Qajeelcha Fayyaa G/S/Oromoo የኦሮሞ ዞኑ ጤና መምሪያ

  • Home
  • Ethiopia
  • Kemise
  • Qajeelcha Fayyaa G/S/Oromoo የኦሮሞ ዞኑ ጤና መምሪያ

Qajeelcha Fayyaa G/S/Oromoo የኦሮሞ ዞኑ ጤና መምሪያ Oromo Health Department Health Education and Promotion Center, main objective is disseminating update health information for the community.

Oromo zone is one of special zone in amhara region. Its capita city is Kemisse which is found 325 KM from Addis Ababa. It has tow urban and five rural worda.

19/09/2025
Magaalaa Qulqulluu Fayyaa Hawaasaatii !!  Fayyaa Aanaa Dawwee Harawaa Magaalaa Qulqulluu fi ganda moodeela Uumuuf Hojii ...
10/09/2025

Magaalaa Qulqulluu Fayyaa Hawaasaatii !!

Fayyaa Aanaa Dawwee Harawaa Magaalaa Qulqulluu fi ganda moodeela Uumuuf Hojii Hojjatamaa jiru gahee qabeessoota Waliin qorate.

Qaamee 05/13/2017
Bulchiinsa Saba Oromoo Aanaa Dawwee Harawaatti Bobbaa qindaawaa Magaalaa Qulqulluu fi ganda moodeela Uumuuf kennameen Hojii Hojjatamaa jirun raawwii irra gahame irratti Offisaroota Waajjiraa, Ogeessoota Buufata Fayyaa Booraa M/Booraa irratti ramadamanii deeggaraa jiranii fi Ogeessoota ekisteenshinii Fayyaa waliin Bakka I/Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Obboo Abduu Sayid Fi I/Gaafatamaan Mana Qopheessaa Dursaa Magaalaa Booraa Obboo Hamzaa M/d Jamaal argamanitti qorannoo kan gaggeeffame yoo ta'u gabaasa raawwii bobbaa ogeessoonni dhiyeessuun marii taasifameen hojiin boonsaan raawwatamuu isaa mirkaneessuun danda'ameera . Gandoota aanichaa biroorrattis bobbaan qindaawaan kenname xiyyeeffanna addaatiin kan hordofamuu fi deeggarsi barbaachisu cimee itti fufuun sagantaa qabameen xumuuruuf kan hojjatamu ta'uus ibsameera.

Qaammee 05/2017
Waajjira Fayyaa Aanaa Dawwee Harawaa

✅✅✅✅✅✅✅✅

 # Koreen Maaneejimantii fi RRT Waajjira Fayyaa Aanaa Dawwee Harawaa marii fi qorannoo  gaggeesse.Qaamee 05/13/2017 Bulc...
10/09/2025

# Koreen Maaneejimantii fi RRT Waajjira Fayyaa Aanaa Dawwee Harawaa marii fi qorannoo gaggeesse.

Qaamee 05/13/2017
Bulchiinsa Saba Oromoo Aanaa Dawwee Harawaatti koreen Maaneejimantii fi RRT Waajjira Fayyaa hojiile gama To'annoofi hordoffii balaa tasaa Fayyaa Hawaasaa ta'an irratti Hojjatamaa jiran irratti qorannoo kan gaggeesse yoo ta'u , Keessattuu ittisaa fi to'annoo weerara dhibee busaa irratti sochiin aanaa kaasee hanga qindoominaan taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuu qabuu fi fuuldurattis wantoota hafan itti dabaluun cimsanii Gandoota aanichaa hundarratti akka hojjatamuu fi weerara dhibee busaa ittisuu fi to'achuu irratti straateejiiwwan jiran hojiirra oolchuun deeggarsaa fi hordoffiin barbaachisu cimee itti fufuu akka qabu kallattiin kaa'ameera.
Dabalataanis Dhaqqabamaa fi itti fayyadama agoobaraa ilaalchisèe ummatni agoobara of harkaa qabu sirriitti sakatta'uun akka fayyadaman taasisuu fi hubannoo cimsuu, fi Agoobara argamu gandoota weerara busaatiif irra caalaa saaxilamoo tahan irratti xiyyeeffachuun kan barbaachisu ta'uu, Akkasumas haadholii ulfaa , daa'immaniifi jaarsooliidhaaf dursa dursa kennuun dhibee busaarraa baraaruuf xiyyeeffannaan hojii hojjatamuu qabu irratti gadi fageenyaan mari'atee murteessee jira.

Qaammee 05/2017
Waajjira Fayyaa Aanaa Dawwee Harawaa

በደዌ ሀረዋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት በየቀበሌው ላሉት የሴቶች ልማት ህብረት እና ለጎጥ ጤና መሪዎች ትኩረት በሚፈልጉ የጤና ተግባራት ዙሪያ የተግባቦት እና የግንዛቤ ማስጨበጫ ውይይት እና ግምገማ ...
09/09/2025

በደዌ ሀረዋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት በየቀበሌው ላሉት የሴቶች ልማት ህብረት እና ለጎጥ ጤና መሪዎች ትኩረት በሚፈልጉ የጤና ተግባራት ዙሪያ የተግባቦት እና የግንዛቤ ማስጨበጫ ውይይት እና ግምገማ ተጠናክሮ እየተካሄደ ነው ።
--------------------------------
ጳጉሜ 04/2017
የደዌ ሀረዋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት

በወረዳው ባሉት ቀበሌዎች ላይ የሴቶች ልማት ህብረት እና ለጎጥ ጤና መሪዎች ትኩረት በሚፈልጉ ወቅታዊ የጤና ተግባራት ዙሪያ የተግባቦት እና የግንዛቤ ማስጨበጫ ውይይት እና ግምገማ በተጠናከረ መልኩ እየተካሄደ ነው።

በዚሁ መሰረት በዛሬው ቀን የወጨቃ ቀበሌ የሴቶች ልማት ህብረት እና ለጎጥ ጤና መሪዎች ጋር የጤና ስራዎችን አጀራጅተው በስራቸው ያሉትን አሳትፈውዎ በቅንጅት እንዲሰሩ ከጤና ኤክስቴንሽን ባለሙያዎች እና ከጤና ተቋሙ ጋር በቅርበት ተሳስረው በጤናው ዘርፍ ውጤታማ ስራ መስራት እንዲችሉ ለማነቃቃት እና አቅማቸውን ለማሳደግ በሚጠቅመው በየ15 ቀኑ መደበኛ ውይይትና ግምገማ እንዲያደርጉ በሚጠበቀው መሰረት ነው እየተወያዩ ያሉት።

የሴቶች ልማት ህብረት እና ለጎጥ ጤና መሪዎች በመቀናጀት የእናቶች እና ህፃናት ጤና፣ በወረዳ ትራንስፎርሜሽን ፣ ተላላፊ በሽታዎችን መከላከልና በህብረተሰብ ጤና ችግሮች መከላከል ፣ በጥቅሉ የጤና ኤክስቴንሽን ፕሮግራምን ውጤታማ በማድረግ ረገድ የበኩላቸውን አስተዋፆ እንዲያደርጉ የሚያስችላቸው ውይይት እና ግምገማ እያደረጉ ነው።

Aanaa Dawwee Harawaatti  dhimmoota Fayyaa waqtaawoo irratti Garee misooma dubartootaa fi Dursitoota Fayyaa gooxii waliin...
09/09/2025

Aanaa Dawwee Harawaatti dhimmoota Fayyaa waqtaawoo irratti Garee misooma dubartootaa fi Dursitoota Fayyaa gooxii waliin gandoota hundarratti mariin gaggeeffamaa jiru cimee itti fufeera.

Guyyaa 04/13/2017
Godina Saba Oromoo Aanaa Dawwee Harawaa guyyaa har'aa Gareen gamtaa misooma Dubartootaa fi Dursitootni Fayyaa gooxii (VHL) Ganda Wacaqaa hojiilee waqtaawoo Fayyaa irratti ganda modeela uumuu ilaalchisee Gareen misoomaa hundi Abbaa warraa isaan jala jiraniif hubannoo gahaa uumuuni fi bar barsiisuun paakkeejjii ekiateenshinii fayyaa akka guuttatan taasisuu fi hojiilee fayyaa biroorratti marii fi qorannoo kan taasisan yoo ta'u , fuuldurattis Hojiilee waqtaawoo ittisaa fi to'annoo dhibee busaa, Fayyaa haadholii fi daa'immaniirratti, Ganda moodela uumuu fi hojiilee fayyaa biroorratis ciminaan akka hojjatamuu qaban hojiin lakkaawamee kennameefi jira.
Paagumee 04 /2017
Waajjira Fayyaa Aanaa Dawwee Harawaa

08/09/2025
ጳጉሜ 3-:የእምርታ ቀን::"እምርታ ለዘላቂ ከፍታ"ለዜጎች ጤና ለሀገር ብልጽግና!
08/09/2025

ጳጉሜ 3-:የእምርታ ቀን::

"እምርታ ለዘላቂ ከፍታ"
ለዜጎች ጤና ለሀገር ብልጽግና!

እንኳን ደስ አላችሁ የአማራ ክልል ጤና ቢሮ የበሽታዎች መከላከልና መቆጣጠር እና የኤች አይ ቪ ኤድስ ዘርፈ ብዙ ምላሽ ዳይሬክቶሬቶች፦የኦሮሞ ዞን ጤና መምሪያ በ2017 በጀት ዓመት የሽታዎች ...
07/09/2025

እንኳን ደስ አላችሁ
የአማራ ክልል ጤና ቢሮ የበሽታዎች መከላከልና መቆጣጠር እና የኤች አይ ቪ ኤድስ ዘርፈ ብዙ ምላሽ ዳይሬክቶሬቶች፦

የኦሮሞ ዞን ጤና መምሪያ በ2017 በጀት ዓመት የሽታዎች መከላከልና መቆጣጠር እና የኤች አይ ቪ ኤድስ ዘርፈ ብዙ ምላሽ ተግባራትን የላቀ አፈጻጸም ስላስመዘገበ የሰርተፍኬት ዕውቅና ተሰጥቶታል።

ጳጉሜ 2- የኅብር ቀንጤናማ ትውልድ፣ ለአብሮነት እና ለሀገር ብልጽግና!
07/09/2025

ጳጉሜ 2-
የኅብር ቀን

ጤናማ ትውልድ፣ ለአብሮነት እና ለሀገር ብልጽግና!

Ganda Baxxee fi Goodatti Mariin Qulqullinaa fi Saaniteeshinii gaggeeffameQaammee 01, 2017 (Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa...
06/09/2025

Ganda Baxxee fi Goodatti Mariin Qulqullinaa fi Saaniteeshinii gaggeeffame

Qaammee 01, 2017 (Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Sanbatee

Gaggeessitoota gandoota Baxxee fi Goodaa waliin mariin Haayjiinii fi Saaniteeshiinii gaggeeffamee jira. Bakka ogeessoonni waajjira fayyaa aanaa Jiillee Dhummuugaatii fi gaggeessitoonni gandoota lamaanii argamanitti mariin qulqullina naannoo fi dhuunfaa, ODF, gandoota modeela gochuu bal'inaan gaggeeffamee jira.

Marii kanaan gaggeessitoota waliin mana fincaanii ijaaruu, balfa dhabamsiisuu, qulqullina bishaanii hordofuu fi dhaabbilee mootummaa gandoota keessatti argaman qulqulluu fi hawwatoo gochurratti waliif galuun danda'amee jira.

Keeztiimii Haayjiinii fi Saaniteeshiini Waajjira Eegumsa Fayyaa aanaa Jiillee Dhummuugaatin

Mariin Haayjiini fi Saaniteeshiinii Sanbatee 01tti adeemsifameQaammee 01, 2017 (Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jiillee Dh...
06/09/2025

Mariin Haayjiini fi Saaniteeshiinii Sanbatee 01tti adeemsifame

Qaammee 01, 2017 (Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Sanbatee)

Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugatin mariin Haayjiini fi Saaniteeshiinii Bulchiinsa Magaalaa Sanbateetti gaggeessitoota Ganda Sanbatee 01 waliin gaggeeffamee jira.

Marii kanaan gandich ODF fi Modeela gochuuf qophiilee dursaa raawwatamuu qaban adda baasudhan ergaa irratti mariyatameen booda kallattiin hojii gara fuulduraas kaahamee jira.

Marii kanarratti qulqullinni bishaanii rakkoo akka qabu, manni fincaanii ummataa naannoo gabatti akka barbaachisu, ekisteenshinoonni gandaa humna guutun gara hojitti akka galuu qabanii fi balfi sirnaan dhabamsiifamuu akka qabu ka'ee irratti sirritti mariyatamee jira.

Waajjira Fayyaa Aana Jiillee Dhummuugaa kutaa Qulqullina bishaanii, dhabamsiisa balfaa fi too'annoo saniteeshinitin kan gaggeeffameedha

Address

Kemise

Telephone

+251335540266

Website

https://arhb.gov.et/

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qajeelcha Fayyaa G/S/Oromoo የኦሮሞ ዞኑ ጤና መምሪያ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Qajeelcha Fayyaa G/S/Oromoo የኦሮሞ ዞኑ ጤና መምሪያ:

Share