7. Yeroo tasa dhangala'aan hadhooftuu garaachatti ol deebi'u fi kkf
Mallattooleen dhukkubbii kanaa muraasni
1. Gubaa lapheerraa ka'uun dugugguruu dugdaa irratti dhagahamu
2. Haqqisiisuu/ lolloojjuu
3. Nyaanni namatti ulfaatuu(indigestion)
4. Deefachuu(belching)
5. Hafuura kutuu ( altokko tokko qufaa)
6. Bowwoo fa'a ta'uu mala
👉🏾👉🏾Hubadhaa!!!
Rakkoon kun yeroo dheeraaf yoo namarra ture xaxaa (complication) qabaachuu mala. Isaan keessaa gurguddoon:-
1. Dhiiguu ( bleeding)
2. Uramuu garaachaa (perforation)
3. Guduunfamuu bahiinsa garaachaa( gastric outlet obstruction)
Yaalaa rakkoo kanaa keessa inni hangaftii fi murteessaan of eeggannoo nyaataa fi dhugaatii irratti godhamuu dha!! ( kana jechuun wantoota akka sababaatti kaafne irraa of eeguudha) kanarra dabarraan yeroon mana yaalaa deemuun ogeessa mari'achiisuudha.
Fayyummaa fayyaa keennaa haa eegnu, haa hordofnu!
Dr. Hajjii Nagawoo