02/09/2024
Mootummaa Gandaa: Mootummaa Ummataa!-Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
OBN Cyber Hagayya 27,2016-Seenaa ijaarsa biyya Itoophiyaa hammayyaa keessatti taateewwan kallattii adeemsa seenaa jijjiiran (turning points) baay’ee muraasa.
Kanniin keessaa inni duraa, qabsoo farra sirna moototaa irratti taasifameen lafti ummatarraa saamamee fiiwudaaloota harka ture ummataaf deebi’uu isaati. Kunis lafa deebisee qonnaan bulaa harka galchuun gaafii dinagdee yeroo sanaa deebisuun boqonnaa goolabame.
Taatee inni biraan, bara 1983 booda bu’uura Heera Mootummaa FDRI Saboonni, sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa dantaa waloo kabachiifachuuf waliigalteen tumatan hordofee sirna federaalizimii ijaarameen kan walqabatu yommuu ta’u, taateen kunis, gaaffii siyaasaa saboonniifi ummattoonni barootaaf gaafataa turan deebisuu danda’eera.
Bu’uura kanaan, saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa mirga ofiin of bulchuu, eenyummaa ofii kabachiifachuu, afaan ofiitiin tajaajilamuufi barachuu akka hinmulqamnetti gonfachuu danda’aniiru.
Haata’u malee, ijaarsi sirna federaalizimii dhugaafi haqummaa qabu waan hinmilkoofneef, gaaffiin demokraasii dhugaafi sirna bulchiinsa mootummaa demokraatawaa, sosochiifi mormii hawaasaa baldhaa umuun hanga sirna jijjiiruutti deemee jira.
Sirni mootummaa federaalawaa ture, bu’uura Heera Mootummaatiin kan caaseffame ta’ullee, giddu-seentummaan murna aangoorra turee daangaa darbe, mirga ofiin of bulchuu ummattootaa sarbeera. Sirni dinagdee shiraan xaxamee ture, murna aangoon harka jiru garmalee yommuu sooromsu, ummata baldhaa gidiraa hiyyummaaf saaxileera.
Heerri Mootummaa birmadummaa abbaa aangoo ummataaf kan kenne ta’ullee, ummanni aangoo kennameef sirnaan akka shaakalu carraa hin arganne. Ummanni mirga mootummaadhaan tajaajilamuu hindaangoofne akka qabu heeran kan beekameef ta’ullee, mootummaan ummata isa aangesse irraa qoollifataa tureera.
Bara 2010 booda, ibiddi gaaffii demokraasii dhugaafi haqummaa yeroo dheeraaf dibamee ture laboobuun sa