22/01/2025
Jalqaba Rasuula(S.A.W) Erga jennee S.A.W jedhii Afaan kee hiikkadhu!
DU’AA’II AZAANA BOODA JA’AN BEEYTUU LAATA ?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
• Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam “Yeroo azaana dhageessan akka muazzinni jedhu jedhaa ergasii Salawaata narratti buusaa, Nama Salawaata tokko narratti buuse Rabbiin Salawaata kudhan irratti buusa”. Jechuun Nuuf dhaaman.
• Ammaas Hadiisa isaanii kan biraa keessatti akkana jechuun dubbatan “ Du’aa’iin azaana fii iqaamaa jidduu qeebalamtuudha.
• Yeroo Muazzinni Azaana azaanu waanuma inni jedhu jechuun jalaa deebisna garuu yeroo Hayyaa Al-Salaat fii Hayya Alal Falaah ja’u Nuti ammoo Laa Hawla Walaa Quwwata illaa Billaahi jechuun jalaa deebisna.
Yeroo Muazzinni Azaana fixe booda Du’aa’ii akkam Kadhanna.
1: Allaahumma Rabba Haazihi Da’awati Taamma, Wassalaatil Qaaimaa, Atii Muhammadan Al-Wasiilata, Wal-Fadiilata, Wab’ashu Maqaaman Mahmuudan Allazii Wa’attahuu, Innaka Laa Tukhliful Mii’aad.
2: Radiitu Billaahi Rabbaa, Wabil Islaami Diinaa, Wabi Muahammadin Rasuulaa.
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
• Du’aa’iin Azaana boodaa muraasni isii tana fakkaatti hanga dandeenyetti haffaznee itti haa fayyadamnuu.
• Rabbiin Warra Du’aa’iin isaanii hundi irraa qeebalamterraa Nu Haa Taasisuu.
•Barreeffama kana dubbiisaatii eegasii share waliif godhaa.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa Jazaakumullaahu Kheeyran
By: Ibsaa Dhugaa
https://t.me/ibsaadhuga