Ulaa Botor

Ulaa Botor Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ulaa Botor, Digital creator, Oromiyaa, Jimma.

Obbo Abbaa Duula Gammadaa bara Pirazidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa turan hidhattoonni Gumuuz Uummata keenya Wallagg...
12/08/2026

Obbo Abbaa Duula Gammadaa bara Pirazidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa turan hidhattoonni Gumuuz Uummata keenya Wallaggaa irratti lola bananii jennaan humna nageenya Oromiyaa karaa amansiisaa ta'een kabachiusuu danda'u yeroo gabaabaa gidduutti ijaaruun hidhattoota Gumuuz daangaa ceetee dachee Oromiyaa humnaan weeraruu dhufte araarama tokko malee tarkaanffii jabaa irratti fudhatanii daaraa botoroo akka taassisanu ajaja itti kennanii bobbaasuun injifannoon ajaa'ibaa bara baraan yaadatamaa jiraatu akka galmaa'u taassisaniuru.Humna shiftaa Faannoo yeroo ammaa daangaa ceetee ummata keenya Angar Guutee fi naannoo sanaa irratti waraana bantee jirtu irratti tarkaanffii jabaa araarama hin qabne akkasiitu fudhatamuu qaba.Namoota harcaatuu sirna nafxanyaa kanaaf dawoo ta'anii uummanni keenya nagaa fi tasgabbii dhorkaa jiranu adda baasuun seeratti dhiyaatanii akka gaafatamanu gochuun barbaachisaa dha.

Andualem Bafakadu

Rakkattee godaannaanHammannee qubsiisnee..Beeloftee gadoodnaanNyaachisnee obaasnee..Har’a beela baateeHar’a daara baatee...
11/08/2026

Rakkattee godaannaan
Hammannee qubsiisnee..
Beeloftee gadoodnaan
Nyaachisnee obaasnee..

Har’a beela baatee
Har’a daara baatee
Saba koo garraamii
Mataatti ol baate..

Kan beela’ee dhufee
Qufee si ajjeesuuf
Maaliif garaa baattaa?
Kan rasaasaan dhufeef
Maaliif aannan laattaa?

Gara-laafummaan kee
Baraan si salphisaa..
Qe’ee kee hongessee
Qullaa si hambisaa

Dammaqi dammaqi
Alagaan alagumaa
Isa du’eef hin boo’in
Atis baafadhu gumaa!

Abdi Getachew galatoomi 🙏

Rakkoo Hawaasaa Keenya!!
05/08/2026

Rakkoo Hawaasaa Keenya!!

31/07/2026
Imimmaan Ummata Adaree hin qoorre  Bulchaa ati muuddatte hoggansa ummataa akka ati hin taanee fi Corataa ta'uuf akka dee...
21/06/2026

Imimmaan Ummata Adaree hin qoorre Bulchaa ati muuddatte hoggansa ummataa akka ati hin taanee fi Corataa ta'uuf akka deemaa jirtu agarsiisa .
Daraaraan isaa Uummata bira Darbee Hangaa Nama dhunfaa miidhuutti gahe ture
Ammas ummanni Gandichaa fala barbadachuu qaba.

Muudessa siyaasaa (politicizing the mood)Suusiin badaadha. Suusii hojii of dhabsiisuu. Suusii goomattummaa fi hamattumma...
11/06/2026

Muudessa siyaasaa (politicizing the mood)

Suusiin badaadha. Suusii hojii of dhabsiisuu. Suusii goomattummaa fi hamattummaa horachuun namummaa nama dhoowwa. Lakki Jara keenya nama ta’aa.

Waggaa 4 dura Adde adaanechi Koonkoo caamma godhatte, isa otoo hin geeddariin akkamitti magaalaa Finfinnee bulchiti jedhanii poloteeksanii moodii itti qabatan. Innis hamii irra darbuu dadhabe.

Ammammoo poloteeksitoonni keenya Shimeen sa’aatii wahii hidhate jedhanii ajandaa guddicha aangorraa ittiin isa kaasan nutti firfirsan. Toole jenneetuma muudessine.

Siyaasni biyya keenyaa muudii irra darbuu dadhabde.

Mee muudiin akka hin haphanneef warra muudessaniif, waa fafakkeessaa itti ergaa. Silaafuu warri waa nuuf ergaa jechaa jiran, sayinsii siyaasaarraa gara “muudessa siyaasaatti” ce’anii waan jiraniif.

Yaa Disco koo durii tokko otoo jiraatte siyaasa aja’abaa irraa hojjadha.🤣

  jahan 6 OromiyaaCaaseffamni Godina jedhu maal ta'a?@@@@@👇Naannoo Oromiyaa keessatti hojii mootummaa fi misooma saffisi...
10/06/2026

jahan 6 Oromiyaa
Caaseffamni Godina jedhu maal ta'a?
@@@@@👇

Naannoo Oromiyaa keessatti hojii mootummaa fi misooma saffisiisuuf jechuun qooddiin kilaasteraa ifoomeera. Oromiyaan kilaasteroota 6/jahaa/ .. keessatti qoodamtee hojii mootummaa fi tajaajila mootummaa haala bu'a qabeessa ta'een akka kennitu irratti hojii hojjetameera.
Qooddiin kilaasteraa kun tokkummaa uummata Oromoo cimsuu, hojii mootummaa saffisiisuu fi misooma walqixa ta'e fiduuf akka kaayyeffate ibsameera.
Kilaasteroonni mootummaa Oromiyaa keessa:
1. Kilaastera Wallaggaa
2. Kilaastera Jimmaa
3. Kilaastera Shaggar
4. Kilaastera Adaamaa
5. Kilaastera Shaashamannee
6. Kilaastera Adoolaa Woyyuu
Qooddiin haaraan kun mootummaa fi uummata gidduutti walitti hidhamiinsa cimsuun, tajaajila mootummaa dhiyeessuu fi hojii misoomaa saffisiisuuf mootummaa naannichaan hojii irra oolfamaa jira.

Jimma Zone Communication
Oromia Prosperity Party / OPP /

Address

Oromiyaa
Jimma
ULAA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ulaa Botor posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share