14/11/2025
Bulchiinsa Magaalaa Caffaa Roobitiifi Aanaa Arxummaa Furseetti Ayyaanni Sabaafi Sab-lammootaa Marsaa 20ffaaf Hojjettootaa Mootummaa Waliin Marii Paanaaliin Kabajame.
Bulchiinsa Magaalaa Caffaa Roobitiifi Aanaan Arxummaa Furseetti, Ayyaana Sabaafi Sab-lammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa marsaa 20ffaa ilaalchisuun, dhaadannoo "Waliigaltee Dimokraatawaa Tokkummaa Sab-daneessummaadhaaf" jedhuun hojjattoota mootummaa waliin waltajjiin marii gaggeeffamee jira.
Marii Kana irratti Kabajamoo Afa-Yaa'ii Aanaa Arxummaa Fursee Obbo Ahimad Ibraahim,Afa-Yaa'ii Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Caffaa Roobit Obbo Ahimad Gizaaw fi Ogeessoonni Walii galaa Bulchiinsa Magaalaa Caffaa Roobit fi Aanaa Arxummaa Fursee bakka argamanitti mariin kun dimokraasii fi sirna federaalaa Itiyoophiyaa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u,Ogeessa Waajjira Haqaa Obbo Asaffaa Daamuu sanada hubannoo hirmaattootaaf dhiheessaniiru.