20/10/2024
NAGEENYA!!!!!!
Biyyi nageenya malee nageenyi biyya malee hin miidhagu. Seenaa biyya kanaa keessatti Oromoon biyya ijaaruuf aarsaa lubbuu kanfaluu irraa eegalee hanga biyya isaaf waardiyyaa ta'uutti gatiin biyya Itoophiyaaf kanfalaa ture waan salphaa miti. Ammas bara Oromoon biyya bulchutti sirna jabaa, biyya hundaaf taatufi nageenya biyya kanaa hundeerraa tasgabbeessuuf hojiin gootichi ilma abbaa gadaa Abbichuu Abbaa malaa hojjechaa jiru waan baay'ee boonsaadha!
Biyya ijaaruuf nageenya biyyaa mirkaneessuuf carraaquun dubbii ijoo waan ta'eef humna jabaa biyya kanaaf waardiyyaa ta'u haala kanaan ijaaruun baay'ee waan nama boonsudha!
Biyya keenyaaf waardiyyaa ta'uun dirqaama oromummatti
Nageenyi bu'ura waan hundaati!
Nageenya waaraa mirkaneessuun misooma itti fufinsa qabuun dinagdeen biyyaa akka guddatu gochuu irra darbee karoora imala badhaadhinaa mirkaneessuu keessatti ga'ee olaanaa qaba.
Nageenyi waaraan lammileen nagaafi tasgabbiidhaan ba'anii galuun biyya isaanii keessa akka jiraataniif murteessaa waan ta'eef hawaasni keenya bakka jiranitti nageenyi akka bu'uuf ga'ee isaan irraa eegamu bahachuu qaba.nageenya oromoofi oromiyyaa mirkanneessuf
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Makamuun Injifannoo Tiksuudha.
Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti Makamuun Injifannoo Oromoon Goonfatee Tiksuun Biyya Nagaa Qabeettii Lammiileef Mijattuu Taate Ijaarudha.
Kanaaf Dargaggoonni Ulaagaa Guuttan Dorgomuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti Makamuun Carraa Biyya Ofii Tajaajiluu Argachuun Gootummaa fi Jaalala Biyyaaf Qabnu Haa Agarsiisu.
Kana Malees Ogummaa Seeraa, Ogummaa Fayyaa, Ogummaa Injineriitiin Hayyoota Filatee Leenjisuu Waamicha Gochaa Waan Jiruuf Dargaggoonni Carraa Argame Kanatti Fayyadamuun Biyya Ijaaruu Keessatti Qooda Haa Fudhannu.