
25/04/2025
👌 👏 😍 waan ajaaibaa
Mee namuu
walif godhaa seenaa tana dubbisaa wahi irraa barattuu.
ajaaibaa isaan kun family takka tan seenaa takka na yaadachiisan
tokko abbaan ilma isaatiin waan sadeen kana rabbi narraa hin fudhatin jeii rabbi karadhuu je'een
Sani mucaan mee maali abba je'een?
Abbaaniis maal je'een beeytaa
1)nyaata nyaata addunyaa hunda caalu kana nan dhoorkin
2)gammachuu gammachuu hunda caaltu tan naaf kennite narraa hin fudhatin
3)hirriiba irraa hirriiba caalaa kan naaf kennite kana narraa hin fudhatin je'ii rabbi karadhu je'een
Mucaan abbaa ajaaibeeti yaa baabaa bar nyaanni nuti nyaannu kun nyaatuma xiqqaa kanaa eessaa nyaata namaa caala
Hirriibni nuti rafnuus kanuma yaadaan nu fixu kanaa eessaa hirriiba bareedaadha?
Gammachuun teenyaas mee maal qabnaa gammanna je'een?
Sani abbaaniis bar ilma kiyya
nyaatarraa nyaatni hundarra caalu nyaata hoggaa beeyloote nyaatu sanii bar
Gammachuun hunda caalti saniis kan miskiina yatiima dhabaa gargaartee arkattu sanii je'een
Hirriibni hunda caaluus kan hoggaa dalagaa ooltee dadhabdee mantti galtu raftu sanii je'een
Sadeen kana numaahuu hin dhabinii jireenya kee keessatti je'een abbaan ilma isaatiin
Seenaan tun family kana natti fakkaati akkaan Argentina
family ame hundi warra if osoo hin tahin biyyaaf yaadu
Waan qaban hundaan biyya isaanii fayyadan
Isiniis family akkanaa isin haa godhu rabbiin
Quudha dhabuun tan sheeyxaana jannata ariite
Histiin tan gastric ummata fixxe tana
family akkana kana tahuun kennaa rabbiiti
Baga rabbi isin olfuudhe
Rabbi umrii haadha fi abbaa keesanii isiniif haa dheereessu wly
Isin jaalanna family