11/12/2025
# Ergaa Ariifachiisaa
“Talaalamuun Mirga Daa’immaniiti. Talaalchisuun immoo Dirqama Maatii fii Guddistootaati”.
≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈
Muddee 2/4/2018.
Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan dhuuggootti Duulli Talaallii Pooliyoo Qindaa'aa Marsaa 4ffaa Bara 2018 Muddee 3/4/2018 Hanga Muddee 6/4/2018tti Daa'imman Umriin isaanii waggaa 5 gadiitiif Manaa Manatti kan kennamu tahuu Waajjirri Fayyaa Aanaa Shanan dhuuggoo Beeksiseera.
Kanaafuu Maatiin Daa'immanii guyyaa 3/4/2018 jechuuniis guyyaa boruu irraa Eegalee ogeessoonni fayyaa qe'ee keessanitti argamuun duula Qindaa'aa talaallii Pooliyoo Marsa 4ffaa gandoota Aanichaa hunda irratti Waan kennaniif jecha maatiin daa'mmanii hundinuu ergaa kana hubattanii Carraa Kanatti fayyadamuun daa'imman keessan talaalchisuun fayyummaa abdii Eegeree daa'imman keessanii akka kunuunsitan irra deebinee isin hubachiifna.
Akka Aanaa keenyaatti Duula Qindaa'aa
Talaallii Pooliyoo Marsa 4ffaa kanaan Daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gad ta,an kuma jahaatamii jahaafii dhibba saddeetiifii torbaatamii torba (66,877)tahaniif ni kennama.
Talaalliiwwan daa’immaniif kennamu kunuunsa daa'immaniifii dhibee laamsheessaa pooliyoo ittisuuf baay'ee murteessaadha.
Dhibee Pooliyoo laamsheessaa kana daa'imman irraa ittisuuf Duulli talaallii farra dhibee pooliyoo marsaa 4ffaa guyyaa jimmata boruu ganama irraa eegalee hangaa Muddee 6/2018tti ogeeyyii fayyaatiin deeggaramee manaa manatti waan kennamuuf
Daa’imman dhalatanii hanga waggaa shanii gad jiran talaalchisuun, maatiin fayyaa isaanii eeguuf qooda keessan akka bahattan jechaa
Ogeeyyiin fayyaa sadarkaan jirtan,hoggansi gandaa fii hawaasni milkaa’ina hojii talaallii fii tajaajila fayyaa kan biroos waan kennamuuf jecha tumsa isinirraa eeggamu hunda goochuu qabdu.
"Waliin Taanee Daa'imman Keenya Dhibee Laamsheessaa Pooliyoo irraa Haa Baraarruu!
Ergaa Waajjira Fayyaa Aanaa Shanan Dhuuggooti.
Faaya.
Farda Coolleedha.