18/03/2024
Humnoonni finxaaleyyii faannoo Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota addaa addaa keessatti haleellaa raawwataa jiraniin namoota nagaa ajjeesaa jiru jedhame.
Halleellaa kaleessa gandoota Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti raawwataniin uummata irraa namoonni shan ajjeefamuufi torba madaa'uu maddeen himu.
Humnoonni kun haleellaa walitti fufaa gandoota akka Xuquree Gooroo, Wadaawoo, Baalciifi Mudhii Facaa akkasumas gandoota biroo keessatti taasisaa jiru jedhame.
Guyyaa kaleessaa Bitootessa 17 bara 2024 haleellaa Aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota xuquree gooroo, Wadaawoo, Balciifi Mudhii Facaa irratti raawwataniin namoonni nagaa ajjeefamaniiru.
Kaleessa yoo xinnaate namoonni shan ajjeefamuu fi torban kan ta'an immoo madaa'uu maddeen himani jiru.
Humnoonni finxaaleyyii kun yeroo mara baatii ramadaanaa eeggachuun haleellaa qindaa'aa uummata Oromoo Walloo irratti banus jedhame.
Guyyaa kaleessaa Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti haleellaa qindaa'aa kallattii sadiin uummata irratti banuu himan.
Rakkoo nageenyaa humnoonni finxaaleyyii faannoo kun uumaniin uggurri geejjibaa labsamee sochiin geejjibaa dhibuun uummanni rakkoo biraaf saaxilamuu jiraattonni himu.
Uummanni bara kana midhaan hin galfanne kan jedhan jiraattonni, sababa uggura geejjibaafi daandiitiin aanaa tokko irraa gara aanaa biraa deemnee waa bitachuu hin dandeenyu jedhu.
Kanaan dura midhaanis ta'e wantonni barbaachisan biroon naannoo biraa irraa nuuf seenee jennaan bitanna kan jedhan, amma sun akka hin jirre himu.
Karaa tokkoon haleellaa humnoota kanaan uummanni madaa'e sababa yaalaa fayyaa argachuu dhabuun lubbuu dhabaa jiraachuu himan.
Mootummaan haleellaa finxaaleyyii kanaa to'achuu dhiisuun humnoonni mootummaa illee uummata rukutaa jiraachuu hima jiraataan OMN dubbise.
Humnoota finxaaleyyii kana jalqabas kan hundeessuun hidhachiise mootummaa mataa isaa ta'uu kan yaadachiisan jiraattonni, har'a humnoonni mootummaafi finxaaleyyii uummata rukkutaa jiru jedhan.
Haleellaa humnoota finxaaleyyii, uggura geejjibaafi namoonni madaa'an yaalaa fayyaa argachuu dhabuu dabalatee uummanni Oromoo Walloo rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu jiraattonni OMN dubbise himaniiru.
Dhimmoota komii uummataa irratti yaadaafi deebii bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuuggaa Obbo Alii Sa'id dhaga'uuf bilbillaan bilbila kaasanii OMN ta'uu erga baranii bilbila cufatan.
Irra deebinee bilbilluufis bilbila hin kaasan.
Dabalataan itti gaafatamaa Waajjira biltsiginnaa Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Obbo Abdallaa Ahimadiif bilbillaan dhimma kana irratti odeeffannoo guutuu akka hin qabne nuuf himuun dhimma kana irratti yaada kennuu irraa of qusataniiru.
Madda Omn