
30/08/2025
🌐leadership 🪐
👉Nabiyyii Muhammad ﷺ nama hoogganaa cimaa ta’uun seenaa addunyaa keessatti dorgomaa kan hin qabneefi hanga sirna Bulchiinsa yeroo amma addunyaan ittin bulaa jirtuuf fakkeenyaa gaarii tahun ittin beekamanii fi kabajamani dha.
Nabbiyyi Muhammad ♡ﷺ♡
👉Sirna Hoggansaan
👉Amiirumman
👉Siyaasaan
👉Dinagdeen
👉Bulchiinsa Faayinaansiin
👉Hooggansa waraanaan
👉Abba Seerumman fi kkfn keessatti dandeeytiin Hooggansa isaani hanga guyyaa arraatti Adunyaan kan dinqisiifatamaniidha.
⚖️ Sirna Bulchiinsaa fi Hoggansa
Nabiyyii Muhammad ﷺ hoogganaa diinagdee, siyaasaa, fi hawaasummaa cimaa ta’aniiru.
Seera Islaamaa (Shari’aa) bu’uura godhanii sirna haqaa fi walqixxummaa diriirsan.
Hawaasni yeroo isaaniitti walqixxummaa, tokkummaa, fi nagaa irratti hundaa’e ture.
Jaarraa keessatti ummata birmadummaa fi walqixxummaa jaallatu hojiin agarsiisan.
👉Charter of Madinah (Hidhamuu Madiinaa): Sanadni kuni ummata Muslimaa, Yahuudotaa fi saba biraa waliin waliigaltee nageenyaa fi walqixxummaa labsu ture. Bulchiinsa hafuura shuraa (mariidhaan): Nabiyyichi marii (Shuraa) sahaboota waliin godhee murtee seeraafi siyaasaa baasa. Sirna haqaa fi mana murtii: Nabiyyichi murtii haqaa irratti hundaa’e kennaa ture, namni hundi seera jalatti walqixxee ture. Sirna diinagdee: Zakaat, sadaqaa, fi qoodinsa qabeenyaa diriirse. Hawaasa hiyyummaa keessaa baasuuf tarsiimoo diriirsa ummanni muslimaa Dinagdeen addunyarratti fakkeenyaa gaarii akka tahaniif hojiilee Gurguddoo kan hojjataniidha.
📖 Kennaa fi Faayidaa Addunyaa Irratti
Qur’aana buusuun, namoota gara haqaa fi jireenya gaarii dhaqan Aadaa, malaammaltummaa fi hacuuccaa keessaa gara tokkummaa fi kabaja namummaa geessan Addunyaa keessatti seera haqaa, walqixxummaa fi tasgabbii buusuuf fakkeenya.
👉Sirna bulchiinsaa Nabiyyii Muhammad ﷺ mootummaa haqaa, walqixxummaa, fi nageenya irratti hundaa’e ture. Nabiyyichi siyaasaa fi amantiin walitti fiduun, ummata Muslimaa fi ummata biraa gidduutti waliigaltee labsuun mootummaa amantii fi siyaasaa walitti makuun Hoogganaa turan .
✍Kominikeeshinii Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha