Abdulhafiz Taju

Abdulhafiz Taju Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abdulhafiz Taju, Digital creator, Jimma.

Garaagarummaa suuraa kana lamaan gidduu jiru naaf ibsaa mee
01/07/2025

Garaagarummaa suuraa kana lamaan gidduu jiru naaf ibsaa mee

01/07/2025

Baayyee waan na ajaa'ibe keessaaa......
Homaayyuu nan ajaa'ibne😁😄😄😄😄😄

WANTOOTA 6 NAMOOTATTI HIN HIMIN..!Karoora kee.Dadhabina kee.Kufaatii kee.Iccitii kee.Sochii kee kan fuul-duraa.Galii kee...
01/07/2025

WANTOOTA 6 NAMOOTATTI HIN HIMIN..!

Karoora kee.

Dadhabina kee.

Kufaatii kee.

Iccitii kee.

Sochii kee kan fuul-duraa.

Galii kee yookiin (qabeenya) kee hin himin.

JAHAN KANA AMMOO HUBADHU!

Yaadi malee hin dhiphatin!

Nama irraa baay'ee hin eeggatin!

Dandeettii keetti fayyadami!

Dogoggora kee irraa baradhu!

Ofitti amani!

Dandeettii kee beeki!

01/02/2025

¥€₩₩$&* #($($♤●♡●♡●◇♡○》○♡○♧○♤♤▪︎♡▪︎◇▪︎♤《☆♡▪︎◇▪︎♤♡○♡○◇○◇●●

Kaayyoo kee galmaan gahuuf wantoota 5 kana godhi!

1. Jechoota namaa "Maal naan jedhan" sammuu kee ol otuu hin ta'in miila kee jala kaa'i.

2. Rakkina amma keessa jirtuu fi cinqii sitti jirtu kana kaleessa kee yaadachuun, Fuul-dura kee Abdachuun bira kuti.

3. Ogummaa keetii fi cimina kee namatti himuu osoo hin ta'in hojjachuun agarsiisi.

4. Kaayyoo qabaachuu kee malee kaayyoo kee maal akka ta'e namatti hin odeessin. Maalif yoo jatte? Namni kaayyoo kee yoo itti himte karaa itti kuftu siif mijjeessa waan ta'eef.

5. Taatee argamuu, (Ofitti amantummaan hojjachuu).

Please follow my account and share, comment and like
Don't forget this

Jechoota hayyootaa kutaa 1ffaaDiinni yoo si woraane, qaama kee si madeessa,hiriyyaan sobaa garuu sammuu kee si madeessa(...
05/01/2025

Jechoota hayyootaa kutaa 1ffaa

Diinni yoo si woraane, qaama kee si madeessa,hiriyyaan sobaa garuu sammuu kee si madeessa(Araboota)

Dubartootni bifaan warra irraa dhalatte fakkaati,amalaan garuu warra itti heeruman fakkatu(Oromoota)

si`a torba yoo kufte, si`a saddeet lafaa ka`i(Jaappanoota)

Maallaqni hin dubbatu,garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African)

Yoo manni kee laga qarqara ta’e, naacha fira godhadhu. (Indian)

Bakka itti kufte osoo hin taane iddoo iraa sigigaatte(mucucaatte)ilaali lammata akka hin kufne.jecha Afrikaanotaati.

Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbaniiyyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo,gadda waggaa tokkootti jijjiirama!Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoohin taane, nama sammuu hiyyoomeedha!
Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan simuudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
Addunyaa kana irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
Kutaa 2ffaan itti fufaa.....barreessaan barataa keessan abdulhafiiz taajuuti galatoomaa yeroo gaarii qabaadhaa

KUN kan jalqabaati!!!!
30/05/2024

KUN kan jalqabaati!!!!

As wr wb akkam jirtu hordoftoota amantaa musliimaa maraan baga ayyaana iidal faxir woggaa 1445 tiin isin gahe jechaa ayy...
10/04/2024

As wr wb akkam jirtu hordoftoota amantaa musliimaa maraan baga ayyaana iidal faxir woggaa 1445 tiin isin gahe jechaa ayyaanni kun kan jaalalaa kan gammachuuf kan milkaayinaa isiniif akka tahun hawwa.itti aansuun magaalaan asoosaas bifa suuraa irratti argitan kanaan ayyaanicha kabajaa oolteetti.

22/02/2024

Akkam jirtu saba koo isin gorsuuf osoo hin taane isin yaadachiisuuf jedheen jechoota xiqqoo tokko qabadhee dhufee na simadhaa????
"Utuun hin fayyadu ta'ee dachee kana irratti hin uumamun ture." Namni nama ta'ee utuu hin fayyadin uumamuuf jiru yookiin uumame hin jiru. Ati nama akkamii akka taatuu fi oolmaan ati dachee kana irratti dabarsitu maal akka ta'e uumamuu kee dura murtaa'e.

Inni guddaa fi hangafaa oolmaa sana keessa keenyatti deebinee of barbaadu dha. Karaatti waan nutti dhufeef qofa kun kennaa koo isa keessi koo dheebotu dha jechuu hin dandeenyu. Dandeettiin kennaa dha. Wanta hunda danda'u dandeessa. Dandeettiin namni tokko sirriitti danda'u dandeettii kennameefi dha. Dandeettii keessa ofiitii jaalatu, kan itti gammadu dha.

Kanaafuu, waa malee namni uumame, uumamuuf jiru dachee kana irra hin jiru hin jiraatu.

Namni beekaan yeroo hunda beekaa ta'ee hin jiraatu. Beekumsi waa beekuu dhabuu keessatti argama.

Yeroo baayyee waan baayyeen si gammachiisuu danda'a garuu guyyaa Mul'ata kee waliin oolte oolmaan kee gammachuu guddaa, abdii jabaadhaan deegarama.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdulhafiz Taju posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdulhafiz Taju:

Share